Wajjiirri Tikaa Waayyaannee maallaqa Dhaabbanni Mootummoota Gamtomanii Baqattoota Itoophiyaa keessa jiran gargaaruuf ramadu saamaa jira jedhame

Bajeenni Dhaabbanni Mootummaanni Gamtooman baqattoota biyyoota adda addaa Itoophiyaa keessa jiraatan gargaaruf ramadu wajjiira tikaa waayyaannee sammaamaa akka jiru himamee.
Miseensoonni tikoota waayyaannee bajeeta dhaabbaticha ramadu saamaan wagga waggaan dolaariin miiliyoona hedduu ofirraa buusu akka hin dandeenye qamooleen dhimmicha dhiyeenyaatti beekan ESATti himaniiru
Tikoonni Waayyaannee kunniin konkolattoonni Komishiinii Gargaarsa Baqqattoota Mootummoota Gamtomaanii gargaarsaaf kennu gocha ajjeechaa, ukkamsaa fi hidhaaf itti fayyadama akka jiran himameera.
Qondaltoonni Wajjiira Tikaa waayyaannee olaanoon immoo konkolattoota dhaabbaticha dhimmaa dhunfaaf itti fayyadama jiru jedhame.
Tajaajila Odeeffaannoo fi Nageenya Biyyaaleessa jala kan jiru Wajjiirri dhimmoota Baqattoota fi Baqannaa deebii dhaabbata mootummoota Gamtomanii wajjiin qindomiina uumuun baqattoota kuma 800 fi kuma 50 bulchaa jira.
Wajjiirrichi Buufatalee Baqattoota 26 keessatti baqattoota Sudaan Kibbaa, Sumaliiyaa fi Eritiraarra gara Itoophiyaatti baqatan maallaqa Komishiniin Baqattoota mootummoota gamatomaanii ramaduniif gargaara jira.
Dhaabbata Mootummoota gamtomanii fi dhaabbiilee Arjomtoota biroorra wagga waggaa dolaariin miiliyoona heddu baqattootaf kan ramdamu ta’uus, tikoonni waayyaannee sababa gara garaan saamaa akka jiru jedhame
Hoggantoonni Wajjiira Tikaa waayyaannee obboo Geetaachoo Asaffaa, hojjatan wajjirichaa duranii obboo Isayaas Wadagiyoorgiisii fi Itti-aanaa hogganaan wajjiira dhimmoota baqqatootaa fi baqanaa deebii Obboo Zayinuu Jamaal ijoollee isaanii mana barnoota Liisee Gabramariyaamiitti barsiisa jiru.
Mana barnoota kanatti ijoolleen dippilomatoota fi lammiilee biyyoota alaa kan itti baratan yoo ta’u, hojjataa mootummaa Itoophiyaa tokko kaffalitti mana barnootichaa danda’ee maatiisa barsiisu humna ol akka ta’e himameera.
Yaa ta’u malee, qondaltoonni wajjiira tikaa waayyaannee kunnin bajeeta baqqatootaaf ramadamu saamuun ijoollee isaanii manneen barnoota maatiin dippilomatoota fi lammiilee alaa itti baratanitti barsiisa jiru.
Obboo Zayinuu Jamaal Yunivarsiitii Finfinneetti gosa barnoota Fiizikisiin akkuma eebbiifamen Keeniyaatti ramadamuun baqattoota Itoophiyaa baay’ee kan ukkamsiisee fi ajjeechise akka ta’e keessa beektoonni himaniiru
Wajjiirri Dhimmoota Baqattoota fi Baqanaa Deebii miseeensoota waayyaanneen waan hogganamuuf dhalattoota saba Tigraay baay’ee lammiilee Eritiraatti jechun garaa mootummoota Gamtomaaniin gara biyyoota adda addaa ergusaa ragaaleen mul’isaniiru.