AFAAN OROMO Text

Itoophiyaa keessatti tasgabbii dhabuun siyaasaa fi sarbamuun mirga namoomaa sadarkaa nama yaaddessu irra akka gahe Aministii Internashiinaal beeksiise

mormii ummataa to’aachuuf jecha labsiin yeroo hatattamaa labsamee hojii irra ooluus tasgabbii dhabuun siyaasaa fi sarbamuun mirgaa namooma Itoophiyaa keessa jiru kan yeroo kamuu caalaa sadarkaa yaaddeessaa irra akka gahe dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Aministii Internashiinaal beeksiiseera. Mormii ummaata waggaa tokkoo oliif itti fufee wajjiin walqabatee sarbamuu mirgaa namoomaa lammiilee nageenyaa irratti raawwatamee hatattaman qulqula’uu akka qabu Aministii Internashiinaal waamicha ...

Read More »

Gamtaan Awuroppaa waa’ee dhimmaa siyaasaa Itoophiyaa irratti gabaasa addaa dhaggeeffate

Waltajjii Gamataan Awuroppaa waa’ee dhimmaa siyaasa yeroo Itoophiyaa dhaggeeffachuuf qopheessee kana irratti dura Taa’aan Kongraasii Federaliistii Oromoo Doktor Maraaraa Guddinaa, Dura Taa’aan Arbanyooch Ginbot 7 profesaar Birhaanuu Nagaa fi Atleet Fayyisaa Leliisaa qaamaan argamuun hoggantoota Gamtichaatiif haala waliigalaa biyyaattiin keessa jirtu ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Haali Tasgabbii dhabuu Itoophiyaa to’aannoo alaa fi miidhaa kana caaluu osoo hin qaqqabsiisne biyyoonni dhihaa tarkaniffii ...

Read More »

Mootummaan uggura Imaltummaa lammilee biyyoota alaa irra kaa’ee ture akka kaasee beeksisiisera.

Mootummaa Ameriikaa dabalatee dippilomatoonni biyyoota lixaa qoqqophiin kun hojii isaanii idilee guyyaa guyyaan hojjatan irratti dhiibaa akka fidee ibsaa turun isaanii kan yaadatamudha. Bakka bu’oonni biyyoota alaa teessoon isaan magaalaa finfinnee ta’e maqaa labsii hatattamaa jedhuun qoqqophii immaltummaa magaalaa Finfinnee irraa kiiloo meetira 40 caalaa akka hin demnee ittisu irratti komii akka qaban beeksiisaa turan. Mootummaan wayyaannees dhibbaa bakka bu’oota ...

Read More »

Lammileen Gibtsii Lama magaalaa Finfinneetti hidhamaniiru

Lammilee Gibsii Magalaa finfinnetti  sababa hin beekamnee hidhaman keessa  tokko itti aanaa Hogganaa hoteelaa Raadisan Biluu jedhamuu akka ta’e Gaazeexxoonni biyyaa keessatti maxxanfaman gabsaaniiru. Waggaa Afur duraa Hoteela  Raadisan Biiluu biyyaa Gibtsii jiru irra gara finfinneetti kan  jijjiraman  itti aanaa hotelicha Tahaa Mansuur osoo hojii irra jiran  humnoota nageenya mootummaa Itoophiyaatiin to’aannoo jala ooluusani gaazeexxaan Kaappitaal gabaasera. lammiin Gibtsii inni ...

Read More »

Tarbayinoon madda humna Ibsa Takkazee jedhamu sadii hojii dhaabu isaanii himameera

Waggoota saddeetiin dura Bulchiinsa Mootummaa Naannoo  Tigraay keessatti Dolaaraa miliyoonaa 300 fi miliyoonaa 60 kan ijaarame maddi humna Ibsaa Takkazee rakkoon teekinikaa isaa qunnameen Tarbayinootaa Afur keessa sadii hojii dhaabuun isaanii himammera. Maddaa humna ibsaa kana bara darbee sababa goginsatiin hanqinni bishaanii muuddatee kan  turee ta’uun  ni yaadatama.  hidhni  kun kuusaa bishaanii  gahaa malee humna ibsaa  akka maddisiisuu  gochuun Tarbayinoon ...

Read More »

Filaannoo Pirezedantummaa USAtiin bakka bu’aan paartii Rippabilkootaa Doonald Tiramp mo’atan

Filannoo pirezedantummaa Ameriikaa lammilee addunyaa hawwiin eegaa turan bakka bu’aan paartii Warra rippaabilkootaa Doonaldi Tiramp Haala hin eegamnee injiffachuu pirezedaantii Ameriikaa 45 ta’anii Filataman. Haala siyaasa addunyaa hin beekan jechuun kan shakkaman biliyeenarri magaalaa Newyork pirizedaantii biyyaatti 45 ta’anii filatamuun isaanii lammilee biyyaattii fi hogganttoot biyyoota adda adda biraatti miraa garaa gara keessumeessa jira. Bu’aa filannoo mo’achuuf isaan gargaruu 270 ...

Read More »

Gamtaan Awuroppaa fi Afriikaa Mootummonni biyyoota Afriikaa mirgaa gazeexxestoota eeguu akka qaban gaafatan

Gamtaan Awuroppaa fi Afriikaa mootummonni biyyoota Afriikaa mirgaa Gazeexxesummaa eeguu fi yakkaa hojii gazeexxesummaa irratti raawwatamu qorachuu furuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru Bakka bu’oonni Gamtaawwaan Ardiiwwaan laman ibsaa wal wajjiin magaalaa Finfinneetti kennan kanaani Mootummoonni Biyyoota Afriikaa mirgaa gazeexxestoota eeguun itti- gaafatamummaa isaanii bahuu, seeraa qaamni yakkaa ogeessota midiiyaa irraatti raawwatee ittin gaafatamu cimaa qopheessuu fi seeroota sadarkaa addunyaa fi ...

Read More »

Mootummaa Itoophiyaa Toora Interneetii waan Cufeef Hoteeloonnii fi Dhaabbileen Daladala kisaaraaf saxilamuu isaanii gabasamaa jira

Mootummaan Itoophiyaa mormii Ummaanni gaafii Haqaa , Dimokraasii fi walqixxummaa kaasee ukkamsuuf jecha guutuu biyyaatti toora interneetii fi miidiyaalee hawaasummaa cufuun isaa ni beekama . Gochaa mootummaa abba irree waayyannee sagalee ummataa ukkamsuuf jecha toora Interneetii cufee kana wajjiin walqabatee dhaabbilee daldalaa fi Hoteeloonni baay’een kisaaraaf saaxilamaa akka jiran dubbachaa jiru. Hoteeloonni magaalaa Finfinnee keessa jiran irra caalii duraanii maaltoota ...

Read More »

labsii yeroo hatattamaa labsamee dayeeffachuun duulii mana diiguu jalqabameera

labsii hatattamaa labsamee dayeeffachuun magaaloota Oromiyaa naannawwa finfinneetti argaman keessatti duulii mana diiguu akka haaraatti jalqabameera. magaalaa Laga xaafootti manneen baay’ee wayita diiggamaan poolisoonni Federaalaa fi loltoonni Agaazii baay’een naannicha to’aacha olaaniiru. yeroo labsii hatattaamaa kanatti lammileen tarkaniifii mootummaan fudhatuu kamuu mormuu waan hin dandeenyeef carraa kanatti fayyadamuun duulii mana diiguu cimee akka itti fufuuf fedhiin jiraachuu gabaasalee naannicha irra ...

Read More »

Dhalattoonni Oromoo fi Amaaraa ukkamsanii fudhataman

Dahalattoonni saba Oromoo fi Amaaraa pirojektii hidha haaromsa laga Abbayyaa irratti mindeeffamaan hojjatan lakkofsi isaanii 30 ol ta’an onkolooleessa 21 bara 2009 hidhamun isaanii beekkameera. Akka ragaan dhaabbata Televizhiinii Saatalayiitii Itophiyaatiif ergamee mirkaneessutti hogganaan baankii daldala Itoophiyaa damee pirojektichaa hidhuuf osoo barbaaddaman naannichaa milqaniiru. loltoonni mootummaa baay’een gara pirojektichaatti bobba’uun namoota kampaanii Meeteek fi saaliinii keessa hojjatan qabanii gara buufata ...

Read More »