AFAAN OROMO Text

Mootummaan Biiriteen wagga waggaan gargaarsa Paawondii biiliyoona 12 sadarkaa addunyaatti kennu hambisuuf karoora haaraa akka qopheesse himameera.

Ministirrii Muummeen biyyaatti Tereesaa Meey filannoo paartiin isaanii ji’a dhufu gaggeessu irratti yaada kana akka dhiyeessan Gaazeexxaan The Gardian jedhamu gabaaseera. Itoophiyaa dabalatee biyyoonni harka qaleeyyiin addunyaa gargaarsa maallaqaa mootummaan Biiriteen kennu kanarra fayyadamtoota ta’uun isaanii ni beekama. Gargaarsi mootummaan Biiriteen kennu kun kaayyoo kaayyeeffameef oolaa hin jiru jechuun ogessoonni siyaasa biyyaatti gargaarsa maallaqaa kana ilaalchisuun gaaffii dhiyeessa turaniiru Mootummaan ...

Read More »

Hojjattoonni lama aangoo isaanii seeraan ala itti fayyadamun horii nama sammuudhan himataman.

Hojjattoonni lamaan nama garee riphe-loltoota Al-sheebaab wajjiin waliitti dhufeenya qaba jedhame shakkamu akka hidhaniif ergaman aangoo isaanii seeraa ala itti fayyadamuu fi malanmaltummaa raawwatan jedhamanii himatamusaanii gabaafameera. Hojjattoonni lamaan abbaan alangaa federaalaa himate kunniin Bahiiruu Addunyaa fi Darraa Dastaa akka jedhaman gabaafameera. Bahiiruu Addunyaa hojjataa eggumsa nageenyaa mootummichaa yoo ta’u, Darraa Dastaa immoo shufeera jedhameera. Himatamtoonni lamaan Godina Baalee magaalaa ...

Read More »

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Warshaalee Simiintoo wajjiin marii tokkolee hin mari’anne jedhameera.

Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa dargaggoota naanniichaatiiif carra hojii uumuuf jechaa bakka omisha albuudaa galtee Simiintoo ta’aan warshaalee fi abbootii qabeenya harka fudhee dargaggootaaf akka kenne beeksiisa tureera Warshaaleen Simiintoo tibbaana marii mootummaa naanniichaa wajjiin gaggeessaniin bakkeewwaan omisha albuudaa galtee Simiintoo harka isaaniitti akka deebifataniiru jechuun gabaafameera. Mootummaan naanniichaa gamasatiin, bakka omishaa albuudaa galtee Simiintoo ilaalchiisee kan warshaaleef deebifame akka hin ...

Read More »

Balaa hongee Itoophiyaa mudate ittisuuf gargaarsi hawaasa addunyaa irra ni argama jedhame dolaarii biiliyoona tokkootti dhiyaatu keessa hanga ammatti gargaarsi dolaarii miiliyoona 23 qofti akka argame himameera.

Hawaasni addunyaa balaa hongee Itoophiyaa mudate kanaaf deebii hatattamaa waan hin kennineef balaan hongee kutaalee biyyatti gara gara keessatti miidhaa qaqqabsiisaa akka jiru Dhaabbaanni Mootummoota Gamtomanii beeksiiseera. Balaa hongee bara darbe qaqqabee tureef Mootummaa Itoophiyaa fi Hawaasa addunyaa irra gargaarsi foyya’aan argamee akka ture dhaabbaanniWorld Vision jedhamu yaadachiseera. Balaa hongee bara kana mudate ittisuuf gama lamaniinuu hanqinni bajeeta waan jiruuf ...

Read More »

Naannoon Oromiyaa fi Somaalee murtii sagalee ummataa Riifarandamii bara 1997 hojiirra oolchuuf waliigaltee mallateessuu isaanii gabaafameera.

Pirizedaantoonni Naannoolee lamaanii murtii sagalee ummaata naannoolee barbaadanii jalatti buluuf bara 1997 murteeffatan guutumaa guututti hojiirra oolchuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Pirizeedaantonni naannolee lamaanii waliigaltee murtii ummataa bara 1997 gaggeeffame bu’uureffachuun gandoota hin daangeeffamne daangessuuf waliigalaniiru. Rakkoo nageenya daangaa naannoo Oromiyaa fi Sumaalee hiikuuf riifarandamii bara 1997 geggeeffameen daangaa gandoota 147 daangeesuudhaaf walii galteen mallateeffameera. Riifarandamii bara 1997 kana duraan naannooleen laman ...

Read More »

Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu Warshaan Qalmaata Harree warra Chaayiinaa akka cufamu xalayaa itti bareesseera.

Warshaan Qalmaata harree Warra Chaayiinaa Shandong Dong jedhamu kan magaalaa Bishooftuutti hundeeffame harroota qalee gara biyyoota alaatti erguuf hojii yaalii akka jalqabe torbee sadiin dura beeksiisee ture. Warishiichi guyyaatti hanga harroota 200 qaluuf gahuumsa ni qaba jedhameera.Yeroo yaalii hojii itti jalqabee keessatti harroota 300 akka qalees beeksiisee ture. Warshiichi fooni harroota qaluu gara Veetinamiitti kan ergu yoo ta’u, gogaa harroota ...

Read More »

Mormii Ummataa wajjiin walqabatee namoonni 669 akka ajjeefaman Qulquleeffachuusa Koomiishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa beeksiiseera

Ka’umsi mormii Ummaataa rakkoo dhimmoota bulchiinsa gaarii wajjiin walqabatan jechuun Komishiniinariin mirgaa namooma Itoophiyaa Dr Addisuu Gabra -Igzabiheeriin gabaasa dhiyeessaniiru Loltoonni bakka baay’eetti tarkaanfii walgitaa akka fudhatanii fi bakka tokko tokkotti garuu tarkaanfii humna olii fudhachusaanii Addisuu Gabra -Igzabiheeriin gabaasa mana marii bakka bu’oota Ummataaf dhiyeessaniin himaniiru. Komishiniichi naannoo Oromiyaa godinaalee 15 fi magaalota 91, naannoo Amaaraa godinaalee 5 fi ...

Read More »

Ajjeechaan lammiilee nagaa irratti loltoota mootummaan raawwatame qulqulleeffachuuf gaaffii Dhaabbanni Mootummota Gamtomaanii fi Gamtaan Awurooppaa dhiyeessaan Mootummaan Itoophiyaa akka hin fudhane mirkaneesseera.

Gaaffii Dhaabbanni mootummoota Gamtomanii fi Gamtaan Awurooppaa ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatame qulqulleeffachuuf dhiyeese Mootummaan Itoophiyaa akka hin fudhane Minstirri Muummee Hayilamariyaam Dassaleeny gaaffii deebii BBC wajjiin taasisan irrati mirkaneessaniiru. Mormii Ummata Oromoo waggaa tokko oliif ture wajjiin walqabatee loltoonni motummaa lammiilee nagaa ajjeessuu fi dhiitta mirga namaa raawwachaa turaniiru. Yakka ajjeechaa fi dhiitta mirga namoomaa loltoota mootummaan raawwatama kana ...

Read More »

Itoophiyaa fi Kuwaataar waliigaltewwwan adda adda akka wajjiin mallatteessan miidiyaaleen Itoophiyaa gabaasaniiru

Amiirri Kuwaataar Sheek Tamiim Biin Hamaad Al Taanii daawwannaa hojiitiif gaafa wixataa Finfinnee galaniiru. Daawwannaa isaanii kanan Ministira Muummee obboo Hayilamariyaam Dassaleeny fi Pirizedaant Dr Mulaatuu Tashoomaa wajjiin kan mari’ataniiru. Qondaltoonni Itoophiyaa fi Kuwaataar dhimmoota daldalaa, dinagdee fi nageenyaa ilaalchiisuun waliigaltewwwan adda adda akka mallatteessan miidiyaaleen Itoophiyaa gabaasaniiru Qondaltoonni biyyoota lamaanii waliigaltee dippilomaasii fi namoota paaspoortii addaa qabatan viisaa malee ...

Read More »

Itoophiyaatti labsii yeroo hatattamaa wajjiin walqabatee namoonni baay’een hidhamunii fi ammas hidhaa kun itti fufun akka isa yaadesse Gamtaan Awurooppaa beeksiiseera

Haala qaabins mirga namoomaa fi bulchiinsa gaarii biyyaatti keessa jiru irraatti mari’achuuf jilli ergamaa adda mirga namoonaa gamtichaa Starivoos Lamibiraniidaasiin hogganamu guyyoota sadiif Itoophiyaa daawwachuusa gamtichi beeksiiseera Marii qondaltoota mootummaa Itoophiyaa wajjiin gaggeessen labsii yeroo hatattamaa labsameen lammiileen Itoophiyaa baay’een hidhamuun akka isa yaadesse himeera. Seeri, qajelfamoonni fi danbiiwwaan biyyaatti lammiilee fi paartiileen mormitoota yaada isaanii bilisaan akka hin ibsaneef ...

Read More »