Pireezdaantiin Buruundii Hanga Bara 2034-tti Angoorra Akka Turan Murtaa’e.

Lammiwwan Burundii sagalee kennnaniin heera biyyattii fooyyessuun, akka prezidaant Pierre Nkurunziza hanga bara 2034-tti taayitaa irra turuu danda’an seera eyyamu sagalee kennuun mirkaneesaniiru.
Koomishinniin filannoo Burundii, guyyaa Wiixataa akka beeksisetti, uummata biyyattii miliyoona 4.7 sagalee kenne keessaa dhibbantaan toorbaatamii sadii, akka heera biyyattii keessatti jijjiiramni yeroon muudama presedaantii biyyaa bara 5 ture haga muudama bara 7tti akka geeddaramu deggaruu ibsaniiru. Sagaleen dhibantaan 19 immoo heera kana murmaniiru.
Akkaataa kanatti prezidaantiin biyyattii – Pi’eeree Nikurunziizaa, marsaan prezidaantummaa isaanii kan ammaa eega xumuramee, marsaa lama dabalataan filatamuu akka danda’an ta’ee jira.
Heerri haarawni kun hoogganaa riphee loltoota durii kan lola walii wajiinii biyya keessaa booda gaaf bara 2005 muudamee ture, Presedaant Nkurunzian filannoo bara 2020 irraa jalqabanii filannoo yeroo lamaaf dorgomuun akka hanga bara 2034 angoorra turuu dandan kan eyyamuudha.
Gareen mirga namoomaaf falman filannoon heeraa kun haala soda fii doorsisaa tiin akka ta’e himaniis mootummaan garuu filannoon haala nageenyaa fii tesgabbaawa ta’een fidhinnaa ummataatiin akka ta’e BBCf ibsaniiru.
Heerri kun karaa biroon taayitaa muummee ministeeraa haaraya banuudhaan, walii-galteen aangoo qooddannaa gosa Tutsii fi Hutuu gidduu akka hojii irra oolfamu karaa saaqee jira jedhameera.
Dubbi himtuun Ministeera dhimma –alaa Yuunaaytid Isteets HEEZER NAURT dhimma kana ilaalchise ibsa kenniteen, haalli adeemsa filannoo biyya Burundii kun, kan iftooma hin qabne, kan miidiyaalee ugguree fii lammiilee biyyaa warren sagalee kennatan irra dhiibbaa guddaa gochuun geggeeyfame ta’uu ibsaniiru. Haala kana irratti hundaa’uun mootummaan gaafa Riferendemiin kun geggeessamuu isaa guyyaa tokko hafee jiru, mootummaan Burundii tamsaasalee VOA fi BBC akka ugguranii jiran gabaasameera.