Balaa Hongee haaraa Itoophiyaa Mudateen gargaarsi Dolaarri Biiliyoona tokkotti dhiyaatu Akka Barbaachisu Mootumman Gamtooman beeksiise.

Balaa hongee haaraa Itoophiyaa muudateef namoota miliyoona jahatti dhiyaataniif midhaan nyaataa dhiyeessuuf dolaarri miiliyoonni 900 akka barbaachiisu dhaabbanni mootummoota gamtomaanii beeksiisera.

Gargaarsi bara kanaa kan bara darbee wajjin yoo wal biratti ilaalamu dhibbentaa 44 akka caalus dhaabbatichi beeksiiseera.

Namoota miiliyoona jahaan ala daa’immanii fi dubartoota ulfaa miiliyoona 1 fi kuma 200f nyaata madaalawaa dhiyeessuu barbaachiisa jedhameera.

Bara Faranjootaa haaraatti daa’imman kuma 300 ol hanqina midhaan nyaataatiif saaxilaamuu danda’u jedhamee akka yaadamu dhaabbatichi beeksiiseera.

Godinaalee naannoo Sumaalee, Oromiyaa fi Uummattoota kibbaa keessatti argaman tokko tokko balaa hongee kanaan miidhaan irra gahaa jira jedhameera.

Godinaalee kanneen keessatti beelladoonni mana kumaatamaatti lakkawaman du’aa akka jiranis Dhaabbileen gargaarsa Addunyaa beeksisaa jiru.
Dhaabbileen Addunyaa namoota gargaarsi barbaachisuuf midhaan nyaataa dhiyeessuuf yaalaa jiranis deggersi maallaqaa gahaan waan hin argamneef rakkoon kun furamuu hin dandeenye.

Yeroo ammaa nomoonni Miiliyoona 9 f kumni 700 gargaarsa midhaan nyaataaf saaxilamaniiru.