Sudaan Kibbaa walii galtee dhiyeenya Ijipti waliin irra geessee ilaalchistee ibsi Itoophiyaaf kennitu akka hin jirre beeksiiste.

Pirezdaantiin Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir Mayardiit Affeerraa pirezidaanti Abdul Fattaa Alsiisiitiin tibbaana Ijipti daawwataniiru.

Pirezdaantiin Salvaakiir daawwaannaa tasaa kanaan pirezdaantii Ijpti Abduul Fattaa Al-Siisii waliin mari’ataniiru.
Pirezdaantonni biyyoota lamaanii olaantummaa Ijipti itti fayyadama bishaan laga Naayeel irratti qabdu itti fufsiisuuf waliigaltee irra akka gahaniis himameera.

Itoophiyaa fi Ijipti piroojektii hidhaa haaromsaa ilaalchisee yaada furmaataa tokko irra gahuu waan hin dandeenyeef mootummaan Ijipti hojii dippiloomaasii hojjachaa jira jedhameera.

Kana malees yeroo muraasaa as mootummaan Itoophiyaa Ijipti mormitoota meeshaa waaraanaa hidhatan ni deeggarti jechuun himachuun isaa ni yaadatama.

Mootummaan Itoophiyaa sudaan kibbaa imaammata moootummaan Ijipti ijaarsa hidha haaromsaa irratti qabdu akkasumas waliigaltee itti fayydama bishaan laga Naayeelii ni deeggartii jechuun shakkeera.
Pirezdaantonni biyyoota lamaanii waliigaltee faayeedaa Itoophiyaa miidhuu danda’u keessattuu ijaarsa hidha haaromsaa irratti xiyyeeffatu waliin akka mallateessan ni himama.

Waliigaltee biyyoota lamaanii kana Itoophiyaan akka mormite gabaafameera.
Itoophiyaatti Ambasaddaarri Sudaan Kibbaa Jamiis Piitaa Moorgaa waliigalteen biyyoota lamaanii Itoophiyaa kan miidhuu miti jechuun mormaniiru.

Sudaan Kibbaa waliigaltee faayeeda Itoophiyaa miidhuu kamuu qaama sadaffaa waliin akka hin mallatteesine Ambasaddar Jamis Piitaa Morgaa, dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Ministeerri Odeeffannoo Sudaan kibbaa Mikaa’eel Maaku’ii gamasaanitiin, komiin Itoophiyaa kun biyya isaanii akka hin yaaddessine himaniiru.
Biyyi isaanii Ijipti waliin walitti dhufeenya imaammataa uumun ala ibsi Itoophiyaatti kennitu akka hin jirre beeksisaniiru.

Sudaan Kibbaa faayeedaa ishee waan kabachiisteef Itoophiyaan biyya isaanii sodaachisuu akka hin dandeenye gargaaraa Minsteera Odeeffannoo Biyyaattii Ateem Deengi himaniiru. Sudaan Kibbaa hariiroo Ijipti waliin qabdu yeroo kamuu akka addaan hin kunnes beeksisaaniiru.

Biyyoonni biroo kamuu Sudaan Kibbaa hariiroo Ijiptii waliin qabdu irra deebitee akka ilaaltuf dhiibbaa gochuu akka hin dandeenye dubbataniiru.
Sudaan Kibbaa dhimma laga Naayeelis ta’ee,dhimmoota biroo irratti waliigaltee Ijipti waliin qabdu akka dhaabduf qaamni kamuu gaafachuu hin danda’u jedhaniiru..

Ijipti yeroo ammaa Sudaan Kibbaa damee misooma Jallisii, Nageenyaa, barnootaa fi damee biroon deeggaraa akka jirtu qondaalli kun oduu biyyasaanii Miiyamiilepiidiiyaa jedhamutti himaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa Ijipti ija shakkiin akuma ilaalu hunda Sudaan Kibbaas mootummaan riphee loltoota harka lafa jalaatiin ni deeggara jechuun akka shakkitu xinxaltoonni siyaasa ni dubbatu.

Oduu biraan immoo, Itoophiyaan Garee riphee loltoota Reek Maachaariin hogganamu akka hin deeggarreef Mootummaa Sudaan Kibbaa waliin waliigaltee mallatteesituus hoggantoonni garicha yeroo ammaa magaalaa Finfinnee akka jiran himameera.

Itti- aanaa dubbi himaan loltummaa garichaa Hogganaan garichaa Reek maachaar yeroo amma Afrikaa kibbaa kan jiran ta’us, isaan dabalatee hoggantoonni biroo garuu magaalaa Finfinnee akka jiran Sagaalee Raadiyoo Ameerikaa kutaa Afaan Ingiliffaattii himaniiru.