AFAAN OROMO Text

Itopphiyaa keeysatti Balaan Tiraafiqaa harka dhibbarraa kudha tokko dabaltaa jiraachuun barame.

Namooni baatiilee saglan barbe balaa konkolaataatiin ajjeefaman kan bara dabreetiin waliin yoggaa madaalamu 11% dabalamuun namoonni 5000 tti herregaman miidhhaa cimtuuf saaxilamuu itti gaafatamaan nagaya tiraafiqaa obboo simee balaay beeysisan. Ajjeechaa lubbuu namarra geessee fii qabeeny miliyoona 569 baatiilee saglan tana keessa waan dhabamaniif jecha haalli tiraafiqa biyyattii hedduu akka yaaddessaa tahe obboo sammuun ibsan. Heddomminii konkolaatota biyyaa heddommina lammii ...

Read More »

Ijoolleen bulchinsa Gaambeellaa keessaa butamanii fuudhataman 125 keessaa 32 argamuun isaanii barame.

Hidhattoota gosa Murlee tiin torbee lama dura gaafa Ebla 14 2016 tti ijoolleen 125 tan bulchinsa naannoo Gaambeellaatii butamanii fudhatamanii turan keessaa 32 argamuu isaanii hoogganoonni biyya Kibba Suudaanii hubachiisan. Gaazeexaan Asosheetid Piras obboo Ogaatoo Chaan bulchaa godinaa Boomaa akeekuun hoogganoonni gosaa; ijoollota gandeen sadii kan aanaa Liku aangoolee keessa akka qubachiisan gabaasan. ijoollonni argaman dura magaalaa gudditti Piiboor tti ...

Read More »

Himannaan Shororkeessummaa Baqqalaa Garbaa fi Namoota Biroo Oromiyaa Keessaa Irratti Dhihaate Ameerikaanna yaaddesse jetti

Mootummaan Itiyoophiyaa dhiheenya kana shororkeessummaa Itti-aanaa dura-taa’aa duraa, Koongiresii Dimookiraatawa Oromoo – Obbo Baqqalaa Garbaa fi kanneen biroo Oromiyaa keessaa irratti dhiheessuun isaa akka isa yaaddesse kan dubbate ibsi Ministrii Dhimma-alaa Ameerikaa, Sanbata dheengaddaa ifatti baastee jirti. Mootummaan Itiyoophiyaa seera farra-shororkeessummaa irratti hundaa’ee, gaazzexeessota, miseensota paartii siyaasaa fi qabsaa’ota himachuu akka dhaabu kan gaafate ibsi Mootummaa Ameerikaa kun, “sababni isaa ...

Read More »

Hongee Ethiopia mudateen harka caalu kan miidhaman ijoolleedha

Itiyoopiyaan waggoota hedduu keessatti hongee hamaatu ishee mudate. Kanneen hanqina nyaataan irra caalaa miidhamanis ijoollee yemmuu ta’an dhukkubaafis isaan saaxilee manabarnootaa irraa hanqachuu danda,an. matahaaraa bakka lammiiwwan biyattii irra guddaan gargaarsa namoomaa barbaadan irraa marthe van der wolf gabaastee jirti. Hongee yeroo ammaa jiru irraan kan ka’e lammiiwwan Itiyoopiyaa miliyoona kudhanii ol ta’an gargaarsa midhaan nyaataa kan yeroo hatattamaa eeggataa ...

Read More »

Mumichi ministeeraa Itoophiyaa obbo Hayilemaariyaam Dasaleny boqonnaa fi waldhaansaaf Jarman galuun isaa beekame.

Mumichi Ministeeraa Hayilamaariyaam guyyoota muraasa dura xiyyaara dhuunfaa “Charter” jedhamu kireeffachuun magaalaa Jarman Badaan jedhamutti maatii isaaniitiin simatamuun galaniiru. Obbo Hayilamaariyaam yeroo Boqonnaa isaanii kan dabarsan mana yeroo boqonnaaf jedhanii magaalaa Jarmanitti bitatan keessatti ta’uu akka danda’u maddeen keenya himaaniru. Yeroo turtii isaanii kana keessatti miidhagina ija isaaniitiif yaala fayyaa baqaqsanii hodhuu hojjechiifachuun isaanii akka hin hafnes himameera. Yeroo uummatni ...

Read More »

Komishiniin mirga dhala namummaa Itoophiyaa mormii uummataa Oromiyaa paarlaamaaf dhiheessuu hin dandeenye.

Miseensa wayyaanee akka ta’an kan himamu Dr. Addisuu G/gebrezaabiheerin kan gaggeefamu komishiiniin mirga dhala namummaa Itoophiyaa mormii Oromiyaatti uumame ajjeechaa lubbuu fi dhiittaa mirga namummaa adda baafatus paarlaamaatti dhiheessuu akka hin dandeenye beekame. Komishiner Addisuun jalqaba ji’a Bitootessa darbe irraa kaasee torbee lama gidduutti gabaasa paarlaamaaf akka dhiheessan qophii irra jiraachuu dhaabbilee sab- quunnamtii biyya keessaatti himaa turanis , torban ...

Read More »

Dubbataan waajjiraa damee dhimma alaa biyya yuunaaytid isteets Joon kirbiin haala himannaa shoorarkeessummaa mana heeraa itoophiyaa hoggantoota jaarmaya siyaasaa irratti dhihaate irratti ibsa kaleessa Ebla 29 tti kennan.

Himannaa shoorarkeessummaa tan Mootummaan Itoophiyaa obboo Baqqalaa Garbaa itti aanaa dura taa’aa lammaffaa KFO fii namoota sababaa mormii Oromiyaa tiin ji’a Sadaasa 2015 irraa eegalanii hidhamaa jiran mootummaa Yuunaaytid steets haalaan yaaddeysaa tahuu joon Kirbiin dubbataan waajjiraa damee dhimma alaa biyya Yuunaaytid steets guyyaa Jimmata kaleessaa ibsa kennan. Mootummaan Itoophiyaa sirna Dimokraasii dagaagsuu dhiiftee heera shoorarkeessummaa adabuu kan baafatte irratti ...

Read More »

Mootummaan Awutraaliyaa fii Kanadaa lammiileen isaanii akka biyya Itoophiyaa hin dhayne hubachiisan.

Mootummaan Awustralia balaa guyyoota 15 dura naannoo gaambeellaatti jiraattota 208 oli ajjeeftee joollee fii dubartoota 108 butanii irraa kan ka’een lammiileen isaanii akka biyya Itoophiyaatti hin imalle beeysisa baasan. Ministeerri haajaa alaa fii ministeerri daldala biyya awustiraaliyaa beessisa baasaniin namoonni biyya Itoophiyaatti emalan osoo hin deemne dura barbaachisummaa fii haala imaltuu isaanii sirritti qorachuu akka irraa eeggamu hubachiisan. Murni Alshabaab ...

Read More »

Barsiiftonni magaalaa Dasee kan hiriira mormii bahuu fii mormii hujii dhaabuu gaafatan shoorarkaa keessa seenan.

Waldayni barsiiftota bulchinsa magaalaa Dasee walgahii waliigalaa sadaffaa Ebla 22 bara 2016 tti taasisanii ti turan. Walgahii marii irratti hooganoonni waldaya barsiiftota mana baromsa 33 ; bakka bu’oonni Biaadin magaalaa Dasee; hoogganoonni baromsaa fii nagaha eedddonni argamaniiti jiran. Ijoon walgahii filannoo waldaya barsiiftotaa taahuus akkuma mariin eegalamteen barsiiftonni walgahii itti fufuu hin dandeenyu jechuun mormii dhageessisan. Hoogganoonni waldaya barsiiftotaa ,” ...

Read More »

Obbo Okeello Akawaay mana murtiitti ibsa Kennan.

Pirezidaantiin naannoo Gaambeellaa duraanii Obbo Okeelloo Akuway dhumaatii uummata Gaambeellaa ilaalchisee mana murtiitti ibsa kennan. Adeemsa dhaanichaa jal’isuun, ragaa sobaa uummtaaf akka dhiheessan taassifamuu isaanii fi yakki dhumaatii uummata irratti raawwatame nagaa waan isaan dhorkeef, pirezidaantummaa isaanii dhiisanii daangaa ce’uun baqachuu isaanii mana murtiitti barreefamaan dhiheessaniiru. Waxabajjii 1978 narsii ta’uun hojii mootummaa jalqabuun hanga bulchaa naannoo ta’utti waggoota 18 mana ...

Read More »