Itoophiyaan ji’oota sadeen darban daldala biyyaa alaa irra sharafa dolaarii biliyoonaa tokko argachuuf karoorfamee keessa kan argamee naannoo dolaaraa miliyoona dhibbaa 600 fi milyoonaa 40 qofa akka ta’e Ministeerri Daldalaa biyyattii Beeksiise Hanqina Qulqullina omishaa fi omishaaleen qonnaa fi biroo harka dhiyeestoota fi daldaltoota gara biyyaa alaatti ergan jiru gabaaf waan hin dhiyaanneef karoori kun akka hin milkoofneef sababa ta’u ...
Read More »AFAAN OROMO Text
Itophiyaan Biyyoota Interneetii To’aataniifi Ukkamsan keessaa tokka akka taate dhaabbanni mirga nammooma tokko beeksiise
Dhaabbanni mirgaa nammooma Firidaam Haawuus jedhamuu qorannoo qorateen Itoophiyaan biyyoota Addaunyaa Interneetii to’aataniifii ukkamsan jaha keessa tokka akka taate beeksiiseera. Toora Interneetiitiin odeeffannoo wal jijjiruu irratti gufuu guddaa akka ta’ees dhaabbatichi gabaasera Biyyoonni akka Chaayiinaa, Sooriyaa, Iraan,Itoophiyaa ,Uzbeekistaan fi Kuubaan teekneloojii Interneetii Ukkamsuun sadarkaa jalqaba irra jiru. Kaampaaniin Tekenoloojii teessoon isaa biyyaa Xaaliyaanii ta’e tokko dhiyeenya akka beeksiisetti, mootummaan Itoophiyaa ...
Read More »Mootummaan Ittophiyaa Gaazexxestoota hidhe hunda hatattamaan akka CPJn hubachiise
Mootummaan Itoophiyaa Gulaalaa Gaazeexaa tokkoo fi Miseensoota Bilogaarii zoon 9 jechuun beekkaman lama hidheera. Bilogaaroota laman irratti himannaa yakka shorkeesummaa jedhu dhiyeessuun daraara akka jiru CPJ beeksiisera. Mormii ummataa cimaa mootummaan Labsii hatattamaa akka labsiisuuf dirqamsiisee booda,gochi gaazexestoota hidhuu haamachaa dhufeera. Erga labsiin hatattamaa labsamee booda namoonni kuma 11 ol manneen hidhaa keessa akka jiran gaabafameera Dhaabbata mirga gaazeexeestootaf falmu ...
Read More »Walgahiin Mootummaa fi lammiilee Itoophiyaa biyyota alaa keessa jiraatan wajjiin ta’aamuuf karoorfame akka haqamee beekame.
Walgahiin marii waa’ee walitti dhifeenya Mootummaa fi Diyaspoora gidduu jiru ilaalchisee magaalaa Finfinneetti qopha’ee ture sababa hin beekamneen haqamusaa wajjirri waldaa Diyaspooraa beeksiise. Diyaspoorawwan marii kana irratti argamuuf gara biyyaa galan, dhaabbilee fi qondalttoota mootummaa dabalatee namoonni 1200 tti dhiyaatan walgahii kanaratti akka hirmaatan wajjirri Waldaa Diyaspooraa beeksiiseera. Guyyaan walgahii kun sababa hin beekneen guyyaa walgahii yeroo hin beekamneetti darbuusa ...
Read More »Obbo Yoonataan Tasfaayee halkanii fi guyyaa harkii fi miilliisa akka hidhamee himameera
Falmataa mirgaa namummaatiif Hogganaan sab-qunnamittii Paartii Saamayawwii duraanii kan ta’ee Obbo Yoonataan Tasfaayee miidiyaa hawaasaa irratti waan yaada isaa bareesseef shororkeesummadhan himatamee mana hidhaa qilnxoo keessatti hidhameera dararamaa akka jiru beekameeraa. Akku kanan obbo Yoonatan Tasfaayee sadasaa 2 bara 2009 jalqabee halkanii fi guyyaa miillii fi harkiisaa walitti hidhamee akka jiru Pirojektiin Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksiisera. Obboo yoonatan gochaa sukkaneessaa ...
Read More »Koroporeshiiniin Biroodkaastii Biiriteen ykn BBC Afaan Oromoo,Amariffaa fi Tigriffaa Dabalatee afaan 11 tamsaasa akka jalqabuu beeksiise.
Koroporeshiinii Biroodkaastii Biirteen (BBC) afaan Itoophiyaa keessatti dubbatamu sadi dabalatee afaan biyyoota gara gara 11 tiin bara faranjoota haaraatti tamsaasa akka jalqabu beeksiiseera. BBC tajaajila kana jalqabuuf bara darbee karoora isaa mootummaa Biirteeniif dhiyeessee akka ture ni yaadatama. Karoora dhiyaateef mootummaan biyyaatti mirkaneessee bajeeta ramadeef jira. BBC bajeeta gahaa waan argateef bara faranjoota 2017 jalqabee Afaan Oromoo, Amariffaa fi Tigriffaa ...
Read More »Manni murtii Federaalaa dhaddacha Obbo Baqqalaa Garbaa fi miseensota paartii kibxaata dhufuutti dabarsan.
Mana murtii Federaalaatti dhaaddachi 19 ffaa himannaa mootummaan Itoophiyaa itti-aanaa dura taa’aa paartii kongraasii federaliistii Oromoo obboo Baqqalaa Garbaa fi miseenoota paartichaa 22 irraattii himannaa dhihaatee ilaalichisee Abbaan Alangaa namoota ragaa bahaan guutee waan hin dhiyeessinee fi, Himatamtoota keessaa nammii shan waan hin dhiyaaneef guyyaa Kibxataa dhufuutti dhageeffachuuf dabarsee. Namoottiin shanan Obboo Galaanaa Nagaraa, Obboo Gammachuu Shanqoo ,obboo Darajjee Margaa ...
Read More »Waliitti bu’insa saba Hamaar fi hidhatoota mootummaa giddutti umammeen Pooliisiin tokko ajjeeffameera. naannichaatii yeroo ammaa tasgabii dhabameera.
Naannoo sabaa fi sablammoota ummattoota kibbaa, godina Oomoo kibbaatti gandoota lama keessatti waliiti bu’insa saba Hamaarii fi humonoota nageenya gidduutti umammeen pooliisiin tokko waan ajjeeffameef naannichaatti tasgabbiin dhabameera. labsii yeroo hatattamaa hojii irraa oluu wajjiin walqabatee jirattootaa ganda Al-dibbaa akkasumas gandoota olaa fi humnoota nageenyaa gidduutti waliigalteen dhabamuu namoonni ragaa bahan ESATitti Walitti bu’insa dargaggootaa fi humnoota nageenya gidduuti, naannoo ...
Read More »Itoophiyaatti qoqqophiin hawaasa dippilomatoota irratti kaa’ame turee ka’uus ammas ugguri dabalataa biroo jiraachuu akka maluu himame
Itoophiyaa keessatti sababa labsii hatattamaa yeroo jedhuun qoqqophiin hawaasa dippilomatoota irratti kaa’amee turee ka’uus, yeroo kamiyyuu ugguri biroo hojii irra ooluu akka danda’u mootummaa Biriteen beeksiise. Akkataa labsii hatattamaa kanatiin hawaasni dippilomatoota teessoon isaanii magaalaa Finfinnee ta’ee dhimma kamiifuu magaalaa Finfinnee irraa kiiloo meetira 40 caalaa fagaatanii deemuu yoo barbadan qaama dhimmi ilaalatu beeksiisuu akka qaban dirqamsiisaa. Mootummaan Itoophiyaa qoqqophii ...
Read More »Dhiibbaa Labsii hatattamaa yeroo damee Turiziimii irraan gahee wajjiin walqabatee bakka bu’oonni dhaabbata Turiziimii Itoophiyaa gara Biriteen Imaluun isaanii himame .
Dhaabbileen daawwachistoota tursittoota addunyaa teessoo isaanii biyyaa Biriteen ta’e labsii hatattamaa yeroo mootummaan Itoophiyaa labsee nageenyaa fi tasgabbii turstootaaf sodaadha jechuun karoora Itoophiyaa daawwachiisuuf karoorfatan dhiisuun isaanii ni yaadatama. Tarkaanfiin Dhaabiilee daawwachistoota kunniin fudhataan sharafa biyyoota alaa Itoophiyaa damee turiziimiirra argatuu irratti dhiibbaa guddaa akka qaqqabsiisee qondaltoonni Komishinii Tiriziimii biyyaatti mirkanesaaniiru . Bakka bu’oonni dhaabbata turiziimii Itoophiyaa hanqina sharafa biyyaa ...
Read More »