Miseensoonni Koree Hojii Raawwachistuu Waldaa Raayyaa Ittisaa fi Pooliisii Duraanii Bilisummaa Biyyaaf gaheesaanii akka gumaachaan beeksisan

Miseensoonni Koree hojii raawwachistuu Raayyaa Ittisaa fi pooliisii duraanii dargaggoota Itoophiyaa bilisuummaaf qabsoo gochaa jiran deeggaruun gaheesaanii akka gumaachaan beeksisan.
Waldichi ayyaanna waggaa sadaffaa isaa tibbaana Atilantaatti kabajateera.
Miseensoonni koree hojii raawwachistuu waldichaa Kumaalaa Damsee Yohanniis fi kumaalaa Surafeel Zawudee ESATtti akka himanitti, miseensoonni raayyaa duraanii bulchiinsa mootummaa waayyaanneen kan bittina’aan ta’uus ammas biyyaa isaaniif jaalala gudda qabu.
Miseensoonni Waldaa Raayyaa Ittisaa fi Pooliisii biyyaatti duraanii dhaloonni ammaas ta’e kan boruuf muxxaannoo jalaala biyyaa fi loltummaa qaban qooduuf fedhii akka qaban himaniiru
Qabsoo Ummanni Itoophiyaa bilisummaa gofachuuf kaffalaa jiru injifannoon hanga xumuramutti bifa hundaan tumsuuf qophii ta’uusaanii mirkaneessaniiru
Miseensi Koree hojii raawwachistuu waldichaa Kumaalaa Damsee Yohanniis miseensoonni waldaa isaanii bilisummaa biyyaatti dhugomsuuf taasifamu deeggaruuf tattaafachaa akka jiran dubbataniiru.
Miseensi koree hojii raawwachistuu biroo kumaalaa Surafeel Zawudee gamasantiin, gargaarsa fi jalaala ummanni raayyaaf qabu dinqisfataniiru.
Kabajaa ayyaanna waggaa sadaffaa waldaa Raayyaa ittisaa fi Pooliisii Biyyaatti duraanii kana irratti dura taa’aan koree hojii raawwachistuu kumaalaa Damisee Yohanniis fi bareessaa waldichaa kumaalaa Abbaabaa Yimanuu gabaasa raawwii hojii dhiyeessaniiru.
Mejaar Jeneraal Mardaasaa Leelliisaa hirmattoota Kabajaa ayyaanna waggaa sadaffaa waldaa Raayyaa Ittisaa fi Pooliisii Itoophiyaa duraniitiin bilbilaan baga ittin isin gahe jedhaniiru.
Maatiin Mejaar jeneraal Mari’iid Nigusee fi Birgadeer jeneraal Addiis Agilacheew sirna kanarratti hirmataniiru.
Artist Alamtsahaay Wadajoo, Gaazexxeestuu Ri’iyoot Alamuu fi obboo Habtamuu Ayyaaleew keessummaa kabajaa ta’uun sirna kanaratti hirmataniiru