Biyyoota Gammoojjii Sahaaraa gadi jiranitti Dhukkubni Busaa rakkisaa jiraachuu Dhabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiise.

Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afriikaa Gammoojjii Sahaaraa gadi jiratanitti dhukkubni Busaa rakkoo fayyaa ta’ee akka itti fufe Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Beeksise.

Akka gabaasa dhaabbatichaatti waggaa darbe qofa namoonni kuma 400 ol dhibee busaatiin du’aaniiru.

Biyyoota kanniin keessatti namoonni miiliyoona 400 ol dhibee busaatiif akka saaxilaman himameera.

Itoophiyaan waggoota sadeen darban tamsa’ina dhibee busaa irraa bilisa jedhamuuf duula jalqabdus, yeroo ammaa lammiileen biyyattii miiliyoonatti lakkaawaman dhibee kanaaf akka saaxilaman Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseera.

Sirlaankaa fi Kirgistaan waggoota sadeen darban tamsa’inni dhibee busaa waan hin mul’anneef biyya dhukkuba busaa irraa bilisa ta’an jedhamuun Dhaabbata Fayyaa Addunyaan beekamtii argataniiru.

Biyyoota Gammoojjii sahaaraa gadi jiranitti dhibeen busaa ammas rakkoo fayyaa yaaddeessaa ta’ee itti fufeera.

Waggoota darban qoricha dhukkubsattootaaf dhiyeessuu fi tamsa’ina dhibee busaa to’achuuf yaalii taassifameen bu’aa gaariin akka argame dhaabbatichi beeksiseera.

Dhaabbatichi waggoota arfan dhufanitti biyyoonni kudhan tamsa’ina dhibee busaa irraa bilisa akka ta’aniif sadarkaa addunyaatti hojjatamaa akka jiru gabaasa bara 2015 ilaalchisuun baaseen beeksiseera.

Waggaa darbe nomoota sababa dhibee busaan lubbuu isaanii dhaban kuma 400 fi kuma 29 keessaa dhibbentaan 92 lammiilee biyyoota Afriikaa akka ta’an gabaasicha irraa hubatameera.

Hanqina Mallaaqaa, Kutannoo Siyaasaa akkasumas bu’uurri misooma fayyaa haala gahaa ta’een waan hin babal’anneef tamsa’inni dhibee busaa furmaata akka hin arganneef gumaacheera.

Lammiilee Itoophiyaa keessaa dhibbentaa 60’ni naannoo bookee busuuf saaxilame kan jiraatan yoo ta’u , kutaan biyyattii dhibbentaan 75 tamsa’ina dhibee busaatiif saaxilaamaa akka ta’ee ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ni mul’isa.