Mootummaan Itoophiyaa Qormaanni Biyyaaleessa akka hin hatamneef jecha tajaajila Intarneetii akka uggure gabaafameera.

Itoophiyaatti Qormaannii Biyaaleessa kutaa 10ffaa fi 12ffaa kan bara 2009 guutu biyyaatti Caamsaa 23 hanga Waxabajjii 1,2009tti kennama jira. Qormaata biyyaaleessa kutaa 10ffaa kana baratoonni 1,206,869 akka fudhatan ragaaleen ni mul’isu.. Qormaanni biyyaaleessa osoo baratoonni hin qoramnne akka hin baaneef mootummaan tajaajila Interneetii guutuu biyyaatti akka uggure BBC gabaaseera, Tajaajilli Interneetii guutuu biyyaatti kan uggurameef qormaanni biyyaaleessa akka bara darbee ...

Read More »

Tajaajilli Baabuuraa magaalaa Finfinnee Humni ibsaa waan addaan ciccituuf tajaajila gahaa kennu akka hin dandeenye beeksiiseera.

Tajaajil Baabuuraa magaalaa Finfinnee humna ibsaa gahaa waan hin arganeef mamiltoota isaaf tajaajila geejjibaa gahaa kenna akka hin jire himameera. Dhiyeessiin humna ibsaa furmaata kan hin arganne yoo ta’e, filaannoo biraatti fayyadamuuf Jeneretaara bituuf karoora akka qabu hogganaan dhimmoota Komunikeshinii obboo Awaqaa Muluu himaniiru. Tajaajilli Baabuura magaalaa Finfinnee maallaqaa liqii Mootummaa Chaayiiinaa irra argame dolaarii biiliyoonaa dhibba Afurii fi biiliyoona ...

Read More »

Manni Marii Mirgaa Namoomaa Mootummoota Gamtomaanii seenaa Mirga Namoomaa biyyoota miseensa mana mariichaaf filatamanii xiyyeeffannoo keessa galchuu akka qabu hayyoonni hubachiisaniiru

Manni Marii Mirga Namoomaa mootummoota gamtomaanii yaa’iin waliigalaa ji’a Onkololeessaa dhufu gaggeessuun biyyoota lama miseensummaa mana mariichaa akka filatu gabaafameera. Manni mariichaa biyyoota laman miseensummaan wayita filatu seenaa qabiinsa mirga namoomaa isaanii xiyyeeffannoo keessa galchuu akka qabu hayyoonni gaafataniiru. Daayrikteeriin Foyya’insa Seeraa Yuunivarsiitii Naashinaalii Awustaraliiyaa Porofesaar Simoon Raayiit biyyoonni miseensa mana marii mirga namoomaaf filachuuf Seenaa mirgaa namoomaa caalaa dhimmoota ...

Read More »

Lammiileen Biyyoota Afriikaa 40 ol Gaammoojjii Saahaaraa keessatti dheebuu bishaaniitiin lubbuu isaanii akka dhaban Waldaan Fannoo Diimaa Addunyaa beeksiiseera.

Lammiileen Biyyoota Afriikaa Gamoojjii Saahaaraa gadii kunniin gara Libiiyaatti baqachaa osoo jiran jedhameera. Konkolaataan Kaabaa Niijeer baqqatoota fe’ee gara Libiiyaa deemaa osoo jiru rakko teekinikaa Gammoojjii Saahaaraa keessatti mudateen akka ta’e BBC gabaaseera. Dheebuu bishaaniitiin baqqattoonni 44 lubbuu akka du’aan dubartoonni jaha balaa kana irra lubbuun hafan himaniiru. Namoota dheebuun gammoojjii Sahaaraa keessatti lubbuu isaanii dhaban keessa daa’immaan akka jiran ...

Read More »

Abbaan Alangaa Federaalaa namoota Ayyaana Irreecharratti jeequmsa kaasan ittiin jedhee himate.

Abbaan Alangaa Federaalaa namoota lama Ayyaana Irreechaa irratti jaarsolii harkaa maayikii humnaan fudhachuun jeequmsa kakaasuun namoota 55 akka du’aniif sababa ta’an ittiin jedhee himateera. Abbaa Alangaa himatamaa 1ffaan Tufaa Malkaa kabaja ayyaana Irreechaarratti jaarsolii biyyaa harkaa maayikii humnaan fudhachuun jeequmsa uumuun, ayyaanichi karaa nagaan akka hin kabajamne taassiseera jechuun himateera. Himatamaa 2ffaan Kadir Badhaasoo immoo jeequmsi akka jalqabuuf bilbilaan qindeessaa ...

Read More »

Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa liqii Abbootii Qabeenyaa Oomisha qonnaa irratti bobba’aniif kennamu dhaabuusaa

himame. Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa abbootii qabeenyaa Oomisha damee qonnaa irratti bobba’aniif liqiin akka hin kennamne qajeelfamni baase abbootii qabeenyaa maallaqa liqeeffachuuf qophiirra jiran akka miidhu himameera. Baankichi ji’a tokkoon dura abbootiin qabeenyaa liqii barbaadan gaaffii isaanii Baankii Misooma Itoophiyaaf dhiyeessuu akka danda’an beeksisuun isaa kan yaadatamuudha. Haa ta’u malee, abbootiin qabeenyaa baay’een liqii gaafatanii eegaa turan tarkaanfii fudhatameen rakkoon irra ...

Read More »

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Gaazexeessaa Geetaachoo Shifarraaw hidhaa waggaa 1 fi ji’a 6 itti murteessuun himame.

Gaazexeessaa Getaachoo Shifarraaw qopheessaa olaanaa Gaazexaa Nagaraa- Itoophiyaa jedhamu yoo ta’u, mudde 15 bara 2008 jalqabee mana hidhaa akka jiru ni beekama. Abbaan Gaazexeessaa Getaachoo Shifarraaw ragaalee adda addaa miseensota paartii Samaayaawwii irraa walitti qabuun dhaabbata Televizhiinii ”ESAT” jedhamuu fi hoggantoota Arbanyooch Ginboot sabaattiif kennaa ture ittiin jechuun yakka shororkeessummaan himateera. \ Gaazexeessaa Getaachoon mormii yeroo dheeraan booda himaannaa yakka ...

Read More »

Ijiptitti Haleellaa hordoftoota Amantii Kiristaanaa irratti raawwatameen namoonni 28 ajjeefaman.

Ijiptitti haleellaa konkolataa hordoftoota Amantii kiristaanaa fe’ee deemu irratti raawwatameen namoonni 28 wayita ajjeeffaman 25 immoo akka madaa’an BBC gabaaseera. Haleellaan kun kan raawwatame hordoftoonni Amantii Kiristaanaa sirna kadhannaatiif gara bataskaana biraa deemaa osoo jiranii ti jedhameera. Haleellaan Suukanneessaan magaalaa guddoo biyyattii Kaayiroo irraa fageenya kiilo meetira 250 irratti namoota meeshaa waraanaa hidhataniin akka raawwatame gabaafameera. Haleellaa kana ilaalchise qaamni ...

Read More »

Lammiileen saba Tigraay Naannoo Affaar keessa jiraatan Gaaffii Aanaan Addaa akka isaaniif hundeeffamu gaafataniin Aanaa Ab-aalaa gara naannoo Tigraayiitti dangeeessuuf yaala akka jiran himameera.

Gaaffiin Aanaan Addaa akka isaaniif hundeeffamuuf lammileen saba Tigraay naannoo Affaar keessa jiraatan dhiyeessan Mana Marii Federeshiiniin fudhatama akka dhabe gaazexxaan Ripportaar jedhamu gabaaseera. Dhalattoonni Saba Tigraay Bulchiinsa Naannoo Affaar keessa jiraatan Aanaan addaa akka isaaniif hundeeffamuuf gaaffii isaanii mana marii naannichaaf dhiyeessanii fudhatama akka dhabe kan yaadatamudha Gaaffiin dhugaa jiru garuu aanaa addaa akka isaaniif hundeeffamu gaafachuun yeroo hundeeffamni ...

Read More »

Abbaan Taayitaa Galiiwwanii fi Guumruukii Itoophiyaa Galii hanga amma waliitti qabuuf karoorfate keessa birrii biiliyoona 20n hanqina akka qabu beekameera

Abbaan Taayitaa Galiiwwanii fi Guumruukaa Ityoophiyaa maallaqaa galii waggaa kana keessa birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 73 ol waliitti qabuuf akka karoorfate himameera. Abbaan Taayitichaa ji’oota kudhan keessatti birrii biiliyoonaa 100 fi biiliyoona 40 walitti qabuuf karoorfate ture. Daayreektarri olaanaa abbaa taayitichaa obbo Kabbadaa Caanneen gabaasa dhiyeessaniin ji’oota kurnaan darban keessa galiin walitti qabu danda’ame birri biiliyoona 100 fi biiliyoona ...

Read More »