Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa siriil Raamafoosaan walakkaa miindaasaanii Tola Ooltummaa Mandeellaaf akka arjooman beeksisan

Murteen Obbo Raamafoosaa taassisan kun tujaaronni biyyattii deggersa maallaqaa gochuun ijaarsa biyyaa keessatti ga’eesaanii akka gumaachan akka onnachiises beekame.

Maallaqni Doolaara Ameerikaa kuma 130 Obbo Raamafoosaan arjooman kun harka dhaabbata gargaarsa Neelsan Mandeellaa Faawundeeshin jedhamu kan galu ta’a.

Pirezidaant Raamafoosaan maallaqa Doolaara Ameerkaa miiliyoona 450 qabaachuudhaan tujaarota biyyattii keessatti ramadamu.

Qeeqxonni Obbo Raamafoosaa garuu warra harka qalleeyyii qoollifatu jechuun komatu, kan isaan bara 2012 keessa caalbaasii gafarsaa fi ilmoo gafarsaa irratti maallaqa Dolaara Ameerikaa miiliyoona 2n hirmaatan baayyee qeeqan.

Maanguddoon waggaa 65 Obbo Raamafoosaan bara 2012 Pirezidaantii Itti Aanaa ta’uusaaniin dura daldalaa jabaa turan.

Lammiileen Afriikaa murtee Pirezidaanti Siiriil Raamafoosaa erga dhagahanii booda deggersaa fi qeeqa dhageessisaniiru.
Gariin anmootaa wanti isaan arjooman qabeenya isaaniitiin wal bira qabamee yoo ilaalamu waan xiqqoodha jedhu, warri kaan ammoo murteen kun seenaa Paartii Kongiresii Biyyaalessaa Afriikaa Kibbaa keessatti waan hin baratamneedha, kanaafuu jalqabbii jajjabeeffamuu qabuudha jedhu.

Roobii darbe Obbo Raamafoosaan paarlaamaa biyyattiirratti wayita dubbatan, murteen isaanii yaadannoo gooticha dimokiraasii Neelsan Mandeellaa fi hojii gaarii isaanii yaadachiisuuf akka ta’e ibsaniiru .

Pirezidaant Raamafoosaan ,wayita aangoo Pirezidaantummaa Pirezidaantii duraanii Jaakoob Zuumaaraa fudhatan duudhaan malaammaltummaa kan yeroo dheeraaf sirna bulchiinsaa Jaakoob Zuumaa jalatti kuufame qormaata itti ta’a jedhamee sodaatamaa turus, isaan nama maallaqa barbaadan waan hin taaneef, Ministeerri Dhimma Qabeenya Uumamaa Biyyattii Gwede Mantashe akka to’atan dubbatanii turuusaanii BBC’n gabaaseera.