Mumichi ministeeraa Itoophiyaa obbo Hayilemaariyaam Dasaleny boqonnaa fi waldhaansaaf Jarman galuun isaa beekame.

Mumichi Ministeeraa Hayilamaariyaam guyyoota muraasa dura xiyyaara dhuunfaa “Charter” jedhamu kireeffachuun magaalaa Jarman Badaan jedhamutti maatii isaaniitiin simatamuun galaniiru.

Obbo Hayilamaariyaam yeroo Boqonnaa isaanii kan dabarsan mana yeroo boqonnaaf jedhanii magaalaa Jarmanitti bitatan keessatti ta’uu akka danda’u maddeen keenya himaaniru.

Yeroo turtii isaanii kana keessatti miidhagina ija isaaniitiif yaala fayyaa baqaqsanii hodhuu hojjechiifachuun isaanii akka hin hafnes himameera.

Yeroo uummatni miliyoona 20 ol beela’ee jiruu fi addunyaa irratti gargaarsi walitti qabamaa yeroo jirutti, obbo Haylemaariyaam boqonnaa fi miidhaginaaf cinqamuun xiyyaara dhuunfaa kireeffatanii deemuun isaanii amalli hooggantoota biyyattii maal akka ta’e agarsiisa jechuun maddeen yaada isaanii kennaniiru.

Magaalaan Badan magaalaa beekamtootni fi durreeyyiin Jarman keessa jiraatan keessaa tokkoodha.