Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomaniitti, dhaabbanni Barnoota, Sayiinsii fi Aadaa Addunyaa yookan UNESCOn Sirnaa Gadaa Ummataa Oromoo waggoota hedduuf kara dimokratawaan dhaloota gara dhalootaatti darbaa dhufee galmee hambaa addunyaa irratti galmeessee
UNESCO walgahii 11ffaa tibbaana magaalaa Finfinneetti ta’een, sirnaa gadaa ummanni oromoo garaa aadaatiin ittiin bulaa turee fi dagaginaa dimokraasii yeroo amma addunyaan irra geesseef ka’uumsa ta’ee kana galmee hambaa addunyaa irratti kan galmeessee,
Ummaanni Oromoo sirni dimookraasii osoo jalqabamiin dura sirna Gadaa maddaa Dimokraasii fi bulchiinsaa ta’een rakkoo tokkoo malee aangoo waliif dabarsaa turee waan ta’eef ‘UNESCO’tti galmaa’uu danda’eera
Sirni gadaa ijaarsa sirna dimokiraasii yeroo ammaa addunyaan irra geesseef gumaacha guddaa akka gumaachee hayyoonni ragaa bahaniiru.
Sirni bulchiinsi gadaa ummanni oromoo osoo akka ammaa teekneloojiin hin babal’atiin duraa aadaa, duudhaa fi beekumsa qabu dhaalootaa irra gara dhalootatti akka darbuuf gargaaredha.
Sirni Gadaa sirna cimaa Amanti, siyaasa, Aadaa fi sirna waliitti bu’insi ittin furamu qaba . kana malees kabajamuu mirgaa dubbartootaa fi mirgaa namooma kan haamate dha.Ummanni Oromoo eegumsaa naannoo xiyyeeffannaa kennuun qabeenya umammaa kununsuun barbachiisa fi murteessa akka ta’ee sirna gadaa isaatiin labsachaa tureera
Akkaata Sirni Gadaatiin abbaan gadaa waggoota saddeet saddeetiin kan muudamu. Abbaan Gadaa muudamuus Abbootii gadaa biroo fi ummataa wajjiin ta’uun haala yeroo irratti hunda’uun murtiiwwaan adda addaa dabarsa.
Sirni gadaa Hambaa Addunyaa ta’ee UNESCOn akka galma’uuf hayyoonni Oromoo,Abbootiin Gadaa fi hawaasaa Hawaasni Oromoo gahee guddaa gumaachaniiru.
walgahii ‘UNESCO’ 11ffaa magaalaa Finfinneetti ta’aame kanan hambaaleen biyyoota 10 hambaa addunyaa ta’uun ‘UNESCO’dhaan galma’aniiru.