Daangaa Naannoo Oromiyaa fi sumaalee irratti walitti bu’iinsa uumameen lubbuu namaa fi qabeenya irra miidhaan akka gahee himameera.

Gandoota daangaa naannoolee lamaanii irratti dhimmaa abbummaa lafaa fi dhimmoota biroo waliin wal-qabatee walitti bu’insi yeroo adda addaatti umaamuun lubbuun namaa darbaa akka jiru dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii beeksiiseera. Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa daangaa irra walitti bu’insii jiraachuusaa malee walitti bu’insa kanaan namni meeqa akka ajjeeffame hin beeksifne. Walitti bu’insi aanaalee daangaa naannoolee lamanii gidduu jiru baay’ee kan nama yaaddessu akka ...

Read More »

Ijipti lammiileen ishee sadii Itoophiyaa keessartti hidhamanii turan gadi dhiifamuu isaanii beeksiftee jirti.

Mormii Ummata Oromoo guutuu naannichaatti gaggeeffama ture wajjiin walqabatee lammiileen Ijipt sadi harka keessa qabu jechuun akka hidhaman ni yaadatama . Hidhamuu namoota sadeen ilaalchiisuun jaarsummaa ji’oota lamaatiin booda namonni sadeen gadi dhiifamuu akka dandan gaazeexxaan Ahiiraam jedhamu gabaaseera. Namooni sadeen magaala Finfinnee gadi dhiisaan gara kaayiiroo kan deeman yoo ta’u, yakkaa tokkoonu akka hin himatamne Ministeerri Dhimma Alaa Ijipti ...

Read More »

Itti-Aanaa hogganaan Itiyoo Teeleekoom malanmaltummaan shakkamanii hidhaman

Ittii-Aanaa hogganaa Itiyoo Teeleekoomii fi kampanichaatti hogganaan Sorsiniigii fi Faasiliitii Obboo Abrahaam Gowaddee malanmaltummaan shakkamuun qabamanii mana murtiitti dhiyaataniiru. Obboo Abrhaam hogganaa Karraayyuu Tuur enda Tiraaviil wajjiin waliigaltee Itiyoo Teeleekoomiin ala Konkolattoota akka lakkaofsa warra faranjoota bara 2000 fi achi booda omishaman kiraadhaan Itiyoo Teelee koomiif dhiyeessuu osoo qaban konkolattoota bara 2000 dura omishaman kampaniichaaf akka kireeffatani himameera. Dhaabbata konkolattoonni ...

Read More »

Aanaale Itoophiyaa 200 dhiyaatan gargaasa midhaan nyaata hatattaamaa akka isaan barbaachisu himameera.

Balaa Hoongee haaraattiin aanaalee 200 tti dhiyaatan aanaalee gargaarsi midhaan nyaata hatattaama sadarkaa tokkooffan isaan barbaachiisu jedhamanii akka adda bahaan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaanii beeksiiseera Aanaalee gara 200 gargaarsi midhaan nyaata hatattaama isaan barbaachiisa jedhamanii adda bahaan naannoolee Oromiyaa, Sumaalii fi Ummattoota kibbaa keessatti kan argaman jedhameera. Roobni ji’a Fulbaana hanga Sadaasatti roobuu qabu yeroon waan hin roobneef naannoolee sadeen keessatti ...

Read More »

Magaala Gondaritti boombiin Hoteela tokko irratti darbatame lubbuu nama tokkoo galaafate

Magaalaa Goondari kutaa Magaalaa Maaraakii Ganda 18 jedhamee waamamutti boombii Hoteela Intaasol irratti darbatamen namni tokko yoo du’u, namoota 19 irra miidhaa salphaa fi cimaa akka gahe himameera. Balaa kanan booda Itoophiyaatti Imbaasiin Amerikaa hojjattoonni Imbaasiicha gara Gondoritti akka hin imale akeekkachiiseera. Imbaasiich balaa gahee hordoffaa akka jiru fi lammiileen biyyaatti gara Itoophiyaa kan deeman yoo ta’e, balaan irra gahuu ...

Read More »

Mootummaan Itoophiyaa Dr Mararaa Guddinaa bilisaan gadi dhiisuuf fedhii akka hin qabne beeksise.

Dhimmoota Gurguddoo biyyoolessaa ilaalchisuun ibsa kan kennan ministeerri muummee Haayilamariyaam Dassaleny Dr Mararaa Guddinaa bilisaan akka gadi hin dhiifamne himuusaanii Asoosheetid Pirees gabaaseera. Dr Mararaa Guddinaa Affeerraa paarlaamaa gamtaa Awurooppaatiin Beeljiyeem Biraasilsi wayita turanitti hoogganaa Arbanyoochi Ginboot Sabaat waliin wal-arganii mari’ataniiru jechuun gara biyyaatti akkuma deebi’aniin hidhamaniiru. Dr Mararaan erga hidhamanii booda poolisiin qorannoo yakka shororkeessummaan himachiisuu danda’u qorachaan jira ...

Read More »

Ijaarsi Pirojektii Hidha Jallisii Tandaahoo yeroo itti ni xumurama jedhamee karoorfamerra waggoota saddeet duubaatti harkifachuun akka xumurame himameera.

Ijaarsi Piroojektii hidha jallisii Tandaahoo bara 1997 Naannoo Affaaritti wayita jalqabamu waggoota sadi keessatti ni xumurama jedhamee karoorfamee turee. Haa ta’uu malee, piroojektiin kun yeroo itti ni xumurama jedhame karoorfame waggoota saddeetiin duubaatti harkafachuun xumurameera. Piroojektiin kun baasii birrii biliyoona 800 fi miliyoona 70’n akka xumuramuuf karoorfame ture ni beekkama . Ijaarsi piroojektichaa garuu waggoota 11f waan duubatti harkifateef baasin ...

Read More »

Magaalaa Finfinnee dabalatee Magaalota gurguddoo naannolee keessatti koreen qaamolee daldala sharafa maallaqa alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfii fudhatu hundeeffameera.

Ajaaja wajjira Ministeera Muummetiin Koreen torban tokko dura hundeeffame kun qaamolee daldala sharafa maallaqa alaa irratti hirmatanii jiran irratti tarkaanfii ni fudhata jedhameera. Qamooleen kunniin biyyattii hanqina jijjiirraa sharafa maallaqa biyya alaatif akka saaxilamtuuf waan gumaachaa jiraniif tarkaanfii cimaan akka irratti fudhatamu gaazexaan kaappitaal jedhamu gabaaseera. Giddu galli Nageenya Faayinaansii qorannoo qorateen jijjiirraa sharafa maallaqa alaa seeraan alaatin maallaqni biyya ...

Read More »

Lammiin Itoophiyaa namoota 181 seeraan ala gara Maaltaatti geejjibsiise seeratti dhiyaateera.

Lammiin Itoophiyaa waggoota 11 dura fayeedaa dhuunfaa argachuuf jecha namoota 181 seeraan ala doonidhaan Kaaba Afrikaa irraa gara maaltaa ceesiise himatame tokko dhimmi isaa mana murtiitti ilaalamuu akka jalqabe gaazexaan Maaltaa Indipindaant jedhamu gabaaseera Lammiin Itoophiyaa gaa’eessa waggaa 58 Haadduush Abbaay akka lakkofsa warraa faranjoota fulbaanaa 2005 imala seeraan alaa qindeessuun seeraan ala namoota 181 dooniidhaan gara Maaltaatti ceesiiseera jedhameera ...

Read More »

Lammiileen Sumaliiyaa dhabamuu tasagabbii biyyaa isaaniitiif Itoophiyaa sababa ta’uushee himaniiru

Itoophiyaa waggaa 10 duraa mootummaa Cee’uumsaa Sumaliiyaa gargaaruun Garee Mana Murtii Islaamummaa jedhee of waamuu magaala Moqidishoo keessa baasuuf loltoota ishee Sumaliiyaatti erguun ni yaadatama. Itoophiyaan gareen kun lola jihaadummaa Ummata Itoophiyaa irratti baneera sababa jedhuun looltoota ishee gara Sumaliiyaatti akka erguun ishee ni yaadatama. Lammiileen Sumaliiyaa garuu waggaa 10 n booda dhabamuu tasgabbii fi nageenya biyyaa isaaniif Itoophiyaa sababa ...

Read More »