Sababa Walitti Bu’iinsa Oromoot fi hidhatoota mootummaa Naannoo Sumaaleetin Lammiileen Oromoo Dhibbatamatti lakkawaman akka du’aan himameera.

Sababa walitti Bu’iinsa kanan lammiileen Oromoo baay’ee ajjeeffamuusanii fi lammiileen Sumaalee ajjeeffamaniis akka jiran Ministirri wajjiirii dhimmoota Komunikeshinii mootummaa Federaalaa Dr Nagarii Leencoo dubbataniiru
Lammiileen Oromoo kuma heddu biyyaa Sumaaleeland keessa jiraata turan qe’ee fi qabeenya isaaniirra akka buqqa’aaniis mootummaan Federaalaayeroo jalqabaaf amaneera.

Lakkofsi lammiilee sababa walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi Sumaalee wajjiin walqabatee ajjeeffamanii kallattiin hangana jechun waan hin danda’amneef qulqulleeffamaa jiras jedhan.
Lammiileen Oromoo baay’een biyyaa Sumaaleeland keessa jiraata turan buqqa’aanii kaampii Loltoota Itoophiyaa magaala daangaa Wucaalee qubatan gara biyyaatti deebi’aa akka jiraniis himaniiru.
Rakkoon Nageenya naanniicha erga tasgaba’ee maaliif lammiileen Oromoo qe’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’aan naannoo Sumaalee keessa akka turn hin taasifamne gaaffii jedhuf deebiin kennan hin jiru.
Lammiileen Oromoo baay’een biyyaa Sumaalee land jiraata turan gara biyyaatti deebi’aa wayita jiran kanatti Ministeerri Dhimmaa Alaa Itoophiyaa Qondaltoota Mootummaa Sumaaleeland wajjiin mari’achaa akka jiru miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.
Lammiileen Oromoo qe’ee fi qabeenya isaaniirra akka hin buqqa’aane ittisuuf Sumaaleelandiitti, Dhimma Raawwachisaanii Imbaasii Itoophiyaa fi miseensi waayyaannee Barihee Tasfaayee yaaliin taasise ilaalchise waan jedhame hin jiru
Lammiileen Oromoo Sumaaleeland buqqa’aanii kaampii loltoota Itoophiyaa Toogoo Wucaalee keessa turan kuma 4 ol gara Oromiyaa magaala harar galaa akka jiran beekameeraa.
Jirattoonni magaalota Oromiyaas obboleewwaan isaanii gara biyyaatti yemmuu deebi’aan simaannaa gaarii fi gargaarsa gochaa akka jiran hinbeekama.