Dhaabbata Mootummoota Gamtomaniitti Ambaasaaddarri USA hidhamtoonni siyaasaa gadi haa dhiifaman jechuun duula jalqaban.

prisonersDhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambasaddarri US Samantha Power namoota ilaalchi siyaasa isaanii mootummaa irraa waan adda ta’e qofaaf hidhaman mana hidhaatii gadi haa dhiifaman jechuun duula marsaa Tiwutaariin jalqabaniiru.

Kaayyoon duula kanaa jireenya suukanneessaa hidhamtoonnii fi maatiin isaanii keessa jiran addunyaatti beeksiisuun mootummoonni akka gadhiisan hubachisuuf akka ta’e ambsaddarri Samantha Power beeksisaniiru.

Duula Marsaa Tiwutariin guyyoota 10niif turu kanaan eenyummaan hidhamtoota siyaasaa tokkoon tokkoon isaanii ni beeksifama jedhan.

Garaagarummaa siyaasaatiin miseensi maatii waan hidhamaniif sadarkaa addunyaatti maatiin gara garaa waan bahaniif hidhamtoonni siyaasaa kunniin gadhifamuu akka qaban hubachisaniiru.

Hidhamtoonni siyaasaa amantiin yookaan miseensa paartii siyaasa bulchitootaa irraa waan adda ta’eef akkasumas kan isaan dubbatan waan hin jaallatamneef qofa hidhamuun isaanii obsaan kan bira darbamu akka hin taane Ambaasaaddarri kun dubbataniiru .
Mootummaan Amerikaa yeroo ayyaana waggaa kana addunyaa irratti nomoota haqa malee hidhamanii maatii isaaniin adda bahaniif xiyyeeffannaa kenna jedhan.

Yeroo ayyaana waggaa kana maatiin wal ga’anii kabajaan hidhamtoota siyaasaa ayyaana waggaa maatii waliin kabajuu dhaban, ayyaana dhaloota ijoollee ofii kabajuu dhaban, haadha, obboleessa, hiriyoota ykn olloota keenya mootummaan sagalee isaanii ukkaamsee hidhaatti darbe yaadanna jedhan.

Hanga hidhamtoonni siyaasaa haqa malee hidhaman gad dhiifamanitti yaalii jalqaban akka itti fufan beeksiisaniiru.

Hidhamtoota siyaasaa Dhaabbata Mootummoota Gamtomaniitti Ambasaddarri US Samantha Power mana hidhaatii gadi haa dhiifaman jechuun duula jalqabaniif keessatti Itti- Aanaa Dura Taa’aa Paartii Kongraasii Federaliistii Oromoo Obbo Baqqaalaa Garbaa kan argamu yoo ta’u, kanneen biroon immoo biyyoota akka Ukraine, Syria, Venezuela, Iran, china, Cuba fi Gaambiyaa irraati.