Jeneraalonni Adda Bilisa Baasaa Tigraay Jaarsoolee Bulchinsa Naannoo Soomaalee Iyyannaff Finfinnee Jiran Doorsisaa Jiraachuun Beekame.

Jaarsooleen bulchinsa naannoo soomaalee 150 ta’an rakkoolee naannoo irra ga’aa jiru irratti iyyannaa dhageessisuuf erga magaalaa Finfinnee seenan ji’a darbanii jiru.
Jaarsoolen waajjiraa muummee ministeeraa deddeebi’anii dhaqaniis, hanga ammaa waajjiraa Dr. Abiy Ahmad qunnamuu hin dandeeny akkasumaas, qaamni mootummaa sirnaan isaan dubbise tokko hin jiru jedhama. Akka oduun ESAT dhaqqabeetti jaarsooleen bulchinsa Soomaalee haalota soda nageenyaa keessa akka jiran himamaa jira.
Deeggarsa Presedaantii bulchinsa naannoo Soomaalee Abdi illeef jecha jeneraalonni adda bilisa baasaa Tigraay Jeneraal Gabree Dillaa kan hojiif biyya Suudaan Kibbaa jiru otuu hin hafin magaalaa Finfinnee seenuun isaanii ragaaleen mul’isaniiru.
Ajajaan waraana Adda Bilisa Baasaa Tigraay Jeneraal Abrahaam Wald-Maariyaam yokaan Kuwaartar kan jedhaman horii baayyeen Abdi Illeen kannamuufiin kanneen adda durummaan jaarsoolee doorsisaa jiran keessaa ta’uun barameera.
Akkasumaas Jeneraal Maashoon Abdi Illee deeggaruun Jaarsoolee doorsisutti bobba’anii jiraachuun isanii himameera.
Yaadni Jeneraalonni jaarsooleen akka iyyannoo mormii dhiisanii karaa nageenyaatiin Abdi Illee wajjiin marii geggeeysuun furmaanni akka aragamuuf dhiheessanii turan gara Jaarrooleen waan didameef haalli gara jaarrolee dorsisuutti geeddaramee jiraachuu oduun ESAT dhaqqabeera.
Jeneraalonni Wayyaanee “jireenyi Abdi Illeen nuu fii isinii fiis murtyysaadha, ummata Oromoo warren diina waloo keenyya ta’an injifachuuf jecha Abdi Illeen angoo irra jirachuun barbaachisaa waan ta’eef, isiniis yaada kana irratti nu deeggaraa” yaada jedhu jaaroleen diduun “Ummanni Oromoo diinaa keenyyaa mitii yo Abdi Illeen angoo irraa hin kaafamne mormiin ummtaa akka cimee itti fufuuf jiratu” hubachiisaniiru.
Jeneraalota Wayyaanee fii presedaantii Bulchinsa Naannoo Soomaalee Abdi Illee jiduu bu’aa daldala kotorobaandii guddaan kan janaraalonni woyyaanee buufata Barbaraa irraa hanga magaalaa Suudaan Kibbaa Jubbaa jidduu diriirfatan akka jiru himameera.
Abdi Illeen angoo Presedaantummaa irraa kaafamuun hunda caalaa daldala Kotrobaandii jeneraalota Wayyaneef rakkisaa waan ta’eef hund caalaa jeneraalonni akka Abdi Illeen angoo irra turuf olifi gadi fiigaa akka jiran baramee jira.
Mormii bulchinsa naannoo Soomaleetti jalqabameen wal-qabatee hanga ammaa namootni 20 ajjefamuun kumni 10 oli hidhamanii jiru.