Lakkoosi dargaggoota gara Naannoo Sumaaleetiin gara biyyoota Arabaatti baqachuuf yaalaanii dabalaa akka dhufee Poolisiin naannoo Hararii beeksiseera.

Ji’oota jahan darban qofa dargaggoonni kuma tokkoo fi dhibbaa torbaa ol magaalaa Harari fi naannoo Sumaaleetiin gara biyyoota Arabaatti baqachuuf yaalan akka qabaman Komishiniin Pooliisii Naannoo Hararii beeksiiseera.

Dargaggoonni kunniin gara maatii isaaniitti akka deebi’an taasfamuu Komishiniin Pooliisii Naannoo Hararii miidiyaalee biyyaa keessatti himeera.

Bara darbe bifuma walfakkatuun dargaggoonni kuma sadi biyyaa baqachuuf wayita yaalan too’annoo jala olaniiru.
Gochi gara biyyaa Arabaatti baqachuu kun yeroodhaa gara yerootti dabaluun ji’oota jahan darban qofa dargaggoonni kuma lamatti dhiyaatan baqachuuf wayita yaalan too’annoo jala akka olan himameera.

Poolisiin naannichaa dargaggoonni akka hin baqanne ittisuuf hojii too’annoo adda addaa hojjachaa jiratuus lakkoofsi dargaggoota daanqaa qaxxamuranii biyyoota Arabaatti baqatanii dabalaa akka dhufe himameera.

Dargaggoota gara naannoo Sumaaleetiin baqatan malee dargaggoonni Itoophiyaa baay’een garaa daangaa Keeniiyaa fi Sudaanitiin biyyaa baqachaa akka jiran dhaabbileen baqattootaa beeksiisaniiru.
Bara darbee qofa lammiileen Itoophiyaa Kuma Sagaltamaatti dhiyaatan gara biyya Yamanii Lola wal wajjiiniin unkuramaa jirtuutti akka baqatan Dhaabbanni Kuluugaltoota mootummoota Gamtoomaanii beeksiiseera.

Rakkoo baqachuu dargaggootaa dabalaa dhufe kana ittisuuf komishiniin Pooliisii Naannoo Hararii Naannoolee Ollaa waliin qindoominaan hojjachaa akka jirus himeera.

Namoota 15 karaa seeraan alaatin namoota naannessan too’annoo jala olchuun murtiin hidhaa waggaa tokkoo hanga kudhanii akka itti murteeffamees himameera.