Warshaan warqii Midrook Laga dambii kan Godina Gujii, jiraattoota naannoo warshichaatti argaman irraan miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuun osoo komiin jiruu irra deebi’ee haaromsamuun komii kaase.

Qondaalli mootummaa Oromiyaa qorattoonni yaada keenya fudhachuu dhaban yeroo jedhan, mootummaan federaalaa immoo qorannoon akka taasifamaa jiru himuun yoo bu’aan qorannoo sanaa jireenya lammiilee balaarra kan buusu ta’e waliigalteen haqamuu danda’a jedheera.
Jiraattoonni Godina Gujii Aanaa Oddo Shaakkisoo naannaa warshaa warqee Laga Dambii jiraatan sababa kemikaala warqii warshichaa keessaa bahauun guddaa rakkachaa jiraachuunis beekameera.
Walumagalattis sababii keemikaala warshicha keessaa bahuutiin walqabatee haadhooliin ijoollee godhachu, jaarsooliifi dargaggoonni balaa fayyaa dhabiinsaatif saaxilamaa jiraachuu jiraattoonni naannichaa himaniiru.
Komii hawaasaa kana sababa godhachuun qorannoo eegaluu kan himan Daarektarri abbaa taayitaa Bosoonaafi Jijjirama qillensaa Oromiyaa Dr Hasan Yasuuf qorannichi akka hinxumuramne dubbatan.
haaromsamuunsaa erga dhagahamee kaasee bakkeewwan garaa garaatti mormiin taasifameera.

Haaluma Kanaan Oromiyaa Godinaa Gujii Aanaa Shakkisotti mormiin ummataa cimee guyyoota lamaaf itti fufee jira.
Jiraattonni naannoo oomisha warqii Laga Dambii kan dhaabbata Miidrook jiraatan kemikaalli warshaa keessaa bahu guddaa nu miidhaa jira jechuun kontiraanni warshichaa akka hin haaromne gaafachaa turaniiru.
Waligalteen dhaabbatichaa waggaa 10’f haaromsamuu isaa hordofee garuu guyyaa har’aa bakkeewwan adda addaatti mormiin taasifamaa ooleera.
Godina Gujii bahaa Aanaalee Adoolaa, Gooroo-doolaa Shakkisoo magaalaa Haya Diimaa fi magaalota naannawaa sanaa kanneen biroo keessatti hiriirri mormii guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ooleera.
Mormii irratti Abbootiin Gadaa, jaarsooliin biyyaa, hojjetoonnii fi dargaggoonni qeerroowwan wal-ta’uun mormii gegeessaaniiru.
Ka’uumsi mormii kanaa Dhaabbanni MEDROC GOLD MINE jedhamu, kan abbaan qabeenyummaan isaa Sheek Mohammed Hussein Alii Al Alamuddiin ta’e waggoota 20’f Keemikaalli warshaa kana keessaa gad dhangalafamuun miidhaa namaa fi beeyladoota irra gahaa tureen kan wal-qabateedha.
Sababaa keemikaalan daa’immanii fi beeyladoonni hirrina qaamaa qaban dhalachuun, dubartoonni ulfaa rakkoo fayyaa cimaa keessa jiraachuun barameera.
Mormii guyyaa hardhaa kana irratti daandiiwwan gara Finfinnee, Mooyaalee fi Nagallee demu cufamee kan jiru yoo ta’u, Yuunversiitii Bulee Horaa fi Wallaggaa keessatti haaromfamuu heeyyema warshichaa mormuun diddaan jabaan geggeeffamaa akka jiru beekameera.
Odeeffannoon bahaa jiruun akka ibsutti guyyaa hardhaa godina Gujii Aanaa Gooroo Doolaa Haraqaloo, Malkaa soddaa, Adoolaa Waayyuufi Shaakkisoo keessatti mormiin cimee itti fufee akka jiruu fi Shakkisoo keessatti poolisoonni Oromiyaa uummata hidhaa akka jiran gabaafameera.
Sababaa Mormii kanaan wal-qabatee Guyyaa Kaleessaa qofa magaalaa Bule Hora, Fincaawaa, Shakkisoo, Harakalloo, Adola fii Yabelloo keessaa namoota 100 oli ta’an hidhamuun gabaafameera.
Godina Harargee bahaa Aanaa Gaara Mul’ataa magaalaa Gurawaatti hiriirri mormii guddaan haaromfamuu warshaa Sookoo laga Damb kana ilaalchisee jiraattootaan gaggeeffamee jiraachuu maddeen addeessaniiru.
Qabsoon kun hanga eeyyami haaromfamuu warshaa Sookoo laga Damb haqamee ifatti labsamuufi hanga qeerroon sababa kanaaf hidhamte hundi gadi lakkifamtutti itti fuufa jechuun Qeerroo kibba Oromiyaa hubachiisaniiru.
Mootummaan Itiyoophiyaa Warshaa albuuda Shakkisoo Laga Damb kun Hoogantoota bulchinsa Oromiyaa baayyee muddama cimaa keessa galcheera.

Karaa biroon immoo Waajirri dhimmota Koomiyunikeeshinii bulchinsa Oromiyaa ibsa baaseen, “Sochiin invastimantii kamiyyuu faayidaa ummata keenyaa kan mirkaneessu ta’uu akka qabu amantaa cimaa qabna kan jedhu yoo ta’u, komii haareffamuu konitraata invastimantii Midrock Gold waliin walqabatee ka’aa jiru uummata keenya dhaggeeffannee rakkoo ka’aa jiru qulqulleessuun akka furamu taasisuun fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuuf ni hojjenna jedhaniiru.