AFAAN OROMO Text

Miseensoonni Parlaamaa Biriteen dhimmaa Andargaachoo Tsiggee ilaalchisuun waltajjii falmii torbee dhufu keessa akka qopheessan beekameera.

Miseensoonni Parlaamaa Biiriteen dhimmaa Andargaachoo Tsiggee ilaalchisee tarkaniiffii mootummaan biyyaattiin fudhatamuu qaburraatti waltajjii falmii torbee dhufu akka qopheessan beekameera. Ji’oota muraasaa booda Andargaachoo Tsiggee bakka bu’oota mootummaa Biiriteeniin akka hin daawwatamne dhorkamuun miseensoota Parlaamaa fi qamoolee mirga namoomaaf falman biraatti sodaa uumeera Miseensoonni parlaamaa tarkaaniiffii dippilomaasii Mootummaa isaan fudhachuu qabu irratt mari’achuuf kibxataa dhufu waltajjii falmii addaa akka qopheessan dhaabbanni ...

Read More »

Mootummaan Itiyoopiyaa sarbamuu Mirga Namoomaa Dhoksuuf tajaajila Interneetii akka cufee Aminstii Internashiinaal beeksiiseera.

Mootummaan Itoophiyaa tarkaniiffii seeraan alaa loltoonni mootummaa ummataa irraatti fudhatan uwwisa miidiyaalee akka hin arganeef caasaalee oduu toora Interneetii 16 akka cufe Amnestii Internaashinaalii gabaasa baseen beeksiiseera. Tarkaniiffii Mootummaan Itoophiyaa caasaalee toora interneetii dabalatee, tajaajila Interneetii gutumaatti cufuu fi to’aachuuf fudhateen, paartii mormitoota fi qamooleen mirga namoomaaf falmaan miidhhaf saaxilamuu isaanii qorannaan Amnestii Internaashinaalii Jarmiyaa Observatory of Network Interference jedhamu ...

Read More »

Dr Maraaraa Guddinnaa erga hidhamanii guyyoota 15n booda yeroo jalqabaaf Abbukatoota isaanii wajjiin mari’atan

Dr Maraaraan erga mana hidhaa sukkaneessaa Maa’ikalaawwiitti hidhamanii guyyoota 15 booda yeroo jalqabaaf Abukaatoota isaanii Obboo Wandimmuu Ibsaa fi Dr Yaaqoob Haayla Maariyaam wajjiin wal arganii mari’ataniiru. Akka Abukatoon isaanii Obboo Wandimuu Ibsaa sagalee Amerikaa sagantaa Afaan oromootti himanitti, Dr Maraaraan harki isaanii caancalaan waliitti hidhameetti kan isaanii wajjiin mari’atan. Himmaannaa isaani irratti dhiyaatee labsii yeroo hatattaamaa darbuu fi shororkeessummaa ...

Read More »

Dhaabbata Mootummoota Gamtomaniitti Ambaasaaddarri USA hidhamtoonni siyaasaa gadi haa dhiifaman jechuun duula jalqaban.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambasaddarri US Samantha Power namoota ilaalchi siyaasa isaanii mootummaa irraa waan adda ta’e qofaaf hidhaman mana hidhaatii gadi haa dhiifaman jechuun duula marsaa Tiwutaariin jalqabaniiru. Kaayyoon duula kanaa jireenya suukanneessaa hidhamtoonnii fi maatiin isaanii keessa jiran addunyaatti beeksiisuun mootummoonni akka gadhiisan hubachisuuf akka ta’e ambsaddarri Samantha Power beeksisaniiru. Duula Marsaa Tiwutariin guyyoota 10niif turu kanaan eenyummaan hidhamtoota ...

Read More »

Balaa Hongee haaraa Itoophiyaa Mudateen gargaarsi Dolaarri Biiliyoona tokkotti dhiyaatu Akka Barbaachisu Mootumman Gamtooman beeksiise.

Balaa hongee haaraa Itoophiyaa muudateef namoota miliyoona jahatti dhiyaataniif midhaan nyaataa dhiyeessuuf dolaarri miiliyoonni 900 akka barbaachiisu dhaabbanni mootummoota gamtomaanii beeksiisera. Gargaarsi bara kanaa kan bara darbee wajjin yoo wal biratti ilaalamu dhibbentaa 44 akka caalus dhaabbatichi beeksiiseera. Namoota miiliyoona jahaan ala daa’immanii fi dubartoota ulfaa miiliyoona 1 fi kuma 200f nyaata madaalawaa dhiyeessuu barbaachiisa jedhameera. Bara Faranjootaa haaraatti daa’imman ...

Read More »

Biyyoota Gammoojjii Sahaaraa gadi jiranitti Dhukkubni Busaa rakkisaa jiraachuu Dhabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiise.

Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afriikaa Gammoojjii Sahaaraa gadi jiratanitti dhukkubni Busaa rakkoo fayyaa ta’ee akka itti fufe Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Beeksise. Akka gabaasa dhaabbatichaatti waggaa darbe qofa namoonni kuma 400 ol dhibee busaatiin du’aaniiru. Biyyoota kanniin keessatti namoonni miiliyoona 400 ol dhibee busaatiif akka saaxilaman himameera. Itoophiyaan waggoota sadeen darban tamsa’ina dhibee busaa irraa bilisa jedhamuuf duula jalqabdus, yeroo ammaa lammiileen ...

Read More »

Lakkofsi Gaazixeessitoota hidhamanii dabaluusaa Dhaabbanni Mirga Gaazexxessitootaaf Falmu beeksiise.

Bara faranjootaa xumuramaa jiru keessa lakkofsi Gaazexxessitoota hidhamanii akka dabale Dhaabbanni Mirga Gaazexxestootaaf falmu yookan Committee to protect Journalist jedhamu beeksiiseera. Itoophiyaan gaazexeessitoota 16 hidhuun biyyoota Afriikaa keessaa sadarkaa sadaffaarra akka jirtu dhaabbatichi beeksiseera. Biyyoota Gaazexxestoota hidhuun beekaman keessaa Tarkiin 81, Chaayinaan 38, Ijipti 25,Eertiraan 17 akkasumas Itoophiyaan gaazexxestoota 16 hidhuun biyyoota addunyaa keessaa adda durammaan argamu. Itoophiyaa keessatti erga ...

Read More »

Mootummaan Itoophiyaa Paartileen Mormitootaa akka marii parlaamaatti hirmaatan qopheessaa akka jiru beekame.

Mootummaan Itoophiyaa Paartileen Mormitootaa waggaatti yeroo sadii paarlaamaa seenanii marii irratti akka hirmaataniif manuwaalii dandeessisu qopheessaa akka jiru beekame. Partileen Mormitootaa garuu osoo uummaataan filatamanii sagalee bakka bu’iinsaa hin argatin marii parlaamaa irratti argamuun heera biyyattiin ala jedhan. Itti-Aanaa duraa Ta’aan Paartii Kongraasii Fedaralistii Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu, mormitoonni uummataan osoo hin filamanii bakka bu’iinsa osoo hin argati paarlaamaa keessatti ...

Read More »

Bara mootummaa Dargii Ministirri Muummee Itoophiyaa duraanii Obboo Tafaayee Dinqaa Du’aan

Obboo Tasfaayee Dinqaa Bara Mootummaa Dargii sadarkaa Hoggansaa olaannoo adda adda fi Ministrirraa Muummee ta’uun tajaajila turaniiru. Obbo Tasfaayee Diinqaa kan du’aan kooluugaltummaan biyyaa jiraatan Amerikaatti akka ta’ee beekameera. ObbooTasfaayee Dinqaa waggoota 77 dura naannoo magaalaa Ambootti dhalataan. Barnoota isaanii sadarkaa 2ffaa magaalaa Finfinnee Jeneraal Wingeetiitti hordofaniiru. Obboo Tasfaayeen Digrii isaanii jalqabaa Biyyaa Libanoon magaalaa Beeruut Yuunivarsiitii Amerikaa jedhamurraa wayita ...

Read More »

Dr Maraaraa Guddinaa hatattaamaan akka hidhaa gadi dhifamanii Paartiin MEDREK gaafateera.

Sababni Dr Maraaraa Guddinaa ittiin hidhaman fudhatama waan hin qabneef hatattaamaan mana hidhaatti gadi dhiifamuu akka qaban paartiin MEDREK ibsa bareeffaaman guyyaa Kamisaa baaseen gaafateera. Hidhamuun Dr Maraaraa walii galtee Mootummaa wajjiin irra gahan kan diiguu akka ta’ee paartich beeksiiseera. Kana malees hidhamuun isaanii nageenyaa fi tasgabbii biyyaatti balaaf saaxiluu akka danda’u yaaddoo qabu MEDREK ibsa bareeffaaman baasee beekseera. Paaretich ...

Read More »