USA varjiiniyaatti hugguramuu miidiyaa fi sochii uummata Itoophiyaatti mata duree jedhuun mariin uummataa gageefame

Torban darbe Ameerikaa bulchiinsa Varjiiniyaatti ugguramuu midiyaa fi sochii uummataa mata duree jedhuun saatalaayitii raadiyoo fi televizyiin Itoophiyaatiin (ESAT) fi BBN mariin uumataa gaggeefame.

Gaafa guraandhala 7 /2016 marii uummataa gaggeefame kana irratti dhimmi mata duree kana irratti beektootni qorannoo gaggeessan bakka bu’ootni ESAT fi BBN akkasumas bakka bu’ootni koreen mormitoota mirga gaazexeessitoota (SPJ) hasawaa taasisaniiru.

Bakka bu’oota koree mirga gaazexeesitoota ta’anii haasawa kan taassisan aadde Keerii Peterson huguramuu midiyaa Itoophiyaa keessatti taassifamaa jiru dhaabbatni isaanii dhiheenyaan akka hordofu himaniiru. Itti fufunis mootummaan Itoophiyaa midiyaalee huguruu bira darbee gazexeestoota kan Cunqursu, kan hidhuu fi biyya isaanii keessaa akka baqatan kan taaasisu ta’uu isaa hubachiisaniiru.

Sirni bulchinsa kana raawwatu dhibbantaa 100 n filannoo mohadheera yeroo jechun dubbateera.

Itti aansuun qorannoo isaanii kan dhiheessan pirezidaantiin gamtaa qorannoo oromoo waashingitenitti Endil Yuunivarsitiitti school Afloo visiting Acadamic feloo kan ta’an obbo Heenook Gabbisaati.

Obboo Heenook barreeffaama qorannoo dhiheessan irratti hugguramuu midiyaalee biyyoota addunyaa adda addaa keessatti taassifamu kan ibsan yemmuu ta’u, mootummaan Itoophiyaa amma angoo irra jiru Iraani fi soriyaatti ansuun ukkaamsaa fi hugguramuu midiyaatiin sadaffaa irratti akka argamu ibsaniiru.

Yeroo dhihoo keessa hugurumsa midiyaalee, OMN ESAT fi BBN irratti taassisaa jiru akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.

Tarkaanfii mootummaan Itoophiyaa fudhachaa jirtu walii galtee heera addunyaan kan walitti bu’u ta’uus himaniiru.

Furmaati siyaasaa gutummaatti dhufuu baannaan rakkoo kana furuun rakkisaa ta’uu isaa jala muruun dubbataniiru.

Itti aansuunis daarikterri BBN kan ta’an obbo Saadiq Ahimeed warraaqsa bilisummaa fi huguramuu midiyaa mata duree jedhu irratti barreeffaama qorannoo dhiheesaniiru.

Obboo Saadiq Ahimeed hugurumsi midiyaa Itoophiyaatti kallattii,fi alkallattiin,teknoolojii fi xiyyeeffannaa namaatiin kan raawatamu ta’uu addeesaniiru.

Lammiilee Itoophiyaa hunda, musiliimoota Itoophiyaa keessa jiran irratti xiyyeefannaa taassisee kan socho’u BBN mootummaan Itoophiyaa Wayyaanneen dursamu ukkaamsaa fi dhiibbaa jiru himaniiru.

Sirni bulchiinsa biyyattii yeroo garagaraatti kan agarsiisu irratti xiyyeeffannaa kan kennan pirezidaantii qorrannoo Oromiyaa bara itti aanuu kan ta’an Piroofeser Isqiyaas Gabbisaati.

Piroofeser Gabbisaan sirnicha fooyyessuuf yeroo garagaraa jijjirama amalaa mul’isu hubachuun akka barbaachisu dubbataniiru.

“Yeroo tokko Alaabaan huccuudha jechaa kan turan hoggantootni wayyaanee yeroo biraa ammoo ofuma isaaniitii dhimmitoota Alaabaa ta’uun hanga labsii baasuutti yeroo deeman “ argineerra jechuun walgahii irratti ifa taasisaniiru.

Keessaayyuu Iammiilee Itoophiyaatti lakkoofsa hedduu qaban uummata Oromoo fi Amaraa akka diinaatti akka wal ilaalan gochuuf maloota adda ddaa baasuun hojii irra oolchaa turuu isaanii hubachiisaniiru.

Tarkaanfii du’aa balaaleffachuuf nama ta’uu qofti gahaadha jechuun haasaa isaanii kan jalqaban bakka bu’an ESAT artistii fi Activistiin Taammanyi Bayyanaa ragaa Vidiyoo fi fakkiitiin deggaruun daa’immanii fi harmootii gara jabeenyaan yeroo adda ddaa ajjeefaman irratti ibsa kennaniiru.

Yeroo kana walitti dhiheenyaan hojjechuun yeroo kammiyyuu caalaaa barbaachisa ta’uu hubachiisaniiru.

Profeser Geetachoo Begaashaw gama isaanitiin biyyi keenya yeroo ammaa daandii qaxxamuraa irratti kan argamtuu fi warraaqsa jalqabame cimsanii itti fufuun ala filannoon biraa akka hin jirre himaniiru.

Yeroo ammaa bulchiinsi akka haala bineensa madaaheetti waan jiruuf akkuma madaaheetti dhiisuun kufaatii hamaa hordofsiisuu akka danda’u hubachiisaniiru.