Walgahiin Koree Hojii Raawwachistuu Dhaabbata Dimokirasummaa Ummataa Oromoo Miseensoota mana marii 14 kan biraan bakka buusuun xummurameera

Walga’iin koree hojii raawwachistuu giddugaleessaa Dhaabbata Demokirasummaa Ummata Oromoo guyyoota 10f Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti taa’aama ture murtiiwwaan adda addaa dabarsuun xumurameera.
Koreen hojii raawwachistuu itti gaafatamummaa mirkaneessuu fi qabsoo jalqabamee itti fufisiisiif miseensoota mana marii Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI)keessatti dhaabbaticha bakka bu’aan hirmaatan 14 namoota ga’uumsa fi ciminan qaban kan biroon bakka buusuun himameera.
Miseensota koree giddugaleessaa Dhaabbatichaa afur immo hanga yaa’ii itti aanutti akka ittifaman akkasumas miseensa koree giddugaleessaa tokko of eeggannoodhaan akka bira darbamu korichi murteessuun beekameera
Maqaan miseensoota dhaabbatichaa mana marii keessa ari’amanaii fi ittifaman eenyu fa’a akka ta’an yeroof waan beekame hin jiru.
Garuu Pirezedantiin naannichaa fi dura taa’aan dhaabbatichaa duraanii obbo Muktaar Kadiir fi itti-aantuu dhaabbatichaa fi gaafatamtuun wajjiira gidduglaeessaa dhaabbatichaa kan turan Aadee Asteer Maammoo kanneen ari’aman keessatti akka argaman beekameera
Koreen hojii raawwachistuu dhaabbatichaa walgahii Adaamaa galma Abbaa Gadaatti gaggeessaa tureen paartiilee mormitoota biyyaa keessaa fi Alaa jiran wajjiin hojjachuuf akka murteessee ‘OBN’ gabaaseera
Daldalli Biyyaatti kan namoonni muraasni aangoo mootummaatti fayyadamuu kaabaa fi kibbaa akkasumas Bahaa dhihaan qabachuun diinagdee Oromiyaa ittin qucaarsaan waan ta’eef seeraa qabsisuuf akka hojjatamu koreen hojii raawwachistuu dhaabbaticha mirkaneesseera.
Daladala biyyaatti namoonni muraasni karaa seeraan alaan aangoo mootummaatti fayyadamun olantummaa qabatan kanarra ummanni Oromoo fayyadamuu akka hin dandeenye korichi gamaggameera
Televizhiiniin naannoo Oromiyaa (Oromiyaa miidiyaa Neetwoork) sagalee ummataa ta’ee bilisummaa tamsaasaa isaa akka itti fufu korichi kan deeggaru ta’uu beeksiseera.
Bifuma walfakkatuun,Koreen Gidduu Galeessaa Dhaabbatichaa Pirezidaantii mootummaa Rippabiliika Dimokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa duraanii Dr Nagaasoo Gidaadaa fayeeda adda addaa isaaniif malu akka argatan murteesseera .
Dr Nagaasoo Gidaadaa dhuunfaan dorgomanii miseensa mana marii bakka bu’oota ummataa waan injiftanaiif fayeedaan heeraa mootummaan akka argataniif isaaniif eyyamamu gutumaan gutuutti dhabaniiru.
Dr Nagaasoon konkolataa dhuunfaa ittin deemaan waan hin qabneef taaksii fi baasii magaalaatti fayyadamaa akka jiran himameera
Dr Nagaasoo Gidaadaa Konkolaataa fi baasii waldhaansaa dabalatee fayeedaan adda addaa akka kabajamuuf Koreen Hojii Raawwachistuu dhaabbatichaa walgahii Adaamaa kanan murtesseera
Akkasumas ji’a ji’aan Mindaa birrii kuma 30n akka isaaniif kaffalamu koreen Hojii raawwachiistu adda Dimokirasummaa Ummata Oromoo murteesseera.
Dr. Nagaasoo Gidaadaa akka lakkofsa Itoophiyaa bara 1987 Pirezidantii Mootummaa Rippabiliika Diimookraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa jalqabaa ta’uun muudamun isaanii kan yaadatamudha