Wixineen Seeraa “HR 128” Mana Marii Bakka Bu’oota Amerikaan qopha’ee Mana Mariittii dhiyaate sagaaleen akka itti kennamu beekame

Kawuunsiilaan Siivil Itoophiyaa fi Amerikaa bakka bu’oota kutaalee haawasa biroo akkasmas Koomishiinii Mirgaa Namoomaa dhaabbata mootummoota gamtomaanii wajjiin akkataa Wixineen seeraa “HR 128” jedhamu seeraa ta’ee ragga’uu irratti mari’ataniiru
Waltajjiin marii kun gaaffii hogganaan miseenoota mana marii bakka bu’oota Amerikaa paartii rippabilikanoota Keevaan Maakaartii dhalattoota Itoophiyaa wajjiin dhimmicharratti mari’achuuf dhiyeessaniin akka ta’e himameera
Misiinsoonni Paartii Rippabalikanoota mana marii bakka bu’oota Amerikaa keessatti teessoo caalmaa akka qaban ni beekama
Gareen qulqulleestuu dhaabbata mootummoota gamtoomanii dhitta mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwatame akka qulqulleessuuf mootummaan Itoophiyaa hanga guraandhala 8tti eyyamuu akka qabu yeroon dangeeffamu hirmattoonni marichaa himaniiru
Bulchiinsi mootummaa Itoophiyaa yeroo jedhame giduutti kan hin eyyamne yoo ta’e, Wixineen seeraa “HR 128” akka ragga’u himameera
Wixineen Seeraa “HR 128” jedhamu kun Itoophiyaa keessatti mirgi namooma akka kabajamuu fi kanneen dhittaa mirga namooma raawwatan seeraan kan gaafachiisu ta’u beekameera
Mootummaan Itoophiyaan gareen qorattootaa mootummoota gamtomaanii bakka barbaade hunda imaluun dhittaa mirga namoomaa raawwatame akka qulqulleessuuf kan hin deeggare yoo ta’e,wixiniichi hatattamaan akka ragga’u wixinicha kan qopheessan miseensi mana marichaa Kiriis Smiiz himaniiru
Namoonni dhitta mirgaa namoomaa keessatti hirmaatan Seera idilaa Addunyaan akka gaafatamaniis Kiriis Smiiz dubbataniiru
Amerikaa tumsa nageenya mootummaa Itoophiyaa wajjiin qabdu sababeeffachun dhittaa mirga namoomaa raawwatamu bira darbaa akka turte miseemsi mana marichaa biroo Maayik Koofmaan dubbataniiru
Bulchiinsi Mootummaa Itoophiyaa ummata biyyaatti shororkeessa wayita jirutti Amerikaan deeggarsa kennitu itti fufu hin qabdu jedhan
Bakka bu’aan Kaawunsiilii Itoophiyaa fi Amerikaa Diyaaqoon Yoseef Tafarraa gamasantiin, hogganaan miseensoota mana marii bakka bu’oota Keevaan Maakrtiin dhitta mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwatamu dhiyeenyaatti akka hordofan beeksisu isaanii himaniiru
Keevaan Maakartiin wixinee labsii “HR 128” jedhamu kan dhaabbisisuuf fedhii kan hin qabne ta’uu himuun,garuu bulchiinsa mootummaa Itoophiyaa carraan tokko akka kennamuuf fedhii qabaachu dubbataniiru
Haaluma kanan gareen qorattootaa mootummoota gamtomaanii mootummaa Itoophiyaarra eyyama kan hin arganne yoo ta’e wixinicha raggasuuf waliigalteera gahameera
Mootummaan Itoophiyaa yoo eyyame Komishiniin mirga namooma mootummoota gamtomaanii garee qorattoota hatattamaan gara Itoophiyaa erguuf qophii ta’uusa marii kanaratti himameera