Obboo Baqqalaa Garbaan wabiin akka hiikaman Manni Murtii Waliigalaa murteesse

Itti-Aanaa Dura Taa’aan Kongirasii Federaaliistii Oromoo obboo Baqqalaa Garbaa mormii ummata oromoo wajjiin walqabatee yakka shororkeessummaan himatamanii dhimmi isaanii mana murtii olaanoo federaalaatti ilaalamaa turun kan yaadatamudha.
Manni murtichaa dhimma isaanii kana waggaa tokkoo oliif lafa harkiisa erga ture booda himaannaa shororkeessummaa jijjiirame yakka idilileen akka himataman murteesse ture.
Yakki idilee akka ittiin himataman murteeffame mirga wabii kan dhoorkachisu waan hin tureef mirgii wabii akka isaaniif kabajamuf gaafataniis mana murtii olaanoo federaalaan eyyamu diduun ni yaadatama.
Manni murtichaa mormii abbaan alangaa mirgaa wabiin mana hidhaatii yoo gadhiifaman ummata kakasuu fi biyyaa bahuu danda’u jedhee dhiyeesse fudhachun mirga wabii kan dhoorkate.
Obboo Baqqalaan Garbaa ragaa ittisaa dhiyeeffacha kan jiran yoo ta’u, gaaffii mirga wabii Mana Murtii Waliigalaa dhaddacha ol iyyannootti dhiyeeffataniiru.
Manni Murtii Waliigalaa iyyaannoo isaanii qorachuun gaafa wixaata wabii Birrii kuma 30tin mana hidhaatti bahanii himmaannaa isaanii alaa akka hordofan ajajeera.
Manni hidhaa waayyaannee garuu ajaja mana murtii diduun sababa lakkoofsa galmee manni murtii waliigalaa erge sirrii mitti jedhu dhiyeessuun obboo Baqqalaa Garbaa mana hidhaa keessa tursiisa jira
Obboo Baqqalaa Garbaa mirgaa wabiin mana hidhaatii bahaaniis adeemsi ragaa ittisaa mana murtichaatti dhaga’amuu akka itti fufu himameera.
Haaluma kanan, manni murtii olaanoo federaalaa ragaalee ittisaa obboo Baqqalaa Garbaa Onkololeessa 27, 28 fi 29 bara 2010 dhaggeeffachuuf beellameera.
Obboo Baqqalaa Garbaa Ministiira Muummee Obboo Haayilamariyaam Dassaleeny fi aangoo Afa yaa’uummaa fedhii isaanii akka gadhiisan dhiyeenya kan beeksisan Obboo Abbaa Duulaa Gammadaa ragaa ittisaaf dhiyeeffataniiru.
Kana malees, Pirezedaantii naannoo Oromiyaa Obboo Lammaa Magarsaa, Hogganaa wajjiira giddugaleessa Dhaabbata dimokirasummaa Ummata Oromoo Doktor Abiyyii Ahimaad fi Kantibaa magaala Laga xaafoo-laga daadhii Aadee Caaltuu Saanii ragaalee ittisaa obboo Baqqalaa Garbaa dhiyeeffatan keessa jiru.
Itoophiyaa keessaatti qabsoo karaa nagaatiin jijjiirama siyaasa fiduun ni danda’ama jechun kan qabsa’aan Obboo Baqqalaa Garbaa lammiilee biyyaatti baay’ee biraatti kabaja fi jaalala guddaa akka qaban ni himama.