Guddina diingdee Itoophiyaa yeroodha gara yerootti laafaa dhufee wajjiin walqabatee qala’insi gatii bittaa duraan dhibbentaa 5.6 irra ture gara dhibbentaa 7 ol guddachuusaa Ejeensiin Statatikisii Giduugaleessaa beeksiiseera.
Gatiin bittaa nyaata waan dabaleef qala’insa gatii bittaa kun ol guddachuu akka danda’ee Ejeensiin Statatikisii Giduugaleessaa himeera. Qala’insa gatii bittaa nyaata ji’a darbee dhibbeentaa 3.4 irra turee ji’a kana immoo gara dhibbeentaa 6 ol guddachuusa ejeensich beeksiiseera.
Baankiin addunyaa laafinsa diingdee fi kuusaa liqii biyyaatti irra jiru wajjiin walqabatee qala’insi gatii bittaa dabaluu akka danda’u yaadachiisa turun ni yaadatamaa.
Baankiin Addunyaa tibbaana gabaasa baaseen , mootummaan itoophiyaa hatattaamaan imaammata diingdee kan hin foyyeesne yoo ta’ee, guddinni diinagdee biyyaatti kana caalaa laafuu akka danda’u hubachiiseera.
Mootummaan karoora diingdee biyyaatti bara kana dhibbeenta 11n guddisuuf karoorfate gara dhiibbentaa 8 gadi bu’eera. Tasgabbii dhabamuun fi daldali biyyaa alaa laafuun diingdeen biyyaatti akka hin guddaneef gumaachuusa baankiin addunyaa beeksiisera
Qondaltoonni mootummaa Itoophiyaa bara faranjoota haaraatti diingdee Itoophiyaa dhibbeentaa 11.4 ni guddata jechuun tilmaamaa jiru .
Fandiin Monitariingii Addunyaa gama isaatiin, diingadeen biyyaatti naannoo dhibbentaan shan qofan guddachuu akka danda’u tilmaameera
Itoophiyaan balaa hanqina sharafa biyyaa alaa fi daldala alaa ishee muudate furuuf foyyaa’insa imaammata diingdee dabalatee, humna bituu birrii xiqqeessuu akka qabdu baankiin Adduunyaa Hubachiiseera
Hoggantoonni Baankii Biyyooleessa gama isaantiin, yaada furmaata baankiin addunyaa dhiyeesse kana bu’aa isaa irra miidhaatuu caalaa jechuun akka hin fudhane beeksiisaniiru.