Pirizedaantiin Saalvaa Kiir daawwannaa isaanii kanan ministiira Muummee Hayilamariyaam Dassaleeny fi Qondaltoota mootummaa biroo wajjiin karaa haali walitti dhufeenya biyyoota lamanii foyya’uu danda’u irratti akka mari’atan ni eeggama. Kana malees biyyooni lamaan waliigalteewwaan adda adda ni mallatteessuu jedhamee akka eeggamu Gazeexxaan Sudaan Tiribiyuun jedhamu gabaaseera. Pirizedaantiich dhiyeenya kana Ijipti wayita daawwataaniitti Pirizedaant Abduul Fattaa Al- Siisii wajjiin dhimmaa hidha laga ...
Read More »AFAAN OROMO Text
Lakkofasa Ummataa fi Mana bara dhufu ni gaggeeffama jedhamee eeggamuuf mootummaan Itoophiyaa Kompitaroota harkaa amayyaa kuma 100 fi kuma 80n akka bitaman murteessuun dhaga’ameera
Lakkofsa Ummataa fi Mana bara dhufu Itoophiyaa keessatti gaggeeffamuuf kompitaroonni harkaa ammayyaa yeroo jalqabaaf tajaajila irra akka oolaan Ejeensiin Statiistikii Giddugaleessaa miidiyaalee biyyaa keessatti himaniiru Kompitaroota harkaa ammayyaa kanniin bituuf mootummaan maallaqaa dolaara miiliyoona hedduutti lakkawamuu akka baasuu himameera. Kompitaarri tokko xiqqeenyaatti hanga dolaarii 200n akka bitamu hubachuun danda’ameera. Lakkofsa Ummataa fi Mana kanaaf maallaqaa dolaarii miiliyoona 30 ol akka ...
Read More »Raashiiyaan waggoota sadeen dhufan keessa Xiyaaroota waaraanaa 50 Ijiptiif dhiyeessuuf biyyaatti wajjiin waliigaltee irra akka geessee qondaltoonni waaraanaa Raashaa beeksiisan
Pirizedantiin Raashaa Vildii miir Putiin fi kan Ijipti Abdul Fattaa Al- Siisii dhiyeenyaa marii gaggeessaniin, raashaan xiyaaroonni waaraanaa akka dhiyeestu waliigalteerra akka gahan gaazexxaan Ahiraam jedhamu gabaseera. Qondaltoonni Ijiptii garuu Raashaa wajjiin waliigalteerra yoom akka gahame odeeffannoo dabalata hin kenniinee jedhameera. Dhiyeessi xiyaaroora waaraanaa kun seenaa Raashaa isa keessatti guddaa akka ta’e himameera Agarsiisaa Loltuummaa biyyaa Arab Imireetiisiitti gaggeeffamaa jiru ...
Read More »Rakkoo sarara humna ibsa Qooqaa gara magaalaa Mojii geessu irra gaheen warshaaleen Uccuu magaalaatti keessa jira sanbata darberaa jalqabee omishuu akka dhaabaan himameera
Warshaan omishaa gogaa Mojoo , Warshaa kophee Joorjii, warshaan Omishaa Zayitii Mojoo , Buufata kusaa meeshaalee jibuutii galanii fi warshaan uccuu Itiyoo -Jaappaanii sababa tajaajil humna ibsaa addaan citeen omishaa dhaabaniiru. Sababa kanan Warshaaleen kunniin omishaa ajajamaan yeroon qaqqabsiisuu akka hin dandenyee hoggantoonni warshaalee himaniiru Tajaajil humna ibsaa Itoophiyaa gamasatiin, rakkoo meeshaa humna ibsaa irra gaheen sanbata ganama jalqabee magaalan ...
Read More »Mootummaan Biriteen Itoophiyaa dabalatee Gargaarsa biyyoota Afriikaa birootiif kennu dhaaban
Hoggantoonni Dhaabbannii gargaarsa misoomaa Adduunyaa Biriteen gamasantiin, gaaffii ministiroota muraasaan dhiyaate kun adeemsa seeraan alaa ta’uu danda’a jechuun yaada kana akka mormaan gaazexxaan Hafingitaan jedhamu gabaasera. Gargaarsi biyyoota Afriikaa kennamu kun gara deeggarsa biyyoota baha Awwurooppaa kan akka Polaand, Hangaarii, Istoniiyaa, Laativiiyaa fi Liitooniiyaaf akka kennamu ministiroonni biyyaatti gaafacha jiru. Mootummaan Biriteen wagga waggaan Pawoondii Biiliyoona 12tti dhiyaatu gargaarsa biyyoota ...
Read More »Torban darbee keessaa du’aan kan boqataan Piroofeesar Riichaard Paankirast Sirni awwaalchaa isaanii Bataskaanaa Sillaaseett kibxataa raawwatameera
Seenaa Itoophiyaa irratti waggoota dheeraaf qorannoo fi qo’annoo gaggeessa kan turan Piroofeesar Riichaard Paankirast guyyoota Afur duran waggaa 90 tti du’aan addunyaa kanarra darbaniiru Sirna awwaalchaa isaanii bakka Pireezdaantii Doktar Mulaatuu Tashoomaa , Phaaphaasota. Maatii isaanii, kutaaleen hawaasaa adda addaa fi hiriyyoonni isaanii argamaniitti guyyaa kibxataa bataskaanaa Sillaasseetti raawwatameera Piroofeesar Riichaard Paankirast haadhaa isaanii Siilviyaa Paankirastii wajjiin bara 1956 gara ...
Read More »Lammiileen Jaamaayikaa Itoophiyaa keessa jiraatan dhimmoota seeraa lammummaa Itoophiyaa ittiin argachuu danda’anirratti qondaaltonni biyyoota lamaanii marii akka jalqaban miidiyaalen Jaamaayikaa gabaasanii jiru.
Jaamaayikaa daawwachaa kan jiran Ameerikaa, Jaamaayikaa fi biyyoota Kaaba Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Girmaa Birruu, lammiilen Jaamaayikaa Itoophiyaa keessa jiran karaa ittiin lammummaa Itoophiyaa argachuu danda’anirratti hojjetamaa akka jiru dubbachuu isaanii Gaazexaan Biyyatti Obzarvar jedhamu gabaaseera. Lammiilen Jaamaayikaa dhiibba shanitti dhiyaatan waggoota 60 dura jalqabee naannoo magaalaa Shaashaamannee jiraachaa akka jiran ragaalen ni mul’isu. Lammiilen Jaamaayikaa kunniin waggoota hedduuf Itoophiyaa keessa ...
Read More »Naannolee Kibbaa fi kibba baha Itoophiyaatti roobni Arfaasaa roobuu qabu waan hin roobneef balaan hongee babal’achuu akka danda’u dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera.
Lammiilee Itoophiyaa Miliyoona 5.6 ta’an yeroo ammaa kanatti gargaarsi midhaan nyaataa hatattamaa isaan barbaachisu keessaa miliyoona 2.5 kan ta’an naannoo Oromiyaa keessatti akka argaman mootummaan naannichaa beeksiseera. Komishiniin Ittisa balaa fi Qophaa’inaa Oromiyaa balaa hongee kanaan godinaalen sagal akka miidhaman beeksiseera. Godinaaleen akka Booraanaa,Gujii, Harargee Bahaa fi Harargee Dhihaa akkasumas Arsiin Lixaa godinaalee adda durummaadhaan hongee haarofti kun miidhaa irraan ...
Read More »Ji’oota 6 darban Turistoota Itoophiyaa daawwatan irraa sharafni biyyattiin argachuuf karoorfatte birrii biiliyoona 100 fi miliyoona 45’niin yookan immoo Dolaarii miliyoona 3’n akka hir’ate Ministeerri Aadaa fi Turizimii Biyyattii beeksiseet jira.
Mormii Ummata Oromoo waggaa tokkoo oliif ture waliin walqabatee galiin biyyattiin damee Turizimii irraa argattu akka hir’atuuf gumaacheet jira. Mormii Ummataa kana humnaan to’achuuf jecha labsii yeroo hatattamaa mootummaan ji’a Onkololeessatii jalaqabee labseen, dameen turizimii akka laafuuf sababa guddaa ta’ee jiras jedhamee jira. Labsiin yeroo hatattamaa erga labsamee booda mootummaan Ameerikaa, Biriiteeni, fi kan biyyoota Awurooppaa lammiilen isaanii gara Itoophiyaa ...
Read More »Bakka Bu’oonni Adda Bilisummaa Ummata Ogaadeen sarbamuu mirga namoomaa mootummaa Itoophiyaatiin raawwatamuu fi dhimmoota biroo irratti qaamolee gara garaa waliin Washingtan Diisiitti mar’atan.
Bakka bu’oonni Adda Bilisa Baasaa Biyyoolessaa Ogaaden daawwannaa isaanii guyyoota Afuriitin Miseensota Koongiraasii, Seenetaroota Amerikaa fi Ogeessota gara garaa waliin mar’ataniiti jiru. Kaayyoo marii kanaas walitti dhufeenya deeggartoota fi dhadhestoota mirga namooma ummataa Ogaadee duraanii jiru haaromsuuf jedhameera. Kana malees Seeraa Tumtoota fi bakka bu’oota Mootummaa Amerikaa wajjiin waliitti dhufeenya uumuuf akka ta’e beekameera. Mariin Ogeessoota National Endowment for Democracy ...
Read More »