Pirizedaantiin Sumaaliiyaa Itoophiyaa daawwachaa jiran ministiira isaanii tokkoo erga ajjeeffamanii booda daawwaannaa isaanii addaan kutaniiru

Daawwaannaa guyyoota sadiif gara Itoophiyaa kan dhufan pirizedaantiin Sumaliiyaa Qondaltoota mootummaa Itoophiyaa fi Gamtaa Afriikaa wajjiin mari’achuuf karoora akka qaban himame ture
Turtii Guyyaa jalqabaatiin ministiira muummee Hayilamariyaam Dassaleeny wajjiin kan mari’atan yoo ta’u, qondaltoota mootummaa biroo wajjiin mari’achuuf karoori qaban garu hin milkoofne jedhameera.
Minsirtiirri biyyaatti Obal Abdulaahii Sheek Siraaj jedhaman gaafa roobii magaala Moqadiishootti rasaasa dongoraan dhukafameen lubbuu isaanii akka darbe BBC gabaaseera
Ajjeechaa ministiirra kana boodaa Pirizedaantiin biyyaatti Mohammad Abdulaahii daawwaannaa isaanii Itoophiyaa addaan kutuun gaafa kamisaa gara Moqadishootti imalaniiru
Pirizedantiichi Sirna Awaalcha ministirra ajjeeffamanii irratti argamuuf daawwaannaa isaanii akka addaan kutaan himaniiru.
Pirizedaantiich daawwaannaa isaanii kanan Loltoota Itoophiyaa dhunfadhaan gara biyyaatti bobbastee turte ajandaa marii akka ta’e gabaafamee ture.
Mootummaan Itoophiyaa ergama gamtaa Afriikaatiin alaatti loltoota lakkofsi isaanii kuma Afuritti dhiyaatu Sumaliiyaatti bobbasuun ni yaadatama.
Yaa ta’u malee, loltoonni Itoophiyaa kunniin ji’oota sadeen daraban keessa bakkeewwaan murteessoo ta’an baay’ee gadi dhiisaanii waan bahaniif loltoonni garee riphe-loltoota Al-Sheebaab dhukaasa tokko malee deebisaanii to’aachuun isaanii kan yaadatamuudha.