Walitti bu’iinsa Horsiisee Bultoota Affaarii fi Humna Addaa naannoo Tigraay giddutti lubbuu namoota galafateera.

Walitti bu’iinsa tibbaana horsiisee bultoota naannoo Affaar fi humna addaa naannoo Tigraay gidduutti mudatee lubbuu namoota akka gaalafate himameera.
Walitti bu’iinsi kun naannoo Affaar aanaa Magaalee bakka Daantii jedhamutti meeshaa waraanaan kan gargaarame ta’uusa Dhaabbanni Mirga Namoomaa Affaar ESATti himeera
Walitti bu’iinsa kanas humni addaa naannoo Tigraay weraara tasaa baneen akka jalqabame dhaabbani mirga namoomaa Affaar beeksiseera.
Sababa walitti bu’iinsa kanan horsiisee bultoota Affaariirra namooni sadii wayita ajjeeffaman gara humna addaa naannoo Tigraay immoo hidhattooni jaha ajjeeffamusanii himameera.
Humna Addaa naannoo Tigraay ajjeeffaman keessa tokko miseensa raayyaa ittisa biyyaa akka ta’e waraqaa eenyuummaa isarra akka mirkaneeffame dhaabbatich himeera..
Kara biraatiinis Mootummaan waayyaannee gosa Iisaatti fayyadamun garaa daangaa naannoo Sumaaleetiinis walitti bu’iinsa uumaa akka jiru himameera
Haaluma kanan yerooo ammaa naannoo Affaar keessatti kallatti sadiin walitti bu’iinsi uumameera.
Aanaa Gawaaneetti gosa Iisaa wajjiin ,garaa Aanaa Cifiraatti naannoo Amaaraa wajjiin akkasumas garaa aanaa Magaaleen immoo Humna addaa naannoo Tigraay wajjiin walitti bu’iinsi akka jiru beekameera
Seenaa keessatti Ummanni Affaar akka yeroo ammaa walitti bu’iinsaa walirra hin cinnee fi ittifufinsa qabu keessa seenee akka hin beekne hogganaan Dhaabbata Mirga Namoomaa Affaar Obboo Ga’aas Ahimaad ESATti himaniiru
Mootummaan waayyaannee fedhii daangaa babal’iffannaa fi karoora gara fulduraatti Tigraay guddoo ijaaruuf qabun lafa Affaar humnan fudhachuuf weraara akka jalqabe dubbataniiru
Mootummaan waayyaannee oomisha Sogidaa fi Potashiiyeemii naannoo Affaar keessatti argamu to’aachuuf akkasumas yeroo booda immoo gara naannoo Tigraayiitti dangeesssuun afjuu Tigraay Guddoo ijaaruuf qabu dhugomsuuf tattaafachaa jira jedhan.
Humni Addaa Naannoo Tigraay afjuu kana dhugomsuuf weraara banen naanniichatti nagaa fi tasgabbiin akka dhabame himaniiru
Sababa walitti bu’iinsa Gosa Iisaa wajjiin aanaa Gawaaneetti mudate walqabatee lubbuun namoota akka darbee himaniiru. Hanga ammatti garuu qabataman namoonni meeqa akka ajjeeffaman beekun hin danda’amne jedhan.
Walitti bu’iinsa aanaa Gawaanee ganda karoomaa jedhamu keessatti gosa Iisaa wajjiin uumamee kana Liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee gidduu seenuun dhukaasa banuusa himaniiru.
Liyyuu Pooliisiin Naannoo Sumaalee kun horsiisee bultoota naannoo Affaar irratti meeshaalee waraana ammayyaa fi gurguddaan fayyadamun dhukaasa akka bane Dhaabbanni Mirga Namoomaa Affaar beeksiseera Walitti bu’iinsa kana tasgabeessuuf Raayyaan ittisa biyyaa giddu seenee akka jiru himaniiru