Goginsa dhiyeenya Itoophiyaa keessatti mul’atee lubbuun horsiisee bultootaa Miliyoonaatti lakkawamanii balaaf akka saaxilame Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Beeksiise.

Balaa Goginsaa haarrofti beeladoota mana irratti miidhaa qaqqabsiisa akka jiru dhaabbanni mootummoota gamtomanii beeksiisera. Bellaadoota horsiisee bultootaa Oromiyaa keessa jiran keessa dhibbentaa 10 kan ta’aniif dhiyeessi nyaataa hatattaaman akka barbaachisuu dhaabbatichi beeksiisera.
Balaan goginsa kun hatattaaman deebii kan hin argane yoo ta’ee, lubbuun namoota miliyoonaatti lakkawwamanii miidhuu danda’a jedhameera. Godinaaleen Naannoo Oromiyaa fi Sumaalee keessatti argaman irra caalaan balaa goginsaaf kanaaf saaxilamaniiru.
Naannoo Oromiyaa Godina Boraanaa qofatti beelladoonni manaa kuma 400 ta’an, dhiyeessa nyaataa hatattaaman kan hin arganne yoo ta’e du’uu akka danda’an dhaabbatich beeksiiseera.
Bara darbees balaa goginsaa naannooolee jaha keessatti umaammee tureen beelladoonni kuma 100 tti lakkawaman du’uu isaanii kan yaadatamudha.
Balaan goginsaa haaraa umaammee kun miidhaa namoota irraan gahu danda’u tilmaamuuf gareen ogeessoota dhaabbilee arjomtoota addunyaa of-keessa qabu qorannoo gaggeessa jiras jedheera.
Balaan Goginsaa kun Godinaalee naannoo Oromiyaa fi Sumaalee malee , naannoo sabaa fi sablamoota ummattoota kibbaatti dhiibbaa walfakkatuu akka qaqqabsiisu dhaabbanni mootummoota gamtoomanii himeera.
Sagantaan Nyaata Addunyaa(FAO) gama isaatiin, balaa goginsaa kana wajjiin walqabatee lubbuu beelladoota baraaruuf gargaarsa dolaarii miliyoonaa 14 walitti qabuuf waamicha dhiyeesseera.
Balaan Goginsa bara darbee naannoolee jaha keessatti umaammee furmaata waan hin arganneef, yeroo ammaa lammiileen Itoophiyaa Miliyoonaa 9 fi kuma 700 gargaarsa nyaataa yeroo hatattaamatiif saaxilamaniiru.