Uncategorized

Jeneraalonni Adda Bilisa Baasaa Tigraay Jaarsoolee Bulchinsa Naannoo Soomaalee Iyyannaff Finfinnee Jiran Doorsisaa Jiraachuun Beekame.

Jaarsooleen bulchinsa naannoo soomaalee 150 ta’an rakkoolee naannoo irra ga’aa jiru irratti iyyannaa dhageessisuuf erga magaalaa Finfinnee seenan ji’a darbanii jiru. Jaarsoolen waajjiraa muummee ministeeraa deddeebi’anii dhaqaniis, hanga ammaa waajjiraa Dr. Abiy Ahmad qunnamuu hin dandeeny akkasumaas, qaamni mootummaa sirnaan isaan dubbise tokko hin jiru jedhama. Akka oduun ESAT dhaqqabeetti jaarsooleen bulchinsa Soomaalee haalota soda nageenyaa keessa akka jiran himamaa ...

Read More »

Jiraattonni Magaalaa Burraayyuu bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuun rakkachaa jiru.

Jiraattoonni magaalaa Burraayyuu bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu waan hin dandenyeef bishaan boollaa fi lagaa qulqullina hin qabne dhuguuf akka dirqaman himaniiru. Dhiyeessi bishaan dhugaatii qulqulluu waan hin jireef bishaan lagaa fi boollatti fayyadamun rakkoo fayyaaf akka isaan saaxile jiraattoonni magaalaatti dubbataniiru. Pirojektiin bishaan dhugaatii Sagantaa WaSH jedhamun jalqabame rakkoo jiraattoota ni fura jedhame kan abdatame ta’uus, hordoffii fi to’aannoo gahaan ...

Read More »

Hojjattoota Wajjira Olaanaa Oditara Muummichaa Oromiyaatiif miindaan gitta caasaa haaraa itti ramadamaniin osoo hin kaffalamneef ji’oota sagaliin boodaa xalayaa biraan akka bakka bu’u waan ta’eef hojjattoonni komataniiru.

Hojjattoonnis ji’a ji’aa haala caasaa haaraatiin mindaan ni kaffalama jedhanii osoo abdiin eegaan xaalayaa biraan bakka bu’uun akka isaan gaddisiise beeksiisaniiru Qondaltoonni wajjiiriichaa akkaata Iskeelii miindaa caasaa haaraa kaffaluuf hanqinni bajataa waan jiruuf yeroo muraasaaf akka obsan eegaan itti himaa akka turan hojjattoonni dubbataniiru. Amma garuu iskeelii miindaa hojjattoota mootummaaf akka biyyaatti ji’a Amajjii foyya’e akka isaanii kennamee fi caasaan ...

Read More »

Hidhamtootaa siyaasa hunda mana hidhaatti akka gadi dhiifaman Dhaabbata Mootummoota Gamtomaniitti Ambasaddar Amerikaa waamicha dhiyeessan.

Hidhamtoonni siyaasa biyyoota gara gara keessatti hidhamanii jiran akka gadi dhiifamniif dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambasaddar Amerikaa duulaa jalqabuun isaanii ni yaadatama. Mootummaan Itoophiyaa hidhamtoota siyaasa hidhee jiru gadi dhiisuun mirga ummata biyyaatti heeraa mootummaatiin mirkana’ee akka kabaju gaafataniiru. Itti-aanaa duraa ta’aa Paartii kongraasii Federaliistii Oromoo erga mana isaanii Adaamaatii loltoota mootummaa Itoophiyaatiin qabamanii hidhamanii waggaa tokko akka ta’e beekameera. Dhaabbata ...

Read More »

Mootummaan Biritaaniyaa lammilleen isaanii naannoo Gaambeellaa aanaalee afur keessatti akka hin sochoone akeekkachise.

Walitti bu’insa dhihoo kana Gaambeellaatti umameen wal qabatee mootummaan Birtaaniyaa aanaalee afur naannichatti argamu keessatti akka hin imalle hubachiise. Haala nageenya yeroo fi dhimmoota lammii Itoophiyaa keessa jiruun lammille isaatiif oddeeffannoo kan kenne ministeerri dhimma alaa Biritaaniyaa naannoo Gaambeellaatti bakkeewwan kanaan dura walitti bu’insi ture ammas sodaa rakkoo nageenyaa ta’uu isaa ibseera. Naannoo Gaambeellaa godina Niweeri jalatti kan argaman aanolee ...

Read More »