Waggoota saddeetiin dura Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Tigraay keessatti Dolaaraa miliyoonaa 300 fi miliyoonaa 60 kan ijaarame maddi humna Ibsaa Takkazee rakkoon teekinikaa isaa qunnameen Tarbayinootaa Afur keessa sadii hojii dhaabuun isaanii himammera. Maddaa humna ibsaa kana bara darbee sababa goginsatiin hanqinni bishaanii muuddatee kan turee ta’uun ni yaadatama. hidhni kun kuusaa bishaanii gahaa malee humna ibsaa akka maddisiisuu gochuun Tarbayinoon kunnin tajaajila kennuu dhaabuuf sababa akka ta’ee Humni Ibsaa Itoophiyaa beeksiisera.
Maddi Humna Ibsaa Takkazee maddaa humna ibsaa waliigalaa biyyaatti maddisiistuu keessaa dhibbeenta sadii kan uwwisuudha. Humna ibsaa Meeggaa Waattii 300 kan maddisiisaa turee maddii humna ibsaa kun yeroo ammaa rakkoo isa muddaateen Tarbayiniin tokkich hojii irraa jiru humna meeggaa waattii 75 maddisiisuu kan danda’uu ta’uus yeroo ammaa garuu giddugalaan meegaa waattii 45 hanga 55 qofa maddisiisa akka jiru Humni Ibsaa Itoophiyaa beeksiseera.
Maddi humna Ibsaa Takkazee humna Meeggaa waattii 250 maddisiisuu waan dhaabeef dhiyeessa humna ibsaa naannichaa irratti rakkoo akka qaqqabsiisee himameera. rakkoo teekinikaa kana furuuf kaampaanii tokko wajjiin waliigaltee dolaaraa kuma 200 fi kuma 15 akka mallateeffamee dhaabbileen sab-qunnamitti mootummaa Itoophiyaa gabasaniiru
Maddii humna ibsaa Takkazee bajeeta duraa qabameef malee Dolaariin miliyoonaa 100 fi miliyoonaa 36 dabalataan baasii itti ta’eera. Ogeesoonni yeroo gara gara bajeennii hadha kanaaf ramadamee fi haali teessummaa lafaa kan wal simu akka hin taane beeksiisa turaniiru.
yeroo amma magaalaa Finfinnee dabalatee guutuu biyyaa keessattii tajaajili humna ibsaa waan addan ciccituuf jiratoonnii fi warshaaleen rakkachaa akka jiran waltajjii argatan hunda irratti komii isaanii dubbataniis qondaltoonni Itoophiyaa waadaa galuu malee jijjiirama qabatamaa fiduuf hin dandeenye.
Humni maddaa ibsaa Takkazee kana rakkoon teekinikaa jedhamee furamee yoom hojii jalqabee Humna ibsaa Meeggaa waattii 250 yeroo amma maddisiisuu dhaabee akka jalqabuu danda’u waan beekamu hin jiru.