Qotatee bultoonni Godinaa Kibba Walloo mormii cimaa geggeessan.

Godinaa Kibba Walloo iddoon Gobayyaa jedhamtu dachee qonnaaf toltuu fii bishaan qabdu ta’uun iddoo oomisha qonnaa gaarii itti oomishamuudha.
Qotatee bultoota godinaa kibba Walloo irraa sababaa ijaarsa baaburaa jedhamuun dacheen kaffaltii xinnoon waan irraa fudhatameef mormii geggeessaniiru.
Qotee bultoonni rakkoon isaanii akka ilaalamuuf iyyannaa qaama mootummaa dame gara garaati dheheeffataniis deebisaa tokkollee akka hin argatin himaniiru.
Dachee oomish qonnaa gaarii irraa argachuun ittin jiraatan kaffaltii xiqqoon irraa fudhatamuun kun beelaafa akka isaan saaxilu qotee bultoonni ibsan.
Wal-ga’ii naga’a eegaan aanaa qindeesse irratti furmaanni akka kennamuuf gaafii dhiheeffataniif yo waan nuti isinin jenne hin fudhanne ta’e humna poolisa federaalan akka dirqisiifama itti himamuun beeyyee akka qotee bultoota dallansiise dubbataniiru.
Wal-ga’ii taasifame irraa qotee bultoonni 50 oli ta’an wal-ga’ii dhiisanii akka bahan oduun mul’iseera.
Qotee bultoonni rakkoo isaanii qaamni dhaga’aa jiru waan hin jirreef miidiyaaleen sab-qunnamtii akka sagalee isaanii dhageessisaniif gaafataniiru.