Paartiin Samayaawwii fi Aranaa Tigraay Hiriira nagaa waaman

Paartiin Samayaawwii fi Aranaa Tigraay haala yeroo Itoophiyaa wajjiin walqabatee hiriira nagaa sanbataa fi dilbata dhufu akka waaman himameera.
Paartiin samayaawwii mataduree ‘Itoophiyaa Eenyu Yaa Baraaruu’ jedhun adbabaayii masqalaa magaala Finfinnee jiruutti onkololeessa 26 bara 2010 hiriira nagaa waamuusa itti-aanaa duraa taa’aan paartichaa obboo Geetaaneh Baalchaa dubbataniiru.
Hiriira nagaa akka waaman beeksisuun dirqama waann ta’eef kana immoo qaama mootummaa dhimmi ilaalu beeksisuu isaanii himaniiru.
Kanaafu dilbaata dhufu adababaayii masqalaatti hiriira nagaa akka gaggeessan obboo Geetaaneh ESATtti himaniiru
Haaluma walfakkatuun, Paartiin Aranaa Tigraayis bakka adda addaatti dhiibbaa dhalattoota Tigraay irratti raawwatamu balaleefachuuf magaala Maqaleetti sanbaata dhufu hiriira nagaa waamuusa beeksiseera
Hiriira nagaan paartiileen mormitoota lamaan waaman ilaalchisuun mootummaan beekamtii akka hin kennineef ragaaleen mul’isaniiru