Addi Bilisummaa Oromoo yaa’ii dhaabaa 4ffaa hagayyaa 20 hanga 30tti gaggeessa ture milka’inaan akka xumure beekisiseera.

Addi Bilisummaa Oromoo yaa’ii dhaabaa 4ffaa hagayyaa 20 hanga 30tti miseensoota , bakka bu’oota, hoggantoota hawaasaa , deeggartoonni fi hayyoonni adda addaa argamanitti gaggeessa ture milka’inaan xumuruu isaa ibsa baaseen bekksiseera.
Dhaabbatichii qabsoo ummataa Oromoo yeroo ammaa cimee mootummaa waayyaannee raasaa jiru kana bifa hundaan akka deeggaruu mirkaneesseera
Hirmattoonni yaa’iichaa gabaasa raawwii hojii koree hojii raawwachistuun duraanii dhiyeessan irratti mar’achuun raggasaniiru.
Yaa’iichi sagantaa Siyaasa fi danbii dhaabbatichaa gamaggamuun foyya’insaa barbaachisa itti dabaluun akka raggase ibsaa baasee irra hubatameera.
Hirmattoonni yaa’iichaa haala siyaasa Addunyaa fi biyyoota gaanfaa Afriikaa irratti gadi fageenyaan mari’ataniiru.
Haaluma kanan Addii Bilisummaa Oromoo mirga ofiin-of bulchuu ummattoota, dhaabbilee siyaasa kara dimokirasummaan fayeeda isaanii haala qabatamaa naanniichaaa wajjiin walsimu fi mootummoota wajjiin hojjachuuf qophii ta’uusa mirkaneesseera.
Gochaa Sanyii duguggii mootummaan waayyaannee yeroo aangoo siyaasaa biyyaatti qabatee jalqabee ummataa oromoo fi lammiilee biyyaatti irratti raawwatu balaleeffateera.
Yaa’iin 4ffaa Adda bilisummaa Oromoo hoggantoota haaraa yeroo itti aanuuf dhaabbaticha hogganaan filachuun sagalee hirmattootan mirkanesiseera.
Akkatadhuma kanan Obboo Dawuud Ibsaa dura taa’aa Koree giddugalaa dhaabbatichaa akkasumas obboo Ararsoo Biqilaa Itti-aanaa dura taa’aa koree giddugalaa dhaabaa ta’uun filatamaniiru.
Obboo Dawuud Ibsaa fi obboo Ararsoo Biqilaa waggoota hedduuf hoggansaa adda addaa irra kan turan
Hoggantoonni lamaan qabsoo ummata oromoo keessatti gahee gudda akka qabaniis ibsa dhaabbaticha irra hubatameera.