Mormii Oromiyaatti mudateen jiraatootni hedduun dararamaa akka jiran himan.

Bitootessa 31/2016

Mormii Oromiyaatti mudateen jiraatootni hedduun dararamaa akka jiran himan.

Mormii master pilaanii magaalaa Finfinneen wal qabatee Oromiyaa keessaatti mormiin uummataa ji’oottan shan lakkoofsise furmaata akka hin argannee fi jiraattotni naannichaas sodaa keessa jiraachuu isaa televizyiinin biyya France gabaasera.

Jiraattotni magaalaa Gincii fi naannoo ishee dhaabbata Televizyiinii kana waliin gaaffii fi deebii taassisan akka ibsanitti, hanga ammaatti jiraattonni hidhamaa jiru.

Namootni tokko tokko lafa isaan gahan akka hin beekamne kan ibsan jiraattotni kunneen humnootni tika mootummaa tarkaanfii cimaa fudhachaa turuu isaanis himaniiru.

Qonnaan bulaan warquu Baayyuu jedhaman mucaan isaanii Aschaalew jedhamu akka jalaa ajjeefame kan himan, jiraattotni lafti isaanii irraa fudhatamuun abbootii qabeenyaaf kennamuu isaa mormuuf gaaffii dhiheessuu jalqabuu isaanii himaniiru.

Lafti keenya nurraa fudhatameera bakka lafa keenyaa beenyaan nu kennamus gahaa miti kan jedhan qonnaan bulaan kun lafti isaanii irraa fudhatamuu isaatiin jireenyi isaanii baayyee akka midhames televizyiin kanatti himaniiru.

Mormii uummataa master pilaanii magaalaa Finifinnee ji’oota shanaffaa lakkoofsisaa jiru kana irra darbee gaaffii mirgaa waliqixummaa fi itti fayyadamummaa misoomaa kan of keessaa qabu ta’uus televizyiniin France gabaasera.

Jiraatan magaalichaa obbo Girmaa Turaa Jedhaman humnootni tika mootummaa hanga ammaatti jiraattota magaalaa sodaachisaa akka jiranii fi reeffi namootaa bakka adda addaatti gooda irraa argamaa akka jiru televizyiinichatti himaniiru.

Mormii Oromiyaa kanaan hanga ammaatti yoo xiqqaate namootni 400 ol ajjeefamuun kumaatamaan kan lakkaa’aman ammoo mana hidhaatti dararamaa fi ukkaamfamaa jiraachuu isaanii qaamoleen garaagaraa gabaasaa jiru.