Afriikaatti Hogganaan Sagantaa Misoomaa Mootummoota Gamtomaanii Obbo Tanaanyawarq Geetuu Intala hiriyaa isaanii waldorgommii malee akka mindeessan himameera.

Afriikaattii hogganaan Sagantaa Misooma Mootummoota Gamtomaanii obboo Tanaanyawarq Geetuu intala hiriyaa isaanii Ambasaddar Birhaanee Gabrakiristoos kan taate Saaleem Birhaanee waldorgommii malee hojiimaata osoo hin hordofne akka mindeeffamtuuf ajajaa kennu isaanii Inteer Siitii Pirees jedhamu gabaaseera.
Saaleem Birhaanee Gabrakiristoos akka lakkofsa warra faranjoota bara 2013 sangantaa Misoomaa Mootummoota Gamtomaaniitti waldorgomii malee ajajaan akka mindeeffamte Inteer Siitii Pirees gabaaseera
Inteer Siitii Pirees dhimmoota dhaabbilee mootummoota gamtomaanii irratti xiyyeeffachuun gabaasa adda addaa gabaasuun beekamu kun iccitti hiriyoota lamaan kana hordofuun ifa baaseera
Caasaan sagantichaa bifa haaraan bara 2016 wayita hojjatamuus Saaleem Birhaanee Gabrakiristoos sadarkaa guddina olaanaan akka argatu taasifamu Inteer Siitii Pirees gabaasera.
Bifuma walfakkatuun bara 2017 beeksisiin waldorgommiin hojii tokkolee osoo baane gara hojjatuu kontiraataa dhaabbiitti jijjiiruun sadarkaa fi guddinni akka kennameef himameera.
Dhimma mindeeffamuu fi sadarkaa guddinaa kana ilaalchisuun Inteer Siitii Pirees hoggantoota Sagantaa Misoomaa Mootummoota Gamtoomaaniif gaaffii dhiyeesse deebii akka hin arganne gabaaseera
Birhaanee Gabrakiristoos yeroo ammaa Miseensa Koree hojii Raawwachiistuu Tigraay fi Gorsaa Ministiraa Muummee ta’ee akka hojjachaa jiruu waan beekamudha.