Ji’oota 6 darban Turistoota Itoophiyaa daawwatan irraa sharafni biyyattiin argachuuf karoorfatte birrii biiliyoona 100 fi miliyoona 45’niin yookan immoo Dolaarii miliyoona 3’n akka hir’ate Ministeerri Aadaa fi Turizimii Biyyattii beeksiseet jira.

Mormii Ummata Oromoo waggaa tokkoo oliif ture waliin walqabatee galiin biyyattiin damee Turizimii irraa argattu akka hir’atuuf gumaacheet jira. Mormii Ummataa kana humnaan to’achuuf jecha labsii yeroo hatattamaa mootummaan ji’a Onkololeessatii jalaqabee labseen, dameen turizimii akka laafuuf sababa guddaa ta’ee jiras jedhamee jira. Labsiin yeroo hatattamaa erga labsamee booda mootummaan Ameerikaa, Biriiteeni, fi kan biyyoota Awurooppaa lammiilen isaanii gara Itoophiyaa ...

Read More »

Bakka Bu’oonni Adda Bilisummaa Ummata Ogaadeen sarbamuu mirga namoomaa mootummaa Itoophiyaatiin raawwatamuu fi dhimmoota biroo irratti qaamolee gara garaa waliin Washingtan Diisiitti mar’atan.

Bakka bu’oonni Adda Bilisa Baasaa Biyyoolessaa Ogaaden daawwannaa isaanii guyyoota Afuriitin Miseensota Koongiraasii, Seenetaroota Amerikaa fi Ogeessota gara garaa waliin mar’ataniiti jiru. Kaayyoo marii kanaas walitti dhufeenya deeggartoota fi dhadhestoota mirga namooma ummataa Ogaadee duraanii jiru haaromsuuf jedhameera. Kana malees Seeraa Tumtoota fi bakka bu’oota Mootummaa Amerikaa wajjiin waliitti dhufeenya uumuuf akka ta’e beekameera. Mariin Ogeessoota National Endowment for Democracy ...

Read More »

Filannoo Pirizedantummaa biyya Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahii Faarmaajoo injifatan.

Filannoo pireezdaantummaa Biyyaa Somaaliyaa Ministira Muummee biyyaattii kan turan Mohaammad Abdullaahii Faarmaajoo pirizidaantii biyyaatti duraanii Hasaan Sheek Mohammuud bu’aa aja’ibsiisaa ta’een caaluun mo’aachuu isaanii BBC’n gabaaseera. Miseensoonni mana marii bakka bu’oota biyyaattii filannoo bakka eegumsi guddaan taasfamuufitti buufata Xiyaara Moqadiishootti gaggeessuun Mohaammad Abdullaahii Faarmaajoo lamummaa Somaaliyaa fi Amerikaa qaban preezdaantummaan filataaniiruru. Filannoo Pirezidantummaa kanaratti kaadhimamtoonni 20 kan hirmaatan yammuu ta’u, ...

Read More »

Mootummaan Itoophiyaa namoota kuma torbaatti dhiyaatam giddugalaa leenjii loltummaa Xoollaay fi Yirgalaamitti hidhee turee gadhiiseeraa jedha.

Mirgaa isaanii waan gaafataniif qofaaf namoota qabee hidhee keessaa marsaa lammaaffaan hidhamtoota kuma jaha fi 988 giddu galaa leenjii loltummaa Xoollaay fi Yirgalamiitti hidhee daraaraa ture akka gadi dhiisee mootumaam Itoophiyaa beeksiseeraa. Hidhamtoota gadidhiifamaan keessa kumni shanii fi 605 giddu galaa leenjii loltummaa Xoollaay keessatti haala sukkaneessaan dararaama erga turanii booda kan gadidhiifaman akka ta’ee beekameera. Kan hafaan hidhamtoonni 1,385 ...

Read More »

Mootummaan Itoophiyaa hanqina Faayinansii furuuf Gaaffii gurgurtaa boondii Birrii Biiliyoona 26.5 dhiyeessee mana marii bakka bu’oota ummataan mirkana’eera.

Labsii manni marii bakka bu’ootaa mirkaneessee kun mootummaan qamoolee adda addaa irra gurgurtaa boondii dhalaa qabuu akka raawwatuuf kan eeyyamu jedhameera. Mootummaan dhaabbilee maallaqaa liqeessaan adda adda irraa kaffaltii yeroo dheeraan kaffalamuun boondii birrii biiliyoona 26.5 akka gurguruuf beekameera. Gurgurtaan Boondii kun kaappitaalii baankii daldalaa Itoophiyaa guddisuuf akka karoorfamee qondaltoonni mootummaa beeksiisaaniiru. Ogeessoon diinagdee gamasantiin,gurgurtaan boondii kun hanqina bajeeta fi ...

Read More »

Gamtaan Afriikaa Miseensummaa Mana murtii Yakkamtoota Addunyaa keessaa ba’uuf Murteesseera

Gamtaan Afriikaa Yaa’ii 28ffaa finfinneetti ta’een biyyooni miseensa gamtichaa ta’aan mana murtii yakkamtoota addunyaa keessa akka bahaan waamicha dhiyeesseef jira. Murtiin gmataan Afriikaa miseensummaa mana murtii yakkamtoota addunyaa keessa bahuuf murteessee kun dirqamsiisaa miti jedhameera. Biyyoonni sirna Dimokiraasiin sadarkaa tokkoo gara fulduraatti deeman kan akka Naayjeeriyaa fi Seenegaal murtii gamtaan Afriikaa miseensummaa mana murtii yakkamtoota addunyaa keessa bahuuf murteessee kana ...

Read More »

Sumaliiyaatti ,hoggantoonni fi ajajatoonni looltoota Itoophiyaa daladala meeshaa waaraanaa fi malanmaltummaa adda adda irratti hirmaatanii akka argaman miidiyaaleen biyyaatti gabasaniiru

Sumaliiyaatti waggoota baay’eef Ajaaja lolotoota Itoophiyaa ta’uun kan tajaajila jiran Hayilee Gabree daladalaa seeraan alaa kana irratti hirmaachuun qabeenya kuufachaa akka jiran Gaazeexxaan Suunaa Taayimiis jedhamu suuraa hogganaa kana maxxansuun gabaaseera Lammiilee Sumaliiyaa biraatti maqaa Jeneraal Gabree jedhamuun ni beekamu jedhameera. Ajaajaan loltoota Itoophiyaa Hayilee Gabree mootummaa sumaliiyaa wajjiin waliigaluun maallaqaa maqaa nageenyaattiin arjomamu saamaa akka jiran gaazeexxaan kun namoota ...

Read More »

Filannoo pireezdaantummaa Gaambiyaa ta’uun kan filataman Adamaa Baaroow, Imbaasii Gaambiyaa Seenegaaliitti argamutti waadaa akka galan beekkameera.

Pireezdaantiin Gaambiyaa haaraa filataman biyya ollaatti waadaa galuuf kan murteessan pireezdaantiin biyyattii duraanii filannoon mo’ataman Yaahiyyaa Jaameeh aangoo gadi hin dhiisuu waan jedhaniif. Biyyoonni hawaasa Diinageedee Afrikaa lixaa pirezdaantiin Gaambiiyaa Yaahiyaa Jaameeh karaa nagaatiin aangoo pirezdaantummaa pirezdaantii haaraa ummaataan filatameetti akka dabarsaniif guyyaan kennaniif xumurameera jedhaniiru. Biyyoonni Hawaasa diinagdee Afrikaa lixaa Yaahiyaa Jaameeh aangoo kara nagaatin kan gadi hin dhiisne ...

Read More »

Sudaan Kibbaa walii galtee dhiyeenya Ijipti waliin irra geessee ilaalchistee ibsi Itoophiyaaf kennitu akka hin jirre beeksiiste.

Pirezdaantiin Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir Mayardiit Affeerraa pirezidaanti Abdul Fattaa Alsiisiitiin tibbaana Ijipti daawwataniiru. Pirezdaantiin Salvaakiir daawwaannaa tasaa kanaan pirezdaantii Ijpti Abduul Fattaa Al-Siisii waliin mari’ataniiru. Pirezdaantonni biyyoota lamaanii olaantummaa Ijipti itti fayyadama bishaan laga Naayeel irratti qabdu itti fufsiisuuf waliigaltee irra akka gahaniis himameera. Itoophiyaa fi Ijipti piroojektii hidhaa haaromsaa ilaalchisee yaada furmaataa tokko irra gahuu waan hin dandeenyeef ...

Read More »

Lakkoosi dargaggoota gara Naannoo Sumaaleetiin gara biyyoota Arabaatti baqachuuf yaalaanii dabalaa akka dhufee Poolisiin naannoo Hararii beeksiseera.

Ji’oota jahan darban qofa dargaggoonni kuma tokkoo fi dhibbaa torbaa ol magaalaa Harari fi naannoo Sumaaleetiin gara biyyoota Arabaatti baqachuuf yaalan akka qabaman Komishiniin Pooliisii Naannoo Hararii beeksiiseera. Dargaggoonni kunniin gara maatii isaaniitti akka deebi’an taasfamuu Komishiniin Pooliisii Naannoo Hararii miidiyaalee biyyaa keessatti himeera. Bara darbe bifuma walfakkatuun dargaggoonni kuma sadi biyyaa baqachuuf wayita yaalan too’annoo jala olaniiru. Gochi gara ...

Read More »