Saa’ud Arabiyaan Hidhamtoota lammiilee Itiyoophiyaa hiikuuf akka murteessite beekame.

Mootummaan Saawudii lammiilee Itoophiyaa mana hidhaatti argaman gadhiisuuf qophaa’oodha jedhe.
Waajjirri Dhimmoota Komunikeeshinii motummaa federaalaa Itoophiyaa akka beeksisaniitti, mootummaan Saawudii lammiilee Itoophiyaa to’annaa jala oolche hedduu gadhiisuudhaaf qophaa’aadha jechuun ibsee jira. .

Ministeerri Muummee Dr Abiy Ahimad afeerraa mootii Saawudii Salmaan Biin Abdulaziiziin taassifameen wayita ammaa kanatti daawwannaa irra jiru.
Ragaaleen akka mul’isanitti, lammiileen Itoophiyaa kuma 100 ol ta’an heyyama seeraatiin ala Sawudii keessa jiraatu.
Kana malees, Ministeerri Muummichaa waa’ee mucaa lammii Itoophiyaa sababii dogoggora wal’aansaatiin waggoota 12f mana yaalaa cisaa jiru ilaalchisuun mooticha waliin mari’achuusaa maddeen ibsaniiru.
Torban muraasaan duras Dr Abiy Ahimad daawwannaa hojii walfakkaataa biyyoota ollaa kan akka Keeniyaafi Sudaaniitti erga taassisaniin booda waliigaltee hoggantoota biyyootaa waliin irra gahaniin baqattoota lammiilee Itoophiyaa hedduun hidhaadhaa gadhiifamaniiru.
Akkuma beekamu Muummeen Ministeeraa biyyattii Dr Abiy Ahmed daawwannaa hojiif kaleessa galgala gara biyya Sa’ud arabiyaatti imaluu isaanii gabaafamee ture.
Mootummaan Sa’udiis gaaffii Muumichi Ministeeraa Itiyoophiyaa akka lammiileen Itiyoophiyaa hidhaa jiran gadhiifaman gaafate fudhachuun murtee kana irra akka gahe gabaafameera.
Dr Abiy Ahmed daawwannaa armaan dura gara biyyoota Keeniyaa fi Sudaanitti taassisaniin hidhamtoonni lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota kana keessatti hidhamanii jiran akka gadhiifaman gaaffii inni dhiheesse Mootummoota biyyoota lameeniin fudhatama argachuu isaatiin hidhamtoonni lammiilee Itiyoophiyaa gadhiifamuun isaanii ni yaadatama.
Lammiilee Itiyoophiyaa 1000 ta’an guyyaa Borii Mana hidhaa Saawud Arabiyaa gadhiifamuuf karoorfame keessaa Dhiirri 900 fi Dubartiin 100 akka ta’an Ripoortarri OBN Saawud Arabiyaarraa Gabaasee jira.