Presedaantiin bootiswaanaa I’aan Kahamaa angoo gadi dhiisan.

Presedaantiin Bootiswaanaa I’aan Kaahamaa Ji’a Muddee darbee irraa jalqabanii godinaalee biyyattii 57 keessa naanna’uun lammiilee biyyaa nageenya itti dhaammachaa turuun angoo isaanii j’oota 18 booda akka xumuratan gabaasonni mul’isaniiru.
Haa ta’uu malee, Presedaant I’aan Kaahamaa biyyattii keessa karaa naga’a ta’een angoo waliif dabarsuun barbaachisaadha jechuun osoo yeruun jedhame hin ga’initti fedhinnaan anguu gadi dhiisuun dhagahameera.
Hanag bakka isaanii Presedaantiin biro muudamutti itti aanaan isaanii akka biyya bulchan barameera.
Presedaant I’aan Kaahamaa bara gadaa bulchinsa isaanii keessatti hujii gaarii hojjachuun lakkoofsa lammiilee hojii hin qabne bayyee akka gadi xiqqeesse jiru gabaasaaleen mul’isaniiru.
I’aan Kaahamaa umrii bara 67 biyyiti Bootisawaanaa erga sirna gabroomfataa Awrooppaa jalaa bilisa baatee ilma presedaantii duraa Saar Kahaama kan tahe human loltoota Bootisawaanaa keeessatti hujachaa turaniiru.
Presedaantin I’aan Kaahaan osoo yeroon angoo iti gadi dhiisan hin ga’in fidhinnaan angoo wanni gadi dhiisaniif biyya Bootswaanaa keessatti karaa naga’aan angoo waliif dabarsuun barbaachisaa tahuu waan amananiif jedhameera. I’aan Kahaamaa Lammiilee biyyaa biratti hoogganaa haqaa fii jaalatamaa ta’uun isaanii gabaafameera.