AFAAN OROMO Text

Balaa hongee Itoophiyaa Muddaateen daai’immaan hanqina nyaataatiin akka hin duuneef dhaabbileen gargaarsa addunyaa duulaa waggaa shan jalqaban

Duulli qindoomina Mootummaa fi Dhaabbilee gargaarsa 11 jalqabamee kanaaf doolaari biiliyoona 1 fi Miiliyoonni kuma 400 ramadameef jira. Gargaarsi duulaa kana irraa argamu daa’immaan hanqinaa nyaataatiif saaxilamaniif nyaata wal madaalaa dhiyeessuuf akka ooluu himameera Naannoo Amaaraatti daa’immaan dhibbentaa 46 naannoo Benishangul Gumuuziitti dhibbeentaa 42 akkasumas naannoo Affaariitti daa’immaan dhibbeenta 41 hanqina midhaan nyaataa guddaadhaaf saaxilamuu isaanii ragaan Ministeera Egumsa Fayyaa ...

Read More »

Gaazeexxeessa Tamsgeen Dasaleeny mana hidha Ziwaay keessa hin jiru akka jedhan maatiin isaa beekisiisaan.

Mana hidhaa Ziwaayiitti hidhamee kan turee Gaazeexxeessaa Tamasgeen Dassaleeny mana hidhaa keessaa hin jiru akka jedhan maatiin isaa himaniiru. Yeroo ammaa maatii fi hiriyyoonni isaa bakka jiruu barbaada jiraniis hanga ammaatti beekuu akka hin dandeenyee qamooleen dhimmaa isaa hordofaan beeksiisan. Maatiin Tamasgeen odeeffannoo toora miidiyaalee hawasummaatiin gadi dhiisaniin guyyaa lama isaa gaafachuuf gara mana hidhaa ziwaay deemaaniis namni Tamsgeen jedhamu ...

Read More »

Itoophiyaa Biyyoota Tajaajila Interneetii ukkamsan keessa adda dureen ramadamtee jirti

Dhaabbanni Firdaam Hawuus jedhamuu bu’aa qorannoo Itti fayyadama fi to’aannoo teekneloojii waggaa tokkoof qorateen, Itoophiyaan biyyoota akka Chaayiinaa fi Sooriyaa tajaajila Interneetii to’aachuu fi ukkamsuun adda duree ta’an wajjiin ramadamtee jirtii Waggaa darbee irra jalqabdee tajaajila interneetii to’aachuu kan jalqabdee Itoophiyaa, Biyyoota Afriikaa 54 keessa adda durummaan Diinaa Teekeneloojii jedhamuun ramadamtee jirtii Mormii Ummata Oromoo wajjiin walqabatee mootummaan Itoophiyaa tajaajila ...

Read More »

Rakkoon diingedee Itoophiyaa laafaa dhufee wajjiin walqabatee Qala’insi gatii bittaa guddateera

Guddina diingdee Itoophiyaa yeroodha gara yerootti laafaa dhufee wajjiin walqabatee qala’insi gatii bittaa duraan dhibbentaa 5.6 irra ture gara dhibbentaa 7 ol guddachuusaa Ejeensiin Statatikisii Giduugaleessaa beeksiiseera. Gatiin bittaa nyaata waan dabaleef qala’insa gatii bittaa kun ol guddachuu akka danda’ee Ejeensiin Statatikisii Giduugaleessaa himeera. Qala’insa gatii bittaa nyaata ji’a darbee dhibbeentaa 3.4 irra turee ji’a kana immoo gara dhibbeentaa 6 ...

Read More »

Kisaaraan baankii Misoomaa Itoophiyaa lafa abbooti qabeenya biyyaa alaatiif kennuu wajjiin walqabatee irra gahee falmii kaaseera

Baankiin Misooma Itoophiyaa Abbooti qabeenya biyyoota alaa damee Invastimantii Qonnaa irratti bobba’uu barbaadaniif lafa liiziidhaan dhiyeessa tureera. Baankich adeemsa lafa liiziidhaan abbooti qabeenyaatiif dhiyeessuu wajjiin walqabatee kisaaraan birrii biiliyoonaatti lakkawaamuu irra gaheera. Abbootiin qabeenya biyyaa keessaa fi Alaa 100 caalaan invastimantii qonnaaf lafa bal’aa naannoo gambeellaatti fudhataniiru.Yaa ta’u malee haali adeemsa lafti abbooti qabeenyaaf itti kenname sirri miti jechuun mootummaan ...

Read More »

Baqqattoonni Oromoo Kaayiiroo jiran dhaabbata kooluu Galtoota mootummoota gamtoomaanii irraa Abdii akka kutatan beeksiissan

Komishiiniin Kooluu galtoota mootummoota Gamtoomaanii akkaata waliigaltee mootummaa Igipt wajjiin qabun dhiimma koluugaltummaa isaanii murteessuu osoo qabu Iyyaannoo isaanii jala haqaa akka jiru baqattoonni Oromoo Kaayiiroo jiran beeksiisaniiru.Ejeensii Mootummoota gamtoomanii kun miidhaa qoodinsa, jibbaa fi reebinsa sukkaneessaa mootummaa Itoophiyaatiin isaaniira gahee dhaga’uu akka hin barbaannee baqattoonni Oromoo beeksiisaniiru. baqataan lammii oromoo Mu’aaz Mahammuud // akkaa BBC tti dubbateti yeroo darbee ...

Read More »

Ministeerri Dhimmaa Alaa Amerikaa lammiileen biyyaattii gara Itoophiyaa deemuun balaa qaba jechuun akeekachiiseera.

Hiriira mormii Ummaata bara 2015 bakka adda addaatti jalqabame lammiilee Amerikaa gara Itoophiyaa deemaan irratti balaa fuduu akka danda’u Ministeerri dhimma Alaa Amerikaa ibsaa baaseen beeksiiseera. Imbaasiin Amerikaa Finfinnee jiru tajaajilli Interneetii fi bilbilaan kennuu of eeggannoo tokko malee addan cituu akka danda’u beeksiisera. .Waan kan ta’eef,akeekachisa imaltummaa duraan kennee turee ammas akka haaromse ministeerich himeera. Tajaajilli Interneetii fi bilbila ...

Read More »

Garagarummaan galii fi baasii daldalaa Itoophiyaan argatuu guddachaa akka dhufee baankiin Addunyaa beeksiise

Baankii Addunyaa haala diingdee Itoophiyaa ilaalchisuun gabaasa yeroo shanaffaaf baaseen galiin Itoophiyaa daldala gara alaatti erguun argatuu fi kan biyyaa alaatti galchitu akka wal hin simnee beeksiiseera Itoophiyaa keessatti hojii dhaabinsi jiru kan biyyoota Afriikaa biroo wajjiin yoo walibiraatti ilaalamus guddaa akka ta’ees baankich beeksiisera. Akka gabaasa baankichaatti galiin Itoophyaa daladala alaa irra argatuu waggoota muraasaa asi xiqqaata dhufee jira. ...

Read More »

Keeniyaan daangaa ishee Somaliyaa wajjiin itti wal dangeesitu K.M sadii dallaa shiboon ijaartee xumurte

Gareen shororkeessaa Al-Shabaab jedhamu yeroo gara gara daangaa keeniyaa seenun lammiilee nagaa biyyaatti ajjeessuu fi samuun miidhaa guddaa irraan gahaa jira. Keessattu gocha ajjechaa sukkaneessa baratoota yuunivarsiitii Garrisaa irratti raawwateen namoonni 140 lubbuu isaanii dhabaniiru Gochaa sukkaneessa kanan booda Ministeerri Dhimma Biyyaa Keessaa Keeniyaa daangaa Sumaliiyaa wajjiin ittin wal dangeesaan dallaa shiboon ijaaruuf yaada dhiyeesse. Dallaan shiboo cimoo kun balaa ...

Read More »

Nageeny lammiilee Itoophiyaa yaman keessa jiranii soodachiisa akka ta’ee dhaabbanni Mootummooata Gamtoomaanii beeksiisera

Dhaabbanni Koluu Galtoota Addunyaa Lubbuu lammiilee Itoophiyaa Yaman keessa jiran baraaruuf dhiyeenya duulaa jalqabuus sababa waraana biyyaatti keessatti jirun baqatoota bahuu barbaadan baasuu akka hin dandeenye beeksiiseera. Ji’a darbee lammiilee Itoophiyaa Biyyaa Yaman jiran 150 baasee dhaabbatich beeksiisera.yaa ta’u malee humni waraana mootummaa magaala guddoo biyyaatti Sana’aa too’aatee jiru humnaan baqattoota biyyaa baasaa akka jiru himeera Dhaabbileen sab-qunamittii biyyaa Yaman ...

Read More »