Wixineen seera ittiin bulmaata interneetii dhihoo kan mana maree uummaataaf dhihaate mormitoota paartilee siyaasaa biyya keessaa, gaazexeesitootaa fi sagalee fayyadamtoota weebsaayitootaa ukkaamsuuf akka ta’e gaazexaan ook Afrikaa Keeniyaatti maxxansamu gaabaase.
Itoophiyaatti labsii seera yakka Kompiwuutaraa jedhamee kan waamamu wixineen seera ergaa barreefamaa bahe fudhatee kan bittinneessu seeraan akka adabamu hima.
Gaazexaan ook Afrikaa “biyya bunaa malee dhihootti biyya itti fayyadama interneeti kan hin taane Itoophiyaan “ ergaa barreeffamaa weebisaayitoota fi bilbilaan baayyinaan kan dabarsu hanga waggaa shanii akka hidhamu gabaasera.
Labsii “Yakka Kompiwuutaraa” jedhamuun kan beekamu seerri kun ergaa barreeffamaa bifa beeksisaatiin, akkasumas suuraa fi vidiyoowwan baayyinaan warra daddabarsan to’achuuf akka bahe himuun, namni tokko ta’e jedhee nama tokko ykn maatii isaa vidiyoo kaasuun, sagalee ykn suuraa isaa dabarsuuf sodaachisuu, balaa geessisuu, ykn ammoo maqaa balleessuun akka yakkaatti ilaalamuun hanga waggaa sadiitti akka adabsiisuu fi dhimmi isaa cimaa taanaan hanga waggaa shanii akka adabsiisu gaazexaan kun gabaaseera.
Dabalataanis fakkiiwwan saal-quunnamtii bittimsuu, hanna jajjabeessuu fi kompiwuutara ugguruun yakka gadhee ta’us, seera irratti hin caqasamne, “mormii waamuu” ykn “uummata hunkuruu” ciroowwan jedhan dhabamuun garuu kan nama ajaa’ibsiisan ta’uu kutaalee wixinichaa caqasuun ibseera.
Seerri yakka interneetii Itoophiyaa kan bahe mormii guutuu Oromiyaan hunkuramuu isheetiin ta’uu himuun, yeroo mormiitti suuraa namoota humnoota tika mootummaan ajjeefamanii fi haala yeroo weebsaayitoota fayyadamuun ergaa daddabarsaa yakka biyya keessatti hojjetamu saaxiluu isaaniitiin akka ta’e hubatameera.
Gaazexichi Taanzaaniyaatti midiyaaleen hawaasaa yeroo hojiitti akka hin fayyadamnee fi maqa balleessii sab-quunnamtiiwwan hawaasaan taassifamu hojii dhaabsifaman jechuun seera bitootessa keessa bahe wabeeffachuun barreesseera.
Bifuma walfakkaatuun biyyoota Afrikaa biraa keessattis midiyaaleen hawaasaa guddachaa dhufuun keessattuu, Zimbaabwee, Gaambiyaa, Ugaandaa fi kongootti ragaa sagalee dogoggorsiisu, dorsisuu fi hidhamuu gaggeessitoota paartilee mormitootaa ilaalchisee mormii isaanii akka hin dhageessisne “Rakkoon nageenyaa ni jiraata” jechuun midiyaaleen hawaasaa akka cufaman gaazexaan kun hibachiiseera.