Ijiptitti Haleellaa hordoftoota Amantii Kiristaanaa irratti raawwatameen namoonni 28 ajjeefaman.

Ijiptitti haleellaa konkolataa hordoftoota Amantii kiristaanaa fe’ee deemu irratti raawwatameen namoonni 28 wayita ajjeeffaman 25 immoo akka madaa’an BBC gabaaseera.

Haleellaan kun kan raawwatame hordoftoonni Amantii Kiristaanaa sirna kadhannaatiif gara bataskaana biraa deemaa osoo jiranii ti jedhameera.

Haleellaan Suukanneessaan magaalaa guddoo biyyattii Kaayiroo irraa fageenya kiilo meetira 250 irratti namoota meeshaa waraanaa hidhataniin akka raawwatame gabaafameera.

Haleellaa kana ilaalchise qaamni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru jedhameera.

Haa ta’u malee, Gareen Shororkeessaa”ISIS” jedhamu yeroo adda addaa hordoftoota Amantii kiristaanaa irratti haleellaa raawwachaa jira.

Gareen Shorokeessaa kun ji’a Muddee keessa boombii dhooseen lubbuu namoota 29 gaalafateera.

Bifuma walfakkaatuun haleellaa hordoftoota amantii Kiristaanaa Ijipt irratti ji’a bitoteessaa raawwateen immoo namoonni 46 akka ajjeefaman kan yaadatamuudha.
Haleellaa kana namoonni lakkoofsi isaanii 8 hanga 10 gahuu fi uffata loltummaa uffatan akka raawwatan BBC’n gabaaseera.

Namoota balaa shororkeessummaa kanaan ajjeefaman keessaa daa’immanis akka jiran gabaafameera.

Ijipt Uummata miiliyoona 92 kan qabdu yoo ta’u, uummata biyyattii keessaa dhibbentaan 10 hordoftoota Amantii Kiristaanaa Kooptik akka ta’an ragaaleen ni mul’isu.