Miseensoonni Parlaamaa Biriteen dhimmaa Andargaachoo Tsiggee ilaalchisuun waltajjii falmii torbee dhufu keessa akka qopheessan beekameera.

Miseensoonni Parlaamaa Biiriteen dhimmaa Andargaachoo Tsiggee ilaalchisee tarkaniiffii mootummaan biyyaattiin fudhatamuu qaburraatti waltajjii falmii torbee dhufu akka qopheessan beekameera.
Ji’oota muraasaa booda Andargaachoo Tsiggee bakka bu’oota mootummaa Biiriteeniin akka hin daawwatamne dhorkamuun miseensoota Parlaamaa fi qamoolee mirga namoomaaf falman biraatti sodaa uumeera
Miseensoonni parlaamaa tarkaaniiffii dippilomaasii Mootummaa isaan fudhachuu qabu irratt mari’achuuf kibxataa dhufu waltajjii falmii addaa akka qopheessan dhaabbanni Biiriteen mirga namoomaa falmuu Rippariiv jedhamu beeksiisera.
Waa’ee dhimmaa Andargaachoo Tsiggee dhiyeenyaatti kan hordofu dhaabbannii kun, haali nageenyaa isaanii baay’ee yaaddeessaa ta’aa akka dhufe beeksiiseera.
Bakka bu’oonni mootummaa Biiriteen Ji’oota muraasa duraa obboo Andargaachoo wayita daawwatan haala nageenya isaaniitiif yaaddeessaa ta’ee keessa akka jiran itti himusaanii dubbataniiru.
Minsteerri Dhimmaa Alaa Biiriteen dhimmicha ilaalchisuun qondaltoota Mootummaa Itoophiyaa gaafataniis deebii argachuu hin dandeenye.
Ministeera Dhimmaa Alaa Biiriteeniitti bakka bu’aa parlaamaa kan ta’an Tobiiyaas Elimuddii obboo Andargaachoo Tsiggee maatii isaan wajjiin bilbilaan akka dubbataniif haali akka mijaatuuf gama mootummaa isaaniitiin gaaffiin dhiyaachuu himaniiru
Akka lakkofsa warraa Faranjoota ji’a muddee bara 2014 obboo Andargaachoon daaqiiqaa muraasaaf bilbilaan maatii isaanii argatanii akka turan himameera.
Qondaltoonni Biiriteen haalaa nageenya obboo Andargaachoo ilaalchisuun sodaa qaban ibsaa jirataniis qondaltoonni mootummaa Itoophiyaa garuu deebii kennaa hin jiran.