Sudaan Kibbaa labsii yeroo Hatattamaa labsite

Pirezedaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir rakkoon nageenyaa mudate furuuf ji’oota sadeen dhufaniif labsii yeroo hatattamaa labsuu isaanii beeksisaniiru.
Biyyaatiitti walitti bu’iinsa Naannoo Bahaar El Gahaaziilitti mudateen namoonni baay’een lubbuu isaanii dhabaniiru.
Sudaan Kibbaa qabsoo waggaa baay’een booda Sudaan irraa bilisa baatee akka biyyaati erga hundoofte waggaata laman booda akka lakkofsa warra faranjootaa bara 2013 lola walwajjiniin unkuramu jalqabde.
Lola Walwajjiin lubbuu amoota baay’ee galafatee kanaaf sababa kan ta’e immoo Pirizedaant Saalvaakiirii fi Itti Aanaa isaanii Reek Maachaar giduutti waliigalteen waan dhabameef akka ta’e ni yaadatama.
Pirezedaant Saalvaakiir itti aanaa isaanii Reek Machaar Mootummaa humnaan fonqolchuuf yaadaa jiru jechun hojiirraa ari’uun isaanii ni yaadatama.
Waliigaltee dhabuun Pirezedantii Saalvaakiir fi Reek machaar kun gara gosoo walitti bu’iinsi pirizedantoota laman gara gosaatti akka ce’uun lubbuu namoota nageenya baay’ee galafateera.
Walitti Bu’iinsi hogganttota lamanii nageenyaa fi tasgabbii biyyaatti dhabamsisuun lubbuu namoota baay’ee galafateera.
Kan lubbuun hafan immoo qa’ee fi qabeeya isaanii dhiisuun gara biyyoota Ollaatti baqachuuf dirqamaniiru.
Labsiin yeroo hatattamaa ji’oota sadiif pirizedaantiich labsan kun akka jedhame nagaa fi tasgabbii biyyaatti ni mirkaneessa jedhame akka hin yaadamne xinxaltoonni siyaasa himaniiru.
Yeroo amma Biyyoonni Ollaa Gaanfaa Afriikaa lamaan Itoophoyaa fi Sudaan Kibbaa labsii yeroo hatattamaa labsaaniiru.