AFAAN OROMO Text

Qondaaltonni Mootummaa Itoophiyaa fi Keeniyaa dhimma nageenyaa fi tasgabbii irratti magaalaa Mombaasaatti mari’achaa akka jiran dhaga’ame.

Looltoonni Mootummaa Itoophiyaa sababa Loltoota ABO qabuuf jedhuun yeroo gara garaatti daangaa Keeniyaa waan qaxxamuraniif walitti dhufeenya biyyoota lamaanii irratti rakkoo akka fide Gaazexoonni biyattii gaabaasaniiru. Ji’a darbe loltoonni mootummaa Itoophiyaa gara daangaa keeniyaa seenuun Poolisoota jaha erga ukkaamsanii fudhatanii booda keeniyaan loltoota ishee daangaa irra akka qubachiiste gaazexaan biyyattii Deyilii Neeshin jedhamu gabaaseera. Walii galteen dhabamuun naannoo daangaa biyyoota ...

Read More »

Pirizedaantiin Baankii Misooma Itoophiyaa aangoo irraa kaafaman

Waggoota saddeetan darbaniif Pirizedaantii Baankii Misooma Itoophiyaa kan turan Obboo Isayaas Baahiiree sababa hin beekamneen aangoo isaanii irra akka kaafaman beekameera. Obboo Isayaas hojii pirizedantummaa baankiicha irra ka’uu isaanii xalayaan mirkaneessu hogganaa Ejeensii To’aannoo Faayinansii Ummataa Doktoor Sintaayyoo Waldamika’eel akka mallatteeffamee gaabafameera Hanga ammaatti namni bakkaa isaanii bu’ee akka hin jire kutaan komunikeshiinii baankichaa beeksiiseera Baankiin Misoma Itoophiyaa Pirojektoota warshaa ...

Read More »

Labsii yeroo hatattamaa labsameen dargaggoonni baay’een bakka dhoksaa adda addatti hidhamaniiru.

Namoonni kun taalee biyyaatti adda addaa keessa ukkamsamanii fudhataman giddu gala looltummaa fi kolleejjii Qonnaa adda addaa keessatti dhoksan hidhamanii akka jiran beekameera. Mootummaan Itoophiyaa namoota kuma 20 hanga kuma 30 ta’an bakka maatii fi firootan isaanii hin beekneetti hidheera. Namoota nagaa hidhaman tooftaa gara garan dararuun soodachisuuf yaaddamee akka ta’ee himameera. Haali qabinsaa namoota maqaa labsii hatattamaa jedhuun hidhamanii ...

Read More »

Balaan goginsa kibbaa baha Itoophiyaatti babal’achaa jiru yaaddeessa ta’uu, Dhaabbanni Mootummoota gamtomaanii beeksiise.

Itoopiyaa keessatti balaan goginsa gara godinaalee birootti babal’achaa dhufuun akka isa yaaddeesse dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaanii beeksiise. Naannoo Oromiyaa godinaaleen akka Gujii, Baalee fi Boraanaatti hanqinna bishaanii waan jiruuf namoonni miliyoonaatti lakkawamanii balaaf akka saaxilaman dhaabbatich beeksiiseera. Balaan goginsaa kun naannoo Sabaa fi Sabblamoota Ummattoota Kibbaas ni soodachiisa jedhameera. Naannichaatti yeroo ammaa gandoonni 236 hanqina bishaan dhugaatii hamaa keessa akka jiran ...

Read More »

Kampaaniin Atilaas Afriikaan Industiiriis jedhamu Itoophiyaa gadi dhiisee akka bahee beeksiise

Kampaaniin Atilaas Afriikaan Industiiriis jedhamu mootummaan Itoophiyaa seeraan alaa maallaqa Invastimantii dolaarii Miliyoonaa lama waan jalaa dhoorkeef komataa tureera. Kampaaniin kun Warshaa Biiraa Raayyaatiif qaruura biiraa omishaa ture. Warshaa Biiraa Raayyaa wajjiin hojjachuu erga jalqabee booda, Abbaan Taayitaa Galii fi Gumuruukii Itoophiyaa warshichi taaksii hin kaffalee waan jiruuf hanga kaffaluutti jedhee akka dhorkee beeksiisera. Hogganttonni kampaaniichaa kaffaltiin gaafatamee warshaa Biiraa ...

Read More »

Hogganaan Garee loltootaa Sudaan Kibbaa Itoophiyaa akka hin seenee dhorkamanii

Itti-aanaa pirizedaantii duranii fi hogganaan garee loltoota Sudaan Kibbaa Doktoor Reek Machaar Bufaata Xiyyaara Addunyaa Booleetii dirqisifamaanii gara Afriikaa kibbaatti akka deebi’an Gaazeexaan Sudaan Tiribuun jedhamu gabaasera Reek Machaar Afriikaa Kibbaatti akkumaa buufta xiyyaara addunyaa boolee gahaniin qondaltoota mootummaa Itoophiyaatiin akka buufata xiyaaraatti hin baane erga dhorkamanii booda gara Afriikaa Kibbaatti akka deebi’an dirqisifamaaniiru. Buufata Xiyyaara Booleetti saa’aatii Afrurii fi ...

Read More »

Lammiileen Itoophiyaa biyya Yeman jiran rakkoo cimaaf saxilaamuu isaanii Dhaabbaanni Baqattoota Addunyaa (IOM) beeksiise

Lammmiileen Itoophiyaa baqatanii biyya Yemanii keessa jiratan rakkoo namoomaa fi waraanaa yeroo amma biyyaatti keessatti jiruuf saaxilamuu isaanii Dhaabbanni Baqattoota Addunyaa (IOM) beeksiiseera Humni Ittisa biyyaa Sawuud Arabiyyaa haleelaa xiyyaaraa tibbana yeroo muraasaaf waan dhaabeef lammiilee Itoophiyaa kara ittin bahan dhabanii rakkachaa turan baasuuf taattafachaa akka jiru dhaabbatichi beeksiisera. Lakkofsi baqqattoota kun baay’ee ta’uu fi haali fayyaa isaanii gaarii waan ...

Read More »

Goginsa dhiyeenya Itoophiyaa keessatti mul’atee lubbuun horsiisee bultootaa Miliyoonaatti lakkawamanii balaaf akka saaxilame Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Beeksiise.

Balaa Goginsaa haarrofti beeladoota mana irratti miidhaa qaqqabsiisa akka jiru dhaabbanni mootummoota gamtomanii beeksiisera. Bellaadoota horsiisee bultootaa Oromiyaa keessa jiran keessa dhibbentaa 10 kan ta’aniif dhiyeessi nyaataa hatattaaman akka barbaachisuu dhaabbatichi beeksiisera. Balaan goginsa kun hatattaaman deebii kan hin argane yoo ta’ee, lubbuun namoota miliyoonaatti lakkawwamanii miidhuu danda’a jedhameera. Godinaaleen Naannoo Oromiyaa fi Sumaalee keessatti argaman irra caalaan balaa goginsaaf ...

Read More »

Hojiin ijaarsa pirojektii hidha laga Abbayyaa laafaa akka jiru Gaazeexeestoonni beeksiisan

Gareen gaazeexeestoota dhaabbilee sab-qunnamitti mootummaa irraa walitti bahee oduu hojiin pirojektichaa laafee jira jedhu soba ta’uu akka mirkaneessuuf garaas ergamee turee. Gaazeexeestoonni kunnin erga pirokelticha daawwatanii boodaa hojii hojjatamaa jiru akka hin jire mirkaneessuun isaanii ESAT tti himaniiru Mootummaan Itoophiyaa hojiin pirojektichaa daqiiqaa tokkoofilee hin dhaabbatuu jechuun dubbachaa tureera. Gaazeexeestoonni pirojekiticha guyyaa tokkoof naanna’aanii wayita daawwatan konkolattoota darbee darbee mul’ataniin ...

Read More »

Manni Murtii Mootummaa Itoophiyaa Barattoota oromoo yuunvarsiitii hidhaa hanga waggaa afurii ji’oota shanii itti murteesse

Barattoonni oromoo jahan barattoota Oromoo waggoota laman dura Mastaar Pilaanii Magaala Finfinnee fi Magaaloota Godina Addaa Oromiyaa naannoowwa Finfinnee waan mormaniif hidhaman keessa muraasa. Mootummaa Itoophiyaa mormii cimaa Ummataatiin Masatar Pilaaniin kun akka hafe beeksiisuun isaa ni yaadatama . Yaa ta’u malee, barattoota Oromoo yunvarsitiwwaan adda adda keessatti baratan waan mastaar pilaanii kana mormaaniif qofa maqaa gocha shorerkeessummaa jedhuun mana ...

Read More »