Komishinariin Mirga Namoomaa Mootummoota gamtoomanii Zayiid Raad Al-Huseen mormii uummataa wajjin walqabatee dhittaa mirga namoomaa lammiilee irratti raawwatamaa ture gamaaggamuuf gara Itoophiyaa imaluun isaanii ni yaadatama. Dhiittaa mirga namoomaa mootummaan Itoophiyaa jiraattota Oromiyaa fi Amaaraa irratti raawwatu kana ilaaluu fi gamaaggamuuf mootummaarraa eyyama dhorkatamuusaanii ni beekama. Komishinarichi qondaaltota mootummaa fi hoggantoota paartilee mormitootaa wajjin magaalaa Finfinneetti mari’atanis gara naannolee rakkoon ...
Read More »AFAAN OROMO Text
Jiraattonni Gandoota Oromiyaa daangaarra jiran weerartoota miseensota Liyyuu Poolisii Sumaalee irratti injifannoo boonsaa gonfatan.
Miseensonni Liyyuu Poolisii Sumaalee Mootummaa federaalaan deggaramanii gandoota Oromiyaa daangaa naannolee lamaanirra jiran humnaan to’achuuf weeraara jalqaban itti fufaniiru. Liyyuu Poolisiin Sumaalee mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Mi’eessoo irratti boombii darbachuun barattoota sadii akka miidhaniis gabaafameera. Balaa Boombii kana booda miseensonni liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee gandoota aanaa Mi’eessoo humnaan qabachuuf dhukaasa bananiiru. Weerara gaafa roobii magaalaa Mi’eessoo fi gandoota naannoo magaalattii ...
Read More »Itoophiyaan Biyyoota nagaa fi tasgabbii hin qabne keessaa sadarkaa 15 irratti argamti jedhame.
Biyyoonni Baha Afriikaa fi Giddu Gala Baha biyyoota nageenyaa fi tasgabbii hin qabnee akka ta’an qorannoon tokko mirkaneesseera. Akkaataa qorannoo dhaabbata Ameerikaa tokkootti, Sudaan Kibbaa nageenyaa fi tasagabbii dhabuun Sumaaliiyaa dursuun sadarkaa tokkoffaa irratti argamti. Itoophiyaan Qorannoo kanaan dura qoratameen biyyoota nagaa fi tasgabbii hin qabne jedhaman keessaa sadarkaa 19ffaa irra kan turte yoo taatu, amma immoo sadarkaa 15ffaa irra ...
Read More »Itoophiyaatti Qaala’iinsi gatii Oomishaalee adda addaa harka lamaan akka dabale himameera.
Itoophiyaatti qaala’iinsi gatii oomishaalee adda addaa harka lamaan akka dabale Ejensiin Istaatiksii giddu galeessaa himeera. Haaluma kanaan Qaala’iinsi gatii meeshaalee ji’a Hagayyaa dhibbentaa 10.4’n akka ol guddate Ejensichi Istaatiksii giddu galeessaa beeksise. Akka Gabaasa Ejensichaatti, Qaala’iinsi gatii Oomishaalee adda addaa waggoota sadeen darbaniif harka tokkoon dabalaa tureera. Qaala’insi gatii Oomishaalee ji’a Adoolessaa bara 2009 kan bara darbee yeroo wal fakkaataa ...
Read More »Tikoonni Wayyaanee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa aangoorra jiru kan biraan bakka buusuuf shira adda addaa qindeessaa akka jiran dhaga’ame.
Tikoonni Mootummaa Wayyaanee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Pirezedaant Lammaa Magarsaan hogganamu aangoo irraa ari’uun qaama biraan bakka buusuuf shira gara garaa qindeessaa akka jiran dhaga’ameera. Haaluma kanaan Pirezedaant Lammaa Magarsaa fi kabinoota isaa aangoo irraa fonqolchuun Kantiibaa Magaalaa Finfinnee obbo Dirribaa Kumaa bakka buusuuf tikoonni Wayyaanee guyyaa fi halkan hojjechaa akka jiran keessa beektonni himaniiru. Tikoonni Wayyaanee qondaaltota OPDO aangoo ...
Read More »Addi Bilisummaa Oromoo yaa’ii dhaabaa 4ffaa hagayyaa 20 hanga 30tti gaggeessa ture milka’inaan akka xumure beekisiseera.
Addi Bilisummaa Oromoo yaa’ii dhaabaa 4ffaa hagayyaa 20 hanga 30tti miseensoota , bakka bu’oota, hoggantoota hawaasaa , deeggartoonni fi hayyoonni adda addaa argamanitti gaggeessa ture milka’inaan xumuruu isaa ibsa baaseen bekksiseera. Dhaabbatichii qabsoo ummataa Oromoo yeroo ammaa cimee mootummaa waayyaannee raasaa jiru kana bifa hundaan akka deeggaruu mirkaneesseera Hirmattoonni yaa’iichaa gabaasa raawwii hojii koree hojii raawwachistuun duraanii dhiyeessan irratti mar’achuun ...
Read More »Mootummaa Waayyaannee Hogganaan Olaanaan Adda Bilisummaa Biyyaaleessa Ogadeen fedhiin harka kennatan jechaa jira.
Hogganaan Olaanaan Adda Bilisummaa Biyyaaleessa Ogadeen Abdulkariim Sheek muussee deeggarsa Pirezedaantii fi Ministiira muummee Sumaaliiyaatiin ukkamsamanii mootummaa Itoophiyaa dabarfamanii akka kennaman ragaaleen mul’isaniiru. Mootummaa Itoophiyaa hogganaan Addichaa fedhiin harka kennatan jechun ololaa siyaasaaf itti fayyadamuu akka danda’u xinxalatoonni siyaasa dursaanii yaada kennaa turaniiru. Hogganaan Adda bilisummaa Biyyaaleessa Ogadeen Abdulkariim Sheek Muussee waggoota sadeen darbaniif magaala Moqaadishoo jiraacha akka turan himameera. ...
Read More »Miseensoonni Koree Hojii Raawwachistuu Waldaa Raayyaa Ittisaa fi Pooliisii Duraanii Bilisummaa Biyyaaf gaheesaanii akka gumaachaan beeksisan
Miseensoonni Koree hojii raawwachistuu Raayyaa Ittisaa fi pooliisii duraanii dargaggoota Itoophiyaa bilisuummaaf qabsoo gochaa jiran deeggaruun gaheesaanii akka gumaachaan beeksisan. Waldichi ayyaanna waggaa sadaffaa isaa tibbaana Atilantaatti kabajateera. Miseensoonni koree hojii raawwachistuu waldichaa Kumaalaa Damsee Yohanniis fi kumaalaa Surafeel Zawudee ESATtti akka himanitti, miseensoonni raayyaa duraanii bulchiinsa mootummaa waayyaanneen kan bittina’aan ta’uus ammas biyyaa isaaniif jaalala gudda qabu. Miseensoonni Waldaa ...
Read More »Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-uun waraanaaf isaan Afeera akka jiru Amerikaan beeksiste
Kooriyaan Kaabaa yaalii dhukaasa meeshaa waraanaa Miisaa’eelii cimstee itti fufte jirti. Biyyaattiin tibbaana immoo meeshaa waraanaa miisaa’eellii boombii Hayidrojiinii itti fe’aamu bifa milka’een akka yaalte addunyaatti himtee jirti. Gocha Kooriyaa Kaabaa dhiyeenyaatti kan hordoftu Amerikaan akkuma kana duraan biyyaattiin gocha kana akka dhaabduuf akeekkachistee jirti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti ambasaddaarri Amerikaa Niikii Haaleey, hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-uun waraanaaf nu kadhachaa ...
Read More »Jirattoonni Godinaalee Oromiyaa weraara Liyyuu Pooliisii naannoo Sumaalee obboleewwaan isaanii daangaarra jiran wajjiin ofirra ittisuuf qophii akka ta’an beeksisaa jiru
Mormii Ummata Oromoo waggaa tokko oliif ture wajjiin waqabatee mootummaan waayyaannee liyyuu pooliisii Sumaalee deeggaruun ummata oromoo irratti lola labseera. Haalauma kanan Liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee gandoota daangaa Godinaalee Oromiyaa Harargee Lixaa fi Bahaa , Baalee, Boraanaa fi Gujii weraarun lubbuu namoota heddu galafataniiru. Qabeenya jirattoota Gandooota daangaa irra jiraatanii saamuu, gubuu fi namoota ukkamsanii fudhachun daangaa Oromiyaa keessa Alabaa ...
Read More »