Author Archives: Central

Mootummaan Itoophiyaa Paartileen Mormitootaa akka marii parlaamaatti hirmaatan qopheessaa akka jiru beekame.

Mootummaan Itoophiyaa Paartileen Mormitootaa waggaatti yeroo sadii paarlaamaa seenanii marii irratti akka hirmaataniif manuwaalii dandeessisu qopheessaa akka jiru beekame. Partileen Mormitootaa garuu osoo uummaataan filatamanii sagalee bakka bu’iinsaa hin argatin marii parlaamaa irratti argamuun heera biyyattiin ala jedhan. Itti-Aanaa duraa Ta’aan Paartii Kongraasii Fedaralistii Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu, mormitoonni uummataan osoo hin filamanii bakka bu’iinsa osoo hin argati paarlaamaa keessatti ...

Read More »

Bara mootummaa Dargii Ministirri Muummee Itoophiyaa duraanii Obboo Tafaayee Dinqaa Du’aan

Obboo Tasfaayee Dinqaa Bara Mootummaa Dargii sadarkaa Hoggansaa olaannoo adda adda fi Ministrirraa Muummee ta’uun tajaajila turaniiru. Obbo Tasfaayee Diinqaa kan du’aan kooluugaltummaan biyyaa jiraatan Amerikaatti akka ta’ee beekameera. ObbooTasfaayee Dinqaa waggoota 77 dura naannoo magaalaa Ambootti dhalataan. Barnoota isaanii sadarkaa 2ffaa magaalaa Finfinnee Jeneraal Wingeetiitti hordofaniiru. Obboo Tasfaayeen Digrii isaanii jalqabaa Biyyaa Libanoon magaalaa Beeruut Yuunivarsiitii Amerikaa jedhamurraa wayita ...

Read More »

Dr Maraaraa Guddinaa hatattaamaan akka hidhaa gadi dhifamanii Paartiin MEDREK gaafateera.

Sababni Dr Maraaraa Guddinaa ittiin hidhaman fudhatama waan hin qabneef hatattaamaan mana hidhaatti gadi dhiifamuu akka qaban paartiin MEDREK ibsa bareeffaaman guyyaa Kamisaa baaseen gaafateera. Hidhamuun Dr Maraaraa walii galtee Mootummaa wajjiin irra gahan kan diiguu akka ta’ee paartich beeksiiseera. Kana malees hidhamuun isaanii nageenyaa fi tasgabbii biyyaatti balaaf saaxiluu akka danda’u yaaddoo qabu MEDREK ibsa bareeffaaman baasee beekseera. Paaretich ...

Read More »

Balaa hongee Itoophiyaa Muddaateen daai’immaan hanqina nyaataatiin akka hin duuneef dhaabbileen gargaarsa addunyaa duulaa waggaa shan jalqaban

Duulli qindoomina Mootummaa fi Dhaabbilee gargaarsa 11 jalqabamee kanaaf doolaari biiliyoona 1 fi Miiliyoonni kuma 400 ramadameef jira. Gargaarsi duulaa kana irraa argamu daa’immaan hanqinaa nyaataatiif saaxilamaniif nyaata wal madaalaa dhiyeessuuf akka ooluu himameera Naannoo Amaaraatti daa’immaan dhibbentaa 46 naannoo Benishangul Gumuuziitti dhibbeentaa 42 akkasumas naannoo Affaariitti daa’immaan dhibbeenta 41 hanqina midhaan nyaataa guddaadhaaf saaxilamuu isaanii ragaan Ministeera Egumsa Fayyaa ...

Read More »

Gaazeexxeessa Tamsgeen Dasaleeny mana hidha Ziwaay keessa hin jiru akka jedhan maatiin isaa beekisiisaan.

Mana hidhaa Ziwaayiitti hidhamee kan turee Gaazeexxeessaa Tamasgeen Dassaleeny mana hidhaa keessaa hin jiru akka jedhan maatiin isaa himaniiru. Yeroo ammaa maatii fi hiriyyoonni isaa bakka jiruu barbaada jiraniis hanga ammaatti beekuu akka hin dandeenyee qamooleen dhimmaa isaa hordofaan beeksiisan. Maatiin Tamasgeen odeeffannoo toora miidiyaalee hawasummaatiin gadi dhiisaniin guyyaa lama isaa gaafachuuf gara mana hidhaa ziwaay deemaaniis namni Tamsgeen jedhamu ...

Read More »

Itoophiyaa Biyyoota Tajaajila Interneetii ukkamsan keessa adda dureen ramadamtee jirti

Dhaabbanni Firdaam Hawuus jedhamuu bu’aa qorannoo Itti fayyadama fi to’aannoo teekneloojii waggaa tokkoof qorateen, Itoophiyaan biyyoota akka Chaayiinaa fi Sooriyaa tajaajila Interneetii to’aachuu fi ukkamsuun adda duree ta’an wajjiin ramadamtee jirtii Waggaa darbee irra jalqabdee tajaajila interneetii to’aachuu kan jalqabdee Itoophiyaa, Biyyoota Afriikaa 54 keessa adda durummaan Diinaa Teekeneloojii jedhamuun ramadamtee jirtii Mormii Ummata Oromoo wajjiin walqabatee mootummaan Itoophiyaa tajaajila ...

Read More »

Rakkoon diingedee Itoophiyaa laafaa dhufee wajjiin walqabatee Qala’insi gatii bittaa guddateera

Guddina diingdee Itoophiyaa yeroodha gara yerootti laafaa dhufee wajjiin walqabatee qala’insi gatii bittaa duraan dhibbentaa 5.6 irra ture gara dhibbentaa 7 ol guddachuusaa Ejeensiin Statatikisii Giduugaleessaa beeksiiseera. Gatiin bittaa nyaata waan dabaleef qala’insa gatii bittaa kun ol guddachuu akka danda’ee Ejeensiin Statatikisii Giduugaleessaa himeera. Qala’insa gatii bittaa nyaata ji’a darbee dhibbeentaa 3.4 irra turee ji’a kana immoo gara dhibbeentaa 6 ...

Read More »

Kisaaraan baankii Misoomaa Itoophiyaa lafa abbooti qabeenya biyyaa alaatiif kennuu wajjiin walqabatee irra gahee falmii kaaseera

Baankiin Misooma Itoophiyaa Abbooti qabeenya biyyoota alaa damee Invastimantii Qonnaa irratti bobba’uu barbaadaniif lafa liiziidhaan dhiyeessa tureera. Baankich adeemsa lafa liiziidhaan abbooti qabeenyaatiif dhiyeessuu wajjiin walqabatee kisaaraan birrii biiliyoonaatti lakkawaamuu irra gaheera. Abbootiin qabeenya biyyaa keessaa fi Alaa 100 caalaan invastimantii qonnaaf lafa bal’aa naannoo gambeellaatti fudhataniiru.Yaa ta’u malee haali adeemsa lafti abbooti qabeenyaaf itti kenname sirri miti jechuun mootummaan ...

Read More »

Baqqattoonni Oromoo Kaayiiroo jiran dhaabbata kooluu Galtoota mootummoota gamtoomaanii irraa Abdii akka kutatan beeksiissan

Komishiiniin Kooluu galtoota mootummoota Gamtoomaanii akkaata waliigaltee mootummaa Igipt wajjiin qabun dhiimma koluugaltummaa isaanii murteessuu osoo qabu Iyyaannoo isaanii jala haqaa akka jiru baqattoonni Oromoo Kaayiiroo jiran beeksiisaniiru.Ejeensii Mootummoota gamtoomanii kun miidhaa qoodinsa, jibbaa fi reebinsa sukkaneessaa mootummaa Itoophiyaatiin isaaniira gahee dhaga’uu akka hin barbaannee baqattoonni Oromoo beeksiisaniiru. baqataan lammii oromoo Mu’aaz Mahammuud // akkaa BBC tti dubbateti yeroo darbee ...

Read More »

Ministeerri Dhimmaa Alaa Amerikaa lammiileen biyyaattii gara Itoophiyaa deemuun balaa qaba jechuun akeekachiiseera.

Hiriira mormii Ummaata bara 2015 bakka adda addaatti jalqabame lammiilee Amerikaa gara Itoophiyaa deemaan irratti balaa fuduu akka danda’u Ministeerri dhimma Alaa Amerikaa ibsaa baaseen beeksiiseera. Imbaasiin Amerikaa Finfinnee jiru tajaajilli Interneetii fi bilbilaan kennuu of eeggannoo tokko malee addan cituu akka danda’u beeksiisera. .Waan kan ta’eef,akeekachisa imaltummaa duraan kennee turee ammas akka haaromse ministeerich himeera. Tajaajilli Interneetii fi bilbila ...

Read More »