Saawud Arabiyaatti maallaqni karaa seeraan alaan qisaasame dolaarii Biiliyoona dhibba tokko akka ta’e himame

Mootummaan Saawud Arabiyaa duula farra maalanmaltummaa tibbaana jalqabeen maallaqni karaa seeraan alaan qisaasame dolaarii biiliyoonna dhibbaa tokko akka ta’e beeksiseera
Lakkofsi namoota maalanmaltummaan shakkamanii too’aannoo jala oolfamaniis gara 200tti akka dhiyaatu Abbaan Alangaa Biyyaatti dubbataniiru.
Duula Farra maalanmaltummaa halkan sanbaata darbee jalqabame maatiiwwaan mootii, Ministiroonni fi abbootiin qabeenyaa baay’een shakkamanii hidhamaniiru.
Abbootii qabeenyaa maalanmaltummaan shakkamanii hidhaman keessa dhalootan Itoophiyaa kan ta’an shee Mahammad Alamudiin keessatti argamu.
Abbaa Alangaa Saawudii Shee Saawud Al-Moojaabin waabeffachuun BBC akka gabaaseetti, waggoota darban keessa dolaariin biiliyoona 100 karaa qindomiina qabuun saamameera.
Maatiiwwaan mootii,Qondaltoonni mootummaa fi Abbootiin qabeenya yakka maalanmaltummaan shakkamanii hidhamun daladala biyyaatti irratti rakkoon fide hin jiru jedhamera.
Tarkaniiffi farra maalanmaltummaa cimaa mootummaan biyyaatti fudhachaa jiru kanan hanga ammatti lakkofsi heerraga baankii shakkamtoota kuma tokko fi 700 akka hin sochoneef ittisameera.
Koreen Farra maalanmaltummaa biyyaatti gara sadarkaa qoranoo itti aanuutti ce’uuf eyyama seeraa akka qabus himameera.
Namoonni 208 maalanmaltummaan shakkamanii qorannoof kan dhiyaatan yoo ta’u, shakkamtoonni torba bilisaa gadhiifamusaanii Abbaan Alangaa biyyaatti beeksiseera.
Koreen Farra maalanmaltummaa mootii Saawud Arabaiyaan hundeeffame kun ergama hundeeffameef karaa bu’aa- qabeessaan raawwacha jira jedhameera
Qorannoo waggoota sadeen darban qoratameen qabeenya biyyaatti kan ta’e, dolaariin biiliyoona 100 kara qindomiina qabuun akka qisaasame himameera
Abbaan Alangaa biyyaatti mirga seeraa shakkamtoota kabajuuf jecha maallaqni sadarkaa namoota dhuunfaan qisaasame fi yakkaa shakkamtoonni dhuunfa dhuunfaan raawwatan ibisuurra of qusataniiru.
Dhalootan Itoophiyaa kan ta’an Shee Mahammad Huseen Alamuddiin maalanmaltummaan shakkamanii hidhamun isaanii lammiilee Itoophiyaa kan aja’ibsiise ta’uus, miidiyaaleen mootummaa garuu callisuu filataniiru
Miidiyaa waayyaannee kan ta’e Koorporeshiniin Faanaa Birood kastiing garuu Shee Mahammad Alamuddii maalanmaltummaan shakkamanii hidhamu isaanii gabaasa tureera