Komishiniin mirga dhala namummaa Itoophiyaa mormii uummataa Oromiyaa paarlaamaaf dhiheessuu hin dandeenye.

Miseensa wayyaanee akka ta’an kan himamu Dr. Addisuu G/gebrezaabiheerin kan gaggeefamu komishiiniin mirga dhala namummaa Itoophiyaa mormii Oromiyaatti uumame ajjeechaa lubbuu fi dhiittaa mirga namummaa adda baafatus paarlaamaatti dhiheessuu akka hin dandeenye beekame.

Komishiner Addisuun jalqaba ji’a Bitootessa darbe irraa kaasee torbee lama gidduutti gabaasa paarlaamaaf akka dhiheessan qophii irra jiraachuu dhaabbilee sab- quunnamtii biyya keessaatti himaa turanis , torban jahan darban gidduutti dhiheessuu hin dandeenye.

Akka maddeen keenya nutti himanitti gabaasni kun osoo hin dhihaatin kan hafe mootummaan jalqaba qorannoon adda bafachuun qaamolee, “miidhaan kun akka gahu taassisanii fi qabeenyi akka barbadaa’u godhan geggeessitoota Kongresii Fedraalistii Oromoo obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee namoota 22 “ jechuun yakka himannaa irratti banuudhaan.

Komishiniin kun qaama addaa akka hin taane namoota baayyee biratti tilmaamamus, murtee seenaatiif jecha walitti bu’insi kun yoom eessatti akka ka’e, miidhaan akkamii akka gahe, miidhamtoonni walitti bu’iisa kanaa eenyu akka ta’an ibsuun irraa eegama ture kan jedhan maddeen keenya, wayyaaneen qorannoo isaayyuu yeroo itti sodaatu irra gaheera jedhaniiru.

Dr. Addisuun ji’a Hagayya darbe irraa jalqabanii boordii Filannoo irraa ka’uun komishiinara mirga namummaa ta’uun kan muudaman, mormii uummataa Oromiyaatti adeemsifameen humnoota tika mootummaan lubbuun namoota 240 olii darbuu isaa qaama adda ta’een erga himamee booda ibsa gaazexaa kennaniin, Itoophiyaatti haalli qabiinsa mirga namummaa fooyya’iinsa agarsiiseera jechuun yaada aantummaa isaanii akka agarsiisan namootni hubatan, miidiyaalee hawaasummaatiin “gabaasa akkamii dhiheessu laata” jechuun gaaffii kaasaa turaniiru.

Miidhaa hidhattoota mootummaan Oromiyaatti raawwatameef balleessaan guutummaan guutuutti mootummaadha jechuun obbo Hayilemaariyaam erga dubbatanii booda, mormii ka’ee fi badii raawwatameef obbo Baqqalaa Garbaafaati jechuun farajjee himannaa irratti banuun isaa, biyya tokko keessa mootummaa meeqatu jira gaaffii jedhu kaassiseera.